Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 15

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

Dinqisiifannaa Jaarmiyaa Yihowaatiif Qabdu Cimsadhu

Dinqisiifannaa Jaarmiyaa Yihowaatiif Qabdu Cimsadhu

“Warra isin gidduutti dura buutota taʼanii fi dubbii Waaqayyoo isinitti himan yaadadhaa.”IBR. 13:7.

YAADA IJOO

Dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qabnu cimsachuu fi eeggannee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Sabni Yihowaa jaarraa jalqabaatti turan kan gurmaaʼan akkamitti?

 YIHOWAAN sabasaatiif hojii yeroo kennu hundatti hojicha karaa gurmaaʼina qabuun akka raawwatan isaanirraa eega. (1 Qor. 14:33) Fakkeenyaaf, Waaqayyo misiraachichi guutummaa lafaarratti akka lallabamu barbaada. (Mat. 24:14) Yihowaan hojii kana akka toʼatuuf Yesuusiif itti gaafatamummaa kenneera. Yesuus hojiin kun karaa gurmaaʼina qabuun akka hojjetamu gochaa jira. Jaarraa jalqabaatti gumiiwwan iddoo adda addaatti yeroo hundeeffamanitti jaarsoliin qajeelfama akka kennanii fi dura buutota akka taʼaniif muudamanii turan. (HoE. 14:23) Qaamni jaarsolii Yerusaalem keessa turee fi ergamootaa fi maanguddoota of keessatti qabate murtoo tokko tokko dabarsee ture; gumiiwwan hundis murtoo kana hojiirra akka oolchan isaanirraa eegama ture. (HoE. 15:2; 16:4) Obboloonnii fi obboleettonni qajeelfama isaaniif kenname hojiirra waan oolchaniif “gumiiwwan amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.”—HoE. 16:5.

2. Bara 1919 kaasee Yihowaan qajeelfama kennaa fi nyaata hafuuraa dhiheessaa kan ture akkamitti?

2 Yihowaan yeroo harʼaattillee sabasaa gurmeessuusaa itti fufeera. Bara 1919 kaasee Yesuus hojii lallabaa qindeessuu fi duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa dhiheessuuf garee xinnoo obboloota dibamoo of keessatti qabatetti fayyadamaa tureera. a (Luq. 12:42) Yihowaan hojii garee kanaa eebbisaa akka jiru ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Isa. 60:22; 65:13, 14.

3-4. (a) Gurmaaʼuun kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Gurmaaʼina hin qabnu utuu taʼee hojii Yesuus nuuf kenne hojjechuu hin dandeenyu turre. (Mat. 28:19, 20) Fakkeenyaaf, naannoon tajaajilaa nuuf hin ramadamu utuu taʼee namni hundi bakka barbaadetti lallaba ture. Naannoon tajaajilaa tokko tokko babalʼistoota garaagaraatiin irra deddeebiʼamee hojjetamuu, naannoon kaanimmoo dagatamuu dandaʼa ture. Buʼaa gurmaaʼuun keenya argamsiise kan biraa yaaduu dandeessaa?

4 Yesuus akkuma yeroo lafarra turetti duuka buutotasaa gurmeessetti yeroo harʼaas saba Waaqayyoo gurmeessuusaa itti fufeera. Mata duree kana keessatti Yesuus fakkeenya kan nuuf taʼe akkamitti akka taʼee fi jaarmiyaan keenya fakkeenyasaa hordofaa kan jiru akkamitti akka taʼe ilaalla. Dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni mariʼanna.

JAARMIYAAN KEENYA FAKKEENYA YESUUS HORDOFA

5. Karaan fakkeenya Yesuus itti hordofnu inni tokko isa kami? (Yohaannis 8:28)

5 Yesuus wanta hojjechuu fi dubbachuu qabu Abbaasaa isa samiirraa barateera. Jaarmiyaan Yihowaas fakkeenya Yesuus hordofuudhaan barumsi naamusaa barsiisuu fi qajeelfamni kennu Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu godha. (Yohaannis 8:28 dubbisi; 2 Xim. 3:16, 17) Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo akka dubbisnuu fi hojiirra akka oolchinu yaadachiisni nuuf kennama. Gorsa kana hojiirra oolchuun kan nu fayyadu akkamitti?

