Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 21

FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa

Nama Hiriyaa Gaaʼelaa Siif Taʼu Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Nama Hiriyaa Gaaʼelaa Siif Taʼu Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Haadha manaa kaamettii eenyutu argachuu dandaʼa? Gatiin ishii gatii elellaa irra baayʼee caala.”FAK. 31:10.

YAADA IJOO

Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, namni tokko hiriyaa gaaʼelaa gaarii filachuu kan dandaʼuu fi obboloonni kaan Kiristiyaanota qeenxee gaaʼela dhaabbachuu barbaadan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsan qabateera.

1-2. (a) Kiristiyaanonni qeenxee taʼan wal qorachuu jalqabuusaanii dura maalirratti yaaduu qabu? (b) Wal qorachuu jechuun maal jechuudha? (“Ibsa Jechaa” ilaali.)

 GAAʼELA dhaabbachuu ni barbaaddaa? Gammachuu qabaachuuf gaaʼela dhaabbachuun dirqama taʼuu baatus, dargaggootas taʼan namoota guguddaa Kiristiyaanonni qeenxee taʼan hedduun gaaʼela dhaabbachuu barbaadu. Dhugaadha, nama tokko wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura gama maallaqaatiin of dandaʼuu, akkasumas karaa hafuuraa fi karaa miiraa gaaʼelaaf qophaaʼuu qabda. a (1 Qor. 7:36) Akkas taanaan gaaʼela gammachiisaa qabaachuu dandeessa.

2 Haa taʼu malee, nama siif taʼu argachuun yeroo hunda salphaa miti. (Fak. 31:10) Nama caalaatti beekuu barbaaddu yeroo argattuttillee wal qorachuu jalqabuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. b Mata duree kana keessatti Kiristiyaanonni qeenxee taʼan nama hiriyaa gaaʼelaa gaarii isaaniif taʼuu dandaʼu argachuu fi wal qorachuu jalqabuuf maaltu akka isaan gargaaru ilaalla. Obboloonni kaan Kiristiyaanota gaaʼela dhaabbachuu barbaadan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni baranna.

NAMA HIRIYAA GAAʼELAA GAARII SIIF TAʼU ARGACHUU

3. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu yeroo barbaaddatanitti wantoota akkamii xiyyeeffannaa keessa galchuu qabu?

3 Gaaʼela dhaabbachuu barbaadda taanaan, nama tokko wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura amaloota hiriyaan gaaʼelaa kee akka qabaatu barbaaddu beekuu qabda. Taʼuu baannaan, nama siif taʼu dhiistee nama siif hin taane wajjin wal qorachuu jalqabuu dandeessa. Namni hiriyaa gaaʼelaa kee akka taʼu yaaddu Kiristiyaana cuuphame taʼuu akka qabu beekamaadha. (1 Qor. 7:39) Taʼus, namni cuuphame hundi hiriyaa gaaʼelaa gaarii siif taʼuu dandaʼa jechuu miti. Kanaafuu, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Galmawwan akkamiin qaba? Amaloonni hiriyaan gaaʼelaa koo akka qabaatu barbaadu maalfaʼi? Ulaagaan koo sirriidhaa?’

4. Kiristiyaanonni tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa argachuu ilaalchisee kadhannaasaaniirratti maalfaa caqasu?

4 Gaaʼela dhaabbachuu kan barbaaddu yoo taʼe, waaʼee kanaa kadhannaa akka dhiheessite beekamaadha. (Filp. 4:6) Dhugaadha, Yihowaan hiriyaa gaaʼelaa kennuuf eenyuufiyyuu waadaa hin galle. Taʼus, waaʼeen wanta si barbaachisuu fi miira keetii isa yaaddessa; akkasumas yaalii hiriyaa gaaʼelaa argachuuf gooturratti si gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, fedhii fi miira kee isatti himuu kee itti fufi. (Far. 62:8) Obsaa fi ogummaa akka siif kennu kadhadhu. (Yaq. 1:5) Obboleessi qeenxeen Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatuu fi Joon c jedhamu wantoota kadhannaasaarratti caqasu ilaalchisee akkana jedheera: “Waaʼee amaloota obboleettiin fuudhu akka qabaattu barbaaduu Yihowaatti nan hima. Carraa obboleettii naaf taatu wajjin wal arguuf na dandeessisu argachuuf nan kadhadha. Amaloota abbaa manaa gaarii taʼuuf na barbaachisan horachuuf akka na gargaarus Yihowaa nan kadhadha.” Obboleettiin Sirii Laankaa keessa jiraattuu fi Taaniyaa jedhamtu, “Nama naaf taʼu yeroon barbaaddadhutti amanamummaa koo eeggadhee, akkasumas ilaalcha gaarii qabaadhee fi gammachuu koo eeggadhee itti fufuuf akka na gargaaru Yihowaa nan kadhadha” jetteetti. Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu yeruma sana argachuu baattus, Yihowaan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa si kunuunsuusaa akka itti fufu waadaa siif galeera.—Far. 55:22.

5. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan nama Yihowaa jaallatu argachuuf carraawwan isaan gargaaran tokko tokko kamfaʼi? (1 Qorontos 15:58) (Fakkichas ilaali.)

5 Kitaabni Qulqulluun, “Hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼate taʼaa” jedhee nu gorsa. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Yommuu tajaajila Yihowaatiin qabamtuu fi obbolootaa fi obboleettota garaagaraa wajjin yeroo dabarsitu, michoota gaggaarii argachuuf qofa utuu hin taʼin, Kiristiyaanota qeenxee taʼanii fi akkuma kee Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffatan wajjin wal baruufis carraa argatta. Yihowaa gammachiisuuf wanta dandeessu hunda yeroo gootu gammachuu dhugaa argatta.

Tajaajila Yihowaatiin qabamuudhaan, akkasumas Kiristiyaanota garaagaraa wajjin yeroo kan dabarsitu yoo taʼe Kiristiyaanota gaaʼela dhaabbachuu barbaadan wajjin wal arguu dandeessa (Keeyyata 5 ilaali)


6. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu yeroo barbaaddatanitti maal yaadachuu qabu?

6 Haa taʼu malee, jireenyi kee nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu barbaaduurratti kan xiyyeeffate akka hin taane of eeggadhu. (Filp. 1:10) Gammachuu dhugaa qabaachuun kee kan hundaaʼe gaaʼela dhaabbachuu ykn qeenxee taʼuu keerratti utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa wajjin qabdurrattidha. (Mat. 5:3) Qeenxee taʼuun kee tajaajila kee balʼifachuuf caalaatti bilisummaa siif kenna. (1 Qor. 7:32, 33) Yeroo kanatti sirriitti itti fayyadami. Obboleettiin Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattuu fi Jeesikaa jedhamtu kan heerumte dhuma waggoota 30mmanii keessa yeroo turtettidha; akkana jetteetti: “Jireenyi koo tajaajilarratti kan xiyyeeffatu ture; kunis heerumuu kanan barbaadu taʼus gammachuu koo eeggachuuf na gargaareera.”

YEROO FUDHADHUUTII NAMA SANA BEEKUUF YAALI

7. Fedhii kee ibsuu kee dura yeroo fudhattee nama hiriyaa gaaʼelaa akka siif taʼu yaadde sana beekuuf yaaluun kee gaarii kan taʼe maaliifi? (Fakkeenya 13:16)

7 Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa gaarii akka siif taʼu yoo sitti dhagaʼamehoo? Miira kee kana yeruma sana ibsuufii qabdaa? Kitaabni Qulqulluun namni ogeessi tarkaanfii fudhachuusaa dura beekumsa argachuuf akka yaalu dubbata. (Fakkeenya 13:16 dubbisi.) Kanaafuu, fedhii kee ibsuu kee dura nama sana beekuuf yaaluun kee gaariidha. Ashwiin inni Neezarlaandi keessa jiraatu akkana jedheera: “Miirri dafee uumamuu fi dafee baduu dandaʼa. Kanaafuu, yeroo fudhattee haala nama sanaa beekuuf kan yaaltu yoo taʼe, miiraan oofamtee nama sana wajjin wal qorachuu hin jalqabdu.” Kana malees, haala nama tokkoo beekuuf yeroo yaaltu namni sun nama siif taʼu akka hin taane ni hubatta taʼa.

8. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan nama gaaʼelaaf yaadan sana beekuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

8 Nama tokko malaan beekuuf yaaluu kan dandeessu akkamitti? Walgaʼii gumiirratti ykn yeroo waliin taatanii yeroo dabarsitanitti wantoota haala hafuuraa nama sanaa, eenyummaasaa fi amalootasaa argisiisan hubachuu dandeessa. Michoonnisaa eenyufaʼi? Waaʼee maalii haasaʼuu jaallata? (Luq. 6:45) Galmisaa galma kee wajjin tokkodhaa? Jaarsolii gumiisaa ykn Kiristiyaanota bilchina qabanii fi sirriitti isa beekan kan biroo haasofsiisuu dandeessa. (Fak. 20:18) Maqaa akkamii akka qabuu fi waaʼee amalootasaa isaan gaafachuu dandeessa. (Rut. 2:11) Malaan waaʼeesaa beekuuf yeroo yaaltu wanta isa dhiphisu akka hin goone of eeggadhu. Miirasaa isaaf kabaji, yeroo hunda isa hordofuuf hin yaalin.

Fedhii kee ibsuu kee dura malaan waaʼee nama sanaa beekuuf yaali (Keeyyata 7-8 ilaali)


9. Nama gaaʼelaaf yaaddu haasofsiisuu kee dura waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu qabda?

9 Nama sanaaf fedhii kee ibsuu kee dura malaan isa beekuuf yaaluu kan qabdu yeroo hammamiitiifi? Miira kee yeruma sana yoo ibsite dhimmicharratti gadi fageenyaan akka hin yaanne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. (Fak. 29:20) Karaa kan biraatiinimmoo, yaada kee utuu hin ibsin yeroo dheeraadhaaf yoo turte, keessumaa namni sun miira addaa akka isaaf qabdu hubateera taanaan murtoo gochuun akka si rakkisu isatti dhagaʼamuu dandaʼa. (Lal. 11:4) Nama tokko haasofsiisuu kee dura nama sana faana gaaʼela akka dhaabbattu mirkanaaʼaa taʼuun akka si hin barbaachisne yaadadhu. Taʼus, gaaʼelaaf qophaaʼaa taʼuu fi namni sun nama siif taʼu akka taʼe sitti dhagaʼamuu qaba.

10. Namni tokko caalaatti si beekuu akka barbaade yoo hubattee fi ati garuu miira akkasii hin qabdu yoo taʼe maal gochuu qabda?

10 Namni tokko caalaatti si beekuu akka barbaade yoo hubatte maal gochuu qabda? Nama sana faana wal qorachuuf fedhii hin qabdu taanaan, miira kee gocha keetiin ifatti argisiisuuf yaali. Utuu ati fedhii hin qabaatin namni sun akka fedhii qabdutti akka yaadu gochuun gaarummaa miti.—1 Qor. 10:24; Efe. 4:25.

11. Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa akka argatu qophii kan godhu sidha taanaan, wantoota akkamiirratti of eeggannoodhaan yaaduu qabda?

11 Biyyoota tokko tokko keessatti, warri ykn namni guddaa kan biraan miseensa maatiisaanii qeenxee taʼeef hiriyaa gaaʼelaa akka filatan isaanirraa eegama taʼa. Biyyoota kan biroottimmoo, maatiin ykn michoonni nama hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuu dandaʼu barbaadanii erga argatanii booda akka wal argan haala mijeessu; wal qorachuufis taʼe dhiisuuf kan murteessan garuu warra qeenxee taʼan sanadha. Dhiirri tokkoo fi shamarreen takka akka wal qoratan ykn gaaʼela akka dhaabbatan haala akka mijeessitu gaafatamteetta taanaan, filannaasaanii fi wanta isaan barbaachisurratti yaadi. Namni tokko michuu kee ykn fira kee tokkoof hiriyaa gaaʼelaa gaarii akka taʼu yoo sitti dhagaʼame, nama sana sirriitti beekuuf yaali, akkasumas amalootasaa fi hunda caalaammoo karaa hafuuraa haala akkamiirra akka jiru beekuuf carraaqqii godhi. Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun maallaqa, sadarkaa barumsaa ykn haawaasa keessatti iddoo guddaa qabaachuu caalaa wanta baayʼee barbaachisaa taʼedha. Haa taʼu malee, gaaʼela dhaabbachuufis taʼe dhiisuuf murteessuu kan qaban obboleessaa sanaa fi obboleettii sana akka taʼan yaadadhu.—Gal. 6:5.

WAL QORACHUU JALQABUU

12. Nama tokko wajjin wal qorachuu kan barbaaddu yoo taʼe, fedhii kee kana nama sanaaf ibsuu kan dandeessu akkamitti?

12 Nama tokko wajjin wal qorachuu kan barbaaddu yoo taʼe, fedhii kee kana nama sanaaf akkamitti ibsuu dandeessa? d Iddoo namni argamutti qaamaan haasaʼuuf ykn bilbilaan waliin haasaʼuuf qophii gochuu dandeessa. Miira kee ifatti itti himi. (1 Qor. 14:9) Barbaachisaa taanaan, akka irratti yaadu yeroo isaaf kenni. (Fak. 15:28) Namni sun hariiroo akkasii jalqabuuf fedhii hin qabu taanaan miirasaa isaaf kabaji.

13. Namni tokko si wajjin wal qorachuu akka barbaadu yoo siif ibse maal gochuu dandeessa? (Qolosaayis 4:6)

13 Namni tokko si wajjin wal qorachuu akka barbaadu yoo siif ibsehoo? Namni sun miirasaa siif ibsuuf ija jabina guddaa isa gaafatee taʼuu dandaʼa; kanaafuu, gaarummaa fi kabaja guddaa isatti argisiisi. (Qolosaayis 4:6 dubbisi.) Nama sana wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura yeroo fudhattee irratti yaaduun si barbaachisa taanaan yaada kee kana itti himi. Haa taʼu malee, hamma siif dandaʼame dafii deebii isaaf kenni. (Fak. 13:12) Wal qorachuu jalqabuuf fedhii hin qabdu taanaan, yaada kee gaarummaadhaan ifatti itti himi. Obboleessi Ostiriyaa jiraatuu fