Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Dadhabinni Koo Humni Waaqayyoo Akka Mulʼatu Godheera

Dadhabinni Koo Humni Waaqayyoo Akka Mulʼatu Godheera

BARA 1985​tti anii fi haati manaa koo Kolombiyaa yeroo geenyu biyyattiin jeequmsa guddaa keessa turte. Mootummaan magaalaa keessatti dhaabbilee qoricha sammuu hadoochu daldalan wajjin, gaarreen irrattimmoo finciltoota wajjin wal lolaa ture. Naannoo magaalaa Mediliin ishii yeroo booda itti tajaajilletti dargaggoonni kashalabboota taʼanii fi meeshaa waraanaa hidhatanii karaarra deeman bakka hunda jiru turan. Qoricha sammuu hadoochu ni gurguru, namoota akka isaan hin miine sodaatanirraa maallaqa ni fudhatu, akkasumas maallaqaaf jedhanii namoota ajjeesu turan. Hundisaanii utuu baayʼee hin turin duʼaniiru. Yeroo sanatti akkuma waan addunyaa kan biraarra jirruutti nutti dhagaʼamee ture.

Fiinlaandi ishii biyyoota kaaba fagootti argaman keessaa tokko taatee kaanee gara Ameerikaa Kibbaa kan deemne akkamitti? Yeroon achitti dabarserraa hoo barumsa akkamiin argadhe?

DARGAGGUMMAA KOOTTI FIINLAANDI KEESSA YEROON TURETTI

Bara 1955ttan dhaladhe; obbolaa hangafaa laman qaba. Kanan guddadhe naannoo qarqara galaanaa kibba Fiinlaanditti dhihoo jiruu fi yeroo ammaatti magaalaa Vaantaa jedhamu keessattidha.

Haati koo ani dhalachuu koo waggoota muraasa dura cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate. Abbaan koo garuu dhugaa waan mormuuf haati koo akka nu qoʼachiistu ykn gara gumii akka nu geessitu ishiidhaaf hin heyyamu ture. Kanaafuu, yeroo abbaan keenya hin jirretti barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu nu barsiisti turte.

Umurii koo waggaa torbatti Yihowaa cinaa dhaabbadheera

Ijoollummaa kootii kaasee Yihowaadhaaf ajajamaan ture. Fakkeenyaaf, yeroo umuriin koo waggaa torba turetti barsiistuun teenya keekii dhiiga of keessaa qabu nyaachuu waanan dideef natti dheekkamtee turte. Afaan koo akkan banuuf harka tokkoon na qabdee harka kan biraatiinimmoo keekii sana afaa na kaaʼuuf yaalte. Achiis shukkaa ittiin afaan na kaaʼuuf yaalaa turte sana harka ishiirraan darbadhe.

Umuriin koo waggaa 12 yeroo taʼu abbaan koo ni duʼe. Sana booda walgaʼii gumiirratti argamuun jalqabe. Obboloonni gumii keessa jiran xiyyeeffannaa naa kennaniiru; kunis karaa hafuuraa guddina gochuuf na kakaaseera. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan sirriitti qoʼachuun jalqabe. Barsiifanni gaariin kun Hagayya 8, 1969​tti umurii koo waggaa 14​tti cuuphamuuf na gargaareera.

Barumsa fixee utuma baayʼee hin turin qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Torban muraasa booda bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluuf gara Piilaveesii ishii giddu gala Fiinlaanditti dhihoo jirtun deeme.

Piilaveesiitti Sirkaa ishii yeroo booda haadha manaa koo taate wajjin wal barre. Nama gad of qabduu fi nama hafuuraa taʼuun ishii baayʼee na hawwate. Beekamtii argachuus taʼe jireenya qananii jiraachuu hin barbaaddu. Lamaan keenyayyuu mirgi tajaajilaa keenya maaliyyuu yoo taʼe hamma nuuf dandaʼame guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf hawwii qabna turre. Bitootessa 23, 1974​tti gaaʼela dhaabbanne. Cidha keenya booda bashannana deemuu mannaa gara magaalaa Kaartuulaa deemne; magaalaa kanatti labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisu.

Mana Fiinlaanditti magaalaa Kaartuulaa keessatti kireeffanne

YIHOWAAN NU KUNUUNSEERA

Konkolaataa obboleessi kiyya nuu kenne

Gaaʼela erga dhaabbannee kaasee Yihowaan Mootummaasaatiif dursa yoo kennine wanta karaa qaamaa nu barbaachisu akka nuuf guutu nutti argisiiseera. (Mat. 6:33) Fakkeenyaaf, Kaartuulaa yeroo turretti konkolaataa hin qabnu turre. Jalqabarratti saayikiliidhaan deemna turre. Haa taʼu malee, yeroo gannaatti qilleensisaa baayʼee qorra. Naannoo tajaajilaa gumichaa isa baayʼee balʼaa taʼe keessatti tajaajiluuf konkolaataan nu barbaachisa ture. Konkolaataa bitachuuf garuu maallaqa hin qabnu turre.

Gaaf tokko obboleessi koo hangafaa akkuma tasaa nu gaafachuu dhufe. Innis gaarummaadhaan konkolaataasaa nuu kenne. Inshuraansiin konkolaatichaa kaffalamee ture. Wanti nurraa eegamu bobaʼaa bitachuu qofadha. Sana booda konkolaataa nu barbaachisu arganne.

Yihowaan wanta karaa qaamaa nu barbaachisu nuu guutuuf itti gaafatamummaan akka isatti dhagaʼamu nutti argisiiseera. Wanti nurraa eegamu Mootummichaaf dursa kennuudha.

MANA BARUMSAA GIILIYAAD

Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa, bara 1978​tti

Bara 1978​tti Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti hirmaachaa utuu jirruu barsiisota keenya keessaa tokko kan taʼe Riimoo Kuwakaanen a Mana Barumsaa Giiliyaadiif foormii akka guunnu nu jajjabeesse. Kanaafuu, Giiliyaad galuu waan barbaanneef Afaan Ingiliffaa barachuu jalqabne. Haa taʼu malee, bara 1980​tti foormii guutuu keenya dura waajjira damee Fiinlaandi keessatti akka tajaajillu affeeramne. Yeroo sanatti miseensonni maatii Beetel Giiliyaad galanii barachuuf foormii guutuu hin dandaʼan turan. Taʼus, bakka nuti gaariidha jennee yaannutti utuu hin taʼin, bakka Yihowaan gaariidha jedhee yaadutti tajaajiluu barbaannee turre. Kanaafuu, affeerraa nuuf dhihaate ni fudhanne. Taʼus, tarii carraa Giiliyaad galuu yoo arganne jennee Afaan Ingiliffaa barachuu keenya itti fufnee turre.

Waggoota muraasa booda Qaamni Olaanaan miseensonni maatii Beetelis Giiliyaad galuuf foormii akka guutan heyyama kenne. Nutis yeruma sana foormii guunne; akkas kan goone garuu Beetelitti tajaajiluun waan nu hin gammachiisneef hin turre. Beetelitti tajaajiluun baayʼee nu gammachiisa ture. Garuu ulaagaa barbaachisu yoo guunne bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluuf of dhiheessuu barbaannee turre. Achiis Giiliyaaditti waamamnee Fulbaana 1985​tti kutaa 79​ffaarraa eebbifamne. Ramaddiin keenya Kolombiyaa ture.

RAMADDII MISIYOONUMMAA KEENYA ISA JALQABAA

Kolombiyaa keessatti jalqaba waajjira dameetti ramadamne. Hojii naaf kennamu hunda hojjechuuf wantan dandaʼu hunda gochuuf yaaleera; taʼus, waajjira damee keessatti waggaa tokkoof erga tajaajillee booda jijjiiramni akka nu barbaachisu natti dhagaʼame. Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif ramaddii kan biraan akka nuuf kennamun gaafadhe; sana boodas akkas godhee hin beeku. Achiis magaalaa Niivaa ishii naannoo Huwiilaatti argamtu keessatti misiyoonota dirree taanee akka tajaajillu ramadamne.

Tajaajila baayʼeen jaalladha. Fiinlaandi keessatti qajeelchaa qeenxee taʼee tajaajilaa yeroon turetti yeroo tokko tokko ganama bariidhaa kaasee hamma galgalaattin tajaajila ture. Anii fi Sirkaan akkuma gaaʼela dhaabbanneen guyyaa guutuu hojii lallabaarratti dabarsina turre. Naannoowwan fagaatanii argamanitti yeroo tajaajillu yeroo tokko tokko konkolaataa keenya keessa bulla turre. Kunis yeroo imaluudhaan dabarsinu nuu hirʼiseera; akkasumas bariidhaan tajaajila keenya jalqabuuf nu dandeessiseera.

Misiyoonota dirree taanee tajaajilaa yeroo turretti hinaaffaa jalqabarratti tajaajilaaf qabnu wajjin walfakkaatu akka qabnu nutti dhagaʼama ture. Gumiin keenya guddachaa dhufe; obboloonnii fi obboleettonni Kolombiyaas nama kan kabajan, akkasumas jaalalaa fi dinqisiifannaa kan qaban turan.

HUMNA KADHANNAAN QABU

Magaalonni Niivaatti dhihoo jiranii fi Dhugaa Baatonni Yihowaa keessa hin jirre jiru turan. ‘Misiraachichi naannoowwan kana kan gaʼu akkamitti?’ jedhee baayʼeen yaaddaʼa ture. Haa taʼu malee, finciltoonni meeshaa hidhatan waan jiraniif naannoowwan kun nama keessummaa taʼeef gaarii hin turre. Kanaafuu, namni magaalota kana keessaa isa tokko keessa jiraatu Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼun kadhadhe. Namni sun dhugaa barachuuf Niivaa keessa jiraachuu qaba jedheen yaade. Erga cuuphamee booda karaa hafuuraa bilchaatee gara magaalaa isaatti deebiʼee lallabuu akka dandaʼus nan kadhadhe. Yihowaan ana caalaa furmaata gaarii akka qabu hubachuun qaban ture.

Achiis utuma baayʼee hin turin dargaggeessa Fernaandoo Gonzaalez jedhamu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun jalqabe. Fernaandoon magaalaa Aljasiiraas keessa jiraata; magaalaan kun magaalota Dhugaa Baatonni Yihowaa keessa hin jirre keessaa tokkodha. Fernaandoon hojiidhaaf kiilomeetira 50 ol deemee gara Niivaa dhufa ture. Qoʼannaasaatiif sirriitti qophaaʼa ture; achiis utuma baayʼee hin turin walgaʼiiwwan gumii hundarratti argamuu jalqabe. Torban qoʼannaa itti jalqaberraa kaasee namoota naannoosaa jiraatan walitti qabee wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaarraa barate isaan barsiisa ture.

Fernaandoo wajjin, bara 1993​tti

Fernaandoon qoʼannaa jalqabee jiʼa jaʼa booda Amajjii 1990​tti cuuphame. Achiis qajeelchaa yeroo hundaa taʼe. Amma Aljasiiraas keessa Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko waan jiruuf waajjirri damee qajeelchitoota addaa gara naannoo sanaatti erguu dandaʼa. Guraandhala 1992 magaalattii keessatti gumiin ni hundeeffame.

Fernaandoon lallabaa kan ture magaalaa sana keessatti qofaa? Lakki! Erga fuudhee booda haadha manaasaa wajjin gara magaalaa Saan Viiseentee deel Kaaguwaan jedhamtuu fi Dhugaa Baatonni Yihowaa keessatti hin argamne deeman. Achittis gumiin tokko akka hundaaʼu gargaarsa godhaniiru. Fernaandoon bara 2002​tti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee muudame; hamma harʼaattis haadha manaasaa Oolgaa wajjin hojii daawwannaa hojjechaa jiru.

Dhimmoota ramaddii tiʼookraasii keenya wajjin wal qabatanirratti wanta tokko adda baasanii kadhachuun hammam barbaachisaa akka taʼe muuxannoo kanarraa baradheera. Yihowaan wanta nuti gochuu hin dandeenye gochuu dandaʼa. Hojichi kan keenya utuu hin taʼin kan isaati.—Mat. 9:38.

YIHOWAAN ‘FEDHII FI HUMNA HOJIIDHAAF NU BARBAACHISU’ NUU KENNA

Bara 1990​tti hojii daawwannaa akka hojjennu ramadamne. Aanaan keenya jalqabaa magaalaa guddoo biyyattii kan taate Bogotaadha. Ramaddiin kun nu sodaachisee ture. Anii fi haati manaa koo dandeettii adda taʼe hin qabnu. Magaalaa guddaa sochiin itti baayʼatu keessa jiraachuuttis hin barre. Taʼus, Yihowaan waadaa Filiphisiyus 2:13 irratti akkana jechuudhaan gale eegeera: “Waaqayyo wanta isa gammachiisuu wajjin haala wal simuun, fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.”

Boodas aanaa naannoo magaalaa Mediliinitti argamu tokkotti akka tajaajillu ramadamne. Namoonni naannichaa jeequmsa karaarratti uumamutti baayʼee waan baraniif yeroo haalli akkasii isaan mudatu hin naʼan. Fakkeenyaaf, gaaf tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa utuun jiruu naannoon ani jirutti namoonni walitti dhukaasuu jalqaban. Ani naasuudhaan kufuu jala gaʼeen ture; namnin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa ture garuu tasgabbaaʼee keeyyaticha dubbisuusaa itti fufe. Dubbisee erga xumuree booda alatti gadi baʼe. Achiis yeroo muraasa booda ijoollee xixinnoo lama fidee dhufee tasgabbiidhaan, “Dhiifama, ijoollee koo fiduun qaban ture” jedhe.

Yeroon itti balaadhaaf saaxilamne kan biraanis jira ture. Yeroo tokko manaa gara manaa utuu tajaajilluu haati manaa koo naasuudhaan fiigaa gara koo dhufte. Namni tokko ishiitti dhukaasee akka ture natti himte. Kunis baayʼee na rifachiise. Haa taʼu malee, yeroo booda namichi meeshaa hidhate sun kan dhukaase Sirkaatti utuu hin taʼin, nama ishii bira darbaa turetti akka taʼe hubanne.

Yeroo booda jeequmsa karaarratti uumamutti baruu jalqabne. Ciminni obboloonni naannichaa haalli akkasii fi haalli kanarra hammaatu isaan mudate qaban baayʼee nu jajjabeesse. Yihowaan erga isaan gargaaree nuunis ni gargaara jennee yaanne. Yeroo hunda gorsa jaarsoliin naannichaa nuu kennan ni hordofna; akkasumas dursinee of eeggannoo goona, isa hafemmoo Yihowaadhaaf dhiisna.

Dhugaadha, haalawwan tokko tokko akka yaanne balaadhaaf kan nama saaxilan hin turre. Gaaf tokko mana keessatti nama mariisisaa utuun jiruu alaa sagalee tokkon dhagaʼe; sagaleen kun sagalee dubartoota wal arrabsaa jiranii fakkaata ture. Yeroo namoonni wal lolan ilaaluu kanan hin barbaanne taʼus dubartiin mariisisaa ture gara barandaatti baʼee akkan ilaalu natti himte. Yeroo kanatti sagaleen sun sagalee simbirroota namoota naannichaa akkeessaa jiranii akka taʼen hubadhe.

MIRGOOTAA FI WALDHAANSOO DABALATAA

Bara 1997​tti Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa b irratti akkan barsiisun ramadame. Manneen barumsaa tiʼookraasii galee barachuun yeroo hunda na gammachiisa; garuu manneen barumsaa kanarratti nan barsiisa jedhee yaadee hin beeku.

Yeroo booda ilaaltuu olaanaa koonyaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Qophiin kun yeroo hafummoo gara hojii aanaattin deebiʼe. Kanaafuu, waggaa 30 oliif barsiisaa fi daawwataa olaanaa taʼee tajaajileera. Ramaddiiwwan kun eebba hedduu naaf argamsiisaniiru. Wanti hundi garuu salphaa hin turre. Akkas kanan jedhe maaliif akka taʼe isiniifan ibsa.

Ani nama ofitti amanannaa guddaa qabudha. Kunis haalawwan rakkisaa taʼan dandamachuuf na gargaareera. Yeroo tokko tokko garuu dhimmoota gumii keessa jiran sirreessuurratti garmalee hinaaffaadhaan hojjechuufan yaala ture. Yeroo tokko obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko warra kaanitti jaalala akka argisiisanii fi yaada isaaniitti akka hin cichine cimsee gorsaan ture. Kan nama gaddisiisu garuu yeroo sanatti amaloota kana utuu hin argisiisin kan hafe anadha.—Rom. 7:21-23.

Dadhabina kootiin kan kaʼe yeroo tokko tokko baayʼeen gadda ture. (Rom. 7:24) Yeroo tokko tajaajila misiyoonummaa koo dhiisee gara Fiinlaanditti deebiʼuu akka naa wayyu kadhannaadhaan Yihowaatti himeen ture. Gaafa sana galgala walgaʼii gumiirrattin argame. Jajjabinnin walgaʼicharraa argadhe ramaddii koorra turuu akkan qabuu fi dadhabina koorratti hojjechuuf carraaquu koo itti fufuu akkan qabu na amansiise. Hamma harʼaatti Yihowaan kadhannaa kootiif ifatti deebii kan kenne akkamitti akka taʼe yeroon yaadu baayʼeen tuqama. Dadhabina koo akkan injifadhu gaarummaadhaan waan na gargaareefis baayʼeen isa galateeffadha.

YEROO GARA FUULDURAA AMANANNAADHAAN EEGGACHUU

Anii fi Sirkaan Yihowaan umurii keenya keessaa harka caalaasaa tajaajila yeroo guutuu keessatti akka dabarsinu waan nuu heyyameef baayʼee isa galateeffanna. Haadha manaa jaalala qabeettii fi amanamtuu waan naa kenneefis baayʼeen isa galateeffadha.

Yeroo dhihootti waggaa 70 waanan guutuuf barsiisaa fi daawwataa olaanaa taʼee tajaajiluu nan dhaaba. Kun garuu abdii na hin kutachiisu. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaa kan kabachiisu gad of qabnee isa tajaajiluu keenyaa fi garaa jaalalaa fi galateeffannaadhaan guutameen kakaanee isa jajachuu keenya akka taʼe cimseen amana. (Mik. 6:8; Mar. 12:32-34) Yihowaadhaaf ulfina kennuuf mirga adda taʼe qabaachuun nu hin barbaachisu.

Mirgootan argadhe duubatti deebiʼee yeroon yaadu mirgoota kana kanan argadhe warra kaanirra waanan caaluuf ykn dandeettii adda taʼe waanan qabuuf akka hin taane nan hubadha. Kanaa mannaa, Yihowaan mirgoota kana kan naa kenne gaarummaasaa isa guddaadhaan kakaʼeeti. Utuman dadhabina qabuu mirgoota kana naa kenne. Itti gaafatamummaa naa kenname baʼuu kanan dandaʼe gargaarsa Yihowaatiin qofa akka taʼe beeka. Karaa kanaan dadhabinni koo humni Waaqayyoo akka mulʼatu godheera.—2 Qor. 12:9.

a Seenaan jireenyaa Riimoo Kuwakaanen “Yihowaa Tajaajiluuf Kutanneerra” jedhu Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2006 (Amaariffa) irratti argama.

b Manni barumsaa kun Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatiin bakka buufameera.