6. Faayidaa guddaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuun nuuf argamsiisu keessaa tokko maalidha?

6 Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamnee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Fakkeenyaaf, barumsawwan Kitaaba Qulqulluu qajeelfama jaarmiyicharraa arganne wajjin walbira qabuu dandeenya. Qajeelfamni nuu kennamu Kitaaba Qulqulluurratti kan hundaaʼe akka taʼe yeroo hubannu amantiin jaarmiyaa Yihowaarratti qabnus ni cima.—Rom. 12:2.

7. Yesuus ergaa akkamii lallabe? Jaarmiyaan Yihowaa hoo fakkeenyasaa hordofaa kan jiru akkamitti?

7 Yesuus “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” lallabeera. (Luq. 4:43, 44) Yesuus barattoonnisaas waaʼee Mootummichaa akka lallaban ajajeera. (Luq. 9:1, 2; 10:8, 9) Yeroo harʼaatti jaarmiyaa Yihowaa keessa kan jiran hundi, kan jiraatan eessayyuu yoo taʼe ykn itti gaafatamummaa akkamiiyyuu yoo qabaatan ergaa Mootummichaa ni lallabu.

8. Mirga akkamii arganneerra?

8 Dhugaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu warra kaanitti himuun mirga guddaa akka taʼetti ilaalla. Mirga kana kan argate nama hunda miti. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo lafarra turetti hafuuronni hamoon waaʼeesaa akka dubbatan isaaniif hin heyyamne. (Luq. 4:41) Yeroo harʼaatti namni tokko saba Yihowaa wajjin tajaajilarratti hirmaachuusaa dura mirga kana argachuuf ulaagaa barbaachisu guutuu qaba. Yeroo hundumaa bakka kamittiyyuu dhugaa baʼuudhaan mirga kana hammam akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Akkuma Yesuus galmi keenya sanyii dhugaa Mootummichaa garaa namootaa keessatti dhaabuu fi bishaan obaasuudha.—Mat. 13:3, 23; 1 Qor. 3:6.

9. Jaarmiyaan Waaqayyoo maqaasaa beeksisaa kan jiru akkamitti?

9 Yesuus maqaa Waaqayyoo beeksiseera. Kadhannaa Abbaasaatti dhiheesserratti, “Maqaa kee isaanitti beeksiseera” jedheera. (Yoh. 17:26) Jaarmiyaan Yihowaas fakkeenya Yesuus hordofuudhaan namoonni maqaa Waaqayyoo akka beekan gargaaruuf wanta dandaʼu hunda godha. Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo bakka sirriitti deebisuudhaan gama kanaan gumaacha guddaa godheera. Hiikkaan kun yeroo ammaatti guutuunsaa ykn gartokkeensaa afaan 270 oliin argama. Kutaa Dabalataa A4 fi A5 irraa maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti bakkasaatti kan deebifame maaliif akka taʼee fi akkamitti akka taʼe ibsa balʼaa argachuu dandeessa. Kitaaba Qulqulluu Maxxansa Qoʼannaa Afaan Ingiliffaa Kutaa Dabalataa C irraa ragaa quubsaa maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti bakka 237​tti kan gale maaliif akka taʼe ibsu argachuu dandeessa.

10. Wanta dubartiin Miyaanmaar keessa jiraattu dubbatterraa maal baratte?

10 Nutis akkuma Yesuus hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun Maqaa Waaqayyoo akka beekan gargaaruu barbaanna. Dubartiin waggaa 67 Miyaanmaar keessa jiraattu Waaqayyo maqaa akka qabu yeroo dhageessu booʼaa akkana jette: “Jireenya koo keessatti maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe reefun dhagaʼe. . . . Barumsan hanga harʼaatti baradherra caalu na barsiistaniittu.” Muuxannoon kun akka argisiisutti maqaa Waaqayyoo beekuun namoota garaa qajeelaa qabanirratti dhiibbaa guddaa godha.

DINQISIIFANNAA JAARMIYAA KEENYAAF QABDU ARGISIISUU KEE ITTI FUFI

11. Jaarsoliin dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

11 Karaan jaarsoliin dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qaban argisiisuu itti dandaʼan tokko maalidha? Qajeelfamni tokko yeroo isaan gaʼu of eeggannoodhaan dubbisuu fi hamma isaaniif dandaʼame hojiirra oolchuu qabu. Fakkeenyaaf, gumii keessatti kutaa dhiheessuu fi kadhannaa dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe qofa utuu hin taʼin, hoolota Kiristoos akkamitti kunuunsuu akka dandaʼan ilaalchisee qajeelfamni isaaniif kennama. Jaarsoliin qajeelfama jaarmiyichaa hojiirra oolchan obboloonnii fi obboleettonni Yihowaan akka isaan jaallatuu fi akka isaan kunuunsu akka isaanitti dhagaʼamu godhu.

Jaarsoliin qajeelfama jaarmiyaa Yihowaarraa argannu akka amannu nu gargaaru (Keeyyata 11 ilaali) b


12. (a) Obboloota dura buutota taʼan deggaruu kan qabnu maaliifi? (Ibroota 13:7, 17) (b) Amaloota gaggaarii obboloonni dura buutota taʼan qabanirratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

12 Qajeelfama jaarsoliirraa argannu fedhiidhaan hojiirra oolchuu qabna. Kana gochuudhaan obboloonni dura buutota taʼan hojiisaanii hojjechuun akka isaaniif salphatu gochuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun obboloota dura buutota taʼaniif akka ajajamnuu fi akka bitamnu nu jajjabeessa. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Kana gochuun yeroo tokko tokko ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliif? Obboloonni kun mudaa waan qabaniifi. Haa taʼu malee, amaloota gaggaarii isaan qabanirratti utuu hin taʼin dadhabina isaaniirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe diinota keenya gargaaraa jirra jechuudha. Akkamitti? Dadhabina isaaniirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe amantiin jaarmiyaa Waaqayyoorratti qabnu ni hirʼata; kunimmoo wanta mormitoonni keenya barbaadanidha. Olola diinonni keenya babalʼisan adda baafachuu fi irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

WARRI KAAN DINQISIIFANNAA KEE AKKA HIRʼISAN HIN HEYYAMIN

13. Diinonni Waaqayyoo maqaa jaarmiyaasaa balleessuuf kan yaalan akkamitti?

13 Mormitoonni Waaqayyoo wantoota gaggaarii jaarmiyaansaa godhu busheessuuf yaalu. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajiltoonnisaa karaa qaamaa, karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼan akka isaanirraa eegu Kitaaba Qulqulluurraa baranneerra. Waaqayyo namni wanta qulqulluu hin taane hojjechuusaa itti fufuu fi yaada hin geeddaranne kamiyyuu gumii keessaa akka baafamu ajajeera. (1 Qor. 5:11-13; 6:9, 10) Ajaja Kitaaba Qulqulluu kana cimsinee hordofna. Mormitoonni keenya garuu namootaaf jaalala akka hin qabne, namoota nurraa adda taʼan akka balaaleffannuu fi wal dandaʼuu akka hin beekne godhanii nu himatu.

14. Oduu sobaa waaʼee jaarmiyichaa dubbatamu duuba kan jiru eenyu?

14 Haleellaa kana duuba kan jiru eenyu akka taʼe adda baafadhu. Oduuwwan sobaa kana duuba kan jiru Seexanadha. Inni ‘abbaa sobaati.’ (Yoh. 8:44; Uma. 3:1-5) Kanaafuu, Seexanni waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba babalʼisuuf deggartootasaatti akka fayyadamu eeguu dandeenya. Jaarraa jalqabaatti akkas godhee ture.

15. Geggeessitoonni amantaa Yesuusii fi duuka buutotasaarratti maal raawwatan?

15 Yesuus Ilma Waaqayyoo mudaa hin qabnee fi dinqii ajaaʼibsiisaa raawwate taʼus, Seexanni namoonni tokko tokko waaʼeesaa soba hedduu akka babalʼisan godheera. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantaa Yesuus jinniiwwan kan baasu humna “bulchaa jinniiwwaniitiin” akka taʼe dubbatu turan. (Mar. 3:22) Yesuus yeroo murtiitti dhihaatetti geggeessitoonni amantaa Waaqa arrabseera jedhanii isa himatanii, akkasumas akka ajjeefamu gochuuf namoota isarratti kakaasanii turan. (Mat. 27:20) Boodas duuka buutonni Kiristoos yeroo misiraachicha labsanitti mormitoonnisaanii ‘namoota isaan irratti kakaasanii akka isaan jibban gochuudhaan’ ariʼatama akka isaanirraan geessisan dhiibbaa isaanirratti godhaniiru. (HoE. 14:2, 19) Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1998 Hojii Ergamootaa 14:2 yeroo ibsu akkana jedheera: “Mormitoonni Yihudii ergaasaanii fudhachuu diduu qofa utuu hin taʼin, waaʼeesaanii soba babalʼisuudhaan namoonni Yihudoota hin taanes akka isaan hin dhageenyee fi akka isaan jibban gochuuf yaalaa turan.”

16. Oduu sobaa yoo dhageenye maal gochuu qabna?

16 Seexanni sobaa kan ture jaarraa jalqabaatti qofa miti. Yeroo ammaattis ‘guutummaa lafaa dogoggorsaa’ jira. (Mul. 12:9) Jaarmiyicha ykn obboloota dura buutota taʼanii tajaajilan ilaalchisee oduu sobaa yoo dhageesse, diinonni Waaqayyoo Yesuusii fi barattootasaa jaarraa jalqabaatti turanirratti maal akka raawwatan yaadadhu. Yeroo harʼaatti akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate saba Yihowaarra ariʼatamni gaʼaa fi maqaansaanii badaa jira. (Mat. 5:11, 12) Oduuwwan sobaa kana duuba kan jiru eenyu akka taʼe yoo hubannee fi dafnee tarkaanfii yoo fudhanne hin gowwoomfamnu. Tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?

17. Oduun sobaa akka nu hin miine of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Ximotewos 1:13) (Saanduqa, “ Oduu Sobaa Yeroo Dhageessu Maal Gochuu Qabda?” jedhus ilaali.)

17 Oduuwwan sobaarraa fagaadhu. Phaawulos ergamaan oduuwwan sobaa yeroo nu mudatan maal gochuu akka qabnu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe kenneera. ‘Namoonni tokko tokko oduu sobaatiif xiyyeeffannaa akka hin kennine akka isaan ajajuu’ fi ‘seenaa sobaa Waaqayyoon mormu irraa akka fagaatu’ Ximotewosiin gorseera. (1 Xim. 1:3, 4; 4:7) Daaʼimni tokko homaa waan hin beekneef wanta xuraaʼaa taʼe tokko lafaa kaasee afaan kaaʼachuu dandaʼa; namni guddaan garuu balaa akka qabu waan beekuuf akkas hin godhu. Haaluma walfakkaatuun, nutis maddasaa waan beeknuuf oduu sobaarraa ni fagaanna. Dhugaa isa “dubbii gaarii” taʼe qofa dhageenya.—2 Ximotewos 1:13 dubbisi.

18. Jaarmiyaa Yihowaatiif dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Karaawwan hedduu jaarmiyaan Yihowaa fakkeenya Yesuus itti hordofaa jiru keessaa sadi qofa ilaalle. Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼatu karaawwan dabalataa jaarmiyichi fakkeenya Yesuus itti hordofaa jiru hubachuuf yaali. Obboloonni gumii keessa jiran dinqisiifannaa jaarmiyichaaf qaban akka guddifatan gargaari. Amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluudhaan, akkasumas jaarmiyaa inni fedhiisaa raawwachuuf itti fayyadamaa jirutti maxxantee jiraachuudhaan dinqisiifannaa kee argisiisuu kee itti fufi. (Far. 37:28) Mirga saba Yihowaa jaalala qabeeyyii fi amanamoo taʼan keessaa tokko taʼuuf arganne dinqisiifachuu keenya itti haa fufnu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Sabni Waaqayyoo fakkeenya Yesuus hordofaa kan jiran karaawwan kamiini?

  • Dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qabnu argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Oduuwwan sobaa yeroo nu mudatan maal gochuu qabna?

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

a Kitaaba Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse! jedhamu fuula 102-103 irraa saanduqa “Bara 1919​tti Kan Jennu Maaliifi?” jedhu ilaali.

b IBSA FAKKII: Jaarsoliin lallaba addabaabayii ilaalchisee qophii godhamerratti erga mariʼatanii booda ilaaltuun olaanaa garee tajaajilaa tokko qajeelfama kana babalʼistootatti himaa jira.