Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Namoonni biyya ormaa raayyaa Daawit Mootichaa keessatti tajaajilaa kan turan maaliifi?

RAAYYAA Daawit keessa loltoonni biyya ormaas jiru turan; isaan keessaa tokko tokko Zeleeq Amoonicha, Uuriyaa Heetichaa fi Yitmaa Moʼaabichadha. a (1 Sen. 11:39, 41, 46) Humni waraanaa Daawit ‘Kereetota, Pheleetotaa fi namoota Gaatis’ kan dabalatu ture. (2 Sam. 15:18) Kereetonnii fi Pheleetonni Filisxeemota wajjin firooma qabaachuu hin oolan. (His. 25:16) Namoonni Gaatimmoo namoota magaalaa Filisxeemotaa Gaatirraa dhufanidha.—Iya. 13:2, 3; 1 Sam. 6:17, 18.

Daawit namoonni kun raayyaasaatti akka makaman kan heyyame maaliif taʼuu dandaʼa? Daawit namoonni kun isaaf, hunda caalaammoo Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan mirkanaaʼaa ture. Fakkeenyaaf, kitaabni The New Interpreter’s Dictionary of the Bible jedhamu Kereetotaa fi Pheleetota ilaalchisee, “Jarri kun yeroo bulchiinsa isaa keessatti baayʼee ulfaataa taʼetti Daawitiif amanamoo taʼanii itti fufaniiru” jedheera. Kana kan argisiisan akkamitti? Kereetonnii fi Pheleetonni yeroo “namoonni Israaʼel hundi” Daawit Mooticha dhiisanii ‘nama rakkisaa Sheebaa jedhamu’ duukaa buʼanitti Daawitiif amanamoo taʼanii itti fufaniiru, akkasumas fincila Sheebaa dhaabsisuurratti gargaarsa godhaniiru. (2 Sam. 20:1, 2, 7) Yeroo kan biraattimmoo, ilma Daawit Mootichaa kan taʼe Adoniyaan mootii taʼuuf yaalee ture. Haa taʼu malee, Kereetonnii fi Pheleetonni Daawitiif amanamoo taʼanii itti fufaniiru; Solomoon inni Yihowaan filate bakka mootichaa buʼee akka muudamus gargaarsa godhaniiru.—1 Mot. 1:24-27, 38, 39.

Namni biyya ormaa Daawitiif baayʼee amanamaa ture kan biraanimmoo Iitaay isa nama Gaat taʼedha. Ilma Daawit kan taʼe Abishaalom finciluudhaan yeroo garaa namoota Israaʼel ofitti jalʼisetti Iitaayii fi loltoonnisaa 600n Daawit Mooticha deggeraniiru. Daawit jalqabarratti inni nama biyya ormaa waan taʼeef waraanicharratti hirmaachuun akka isa hin barbaachisne Iitaayitti himee ture. Iitaay garuu akkana isaan jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen, akkasumas lubbuu gooftaa koo mootichaa isa jiraataadhaan nan kakadha, bakka gooftaan koo mootichi taʼu hundumaa tajaajilaan kees achi ni taʼa; ani sii wajjin duʼuuf illee qophaaʼaa dha!”—2 Sam. 15:6, 18-21.

Iitaay Daawit isa Yihowaan muudeef amanamaa taʼeera

Kereetonni, Pheleetonnii fi namoonni Gaat namoota biyya ormaa taʼanis, Yihowaan Waaqa dhugaa akka taʼee fi Daawitiin kan muude isa akka taʼe hubatanii turan. Daawit namoota amanamoo akkasii of biraa qabaachuusaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu.

a Seerri Waaqayyoo Keessa Deebii 23:3-6 irratti galmeeffame Amoononnii fi Moʼaabonni gara gumii Israaʼelitti akka hin seenne ni dhoowwa. Haa taʼu malee, seerri kun namoonni biyya ormaa kun saba Waaqayyoo wajjin akka hin taane ykn isaan gidduu akka hin jiraanne kan dhoowwu utuu hin taʼin, miseensa sabichaa akka hin taane kan dhoowwu fakkaata. Insight on the Scriptures, Jildii 1, ful. 95 ilaali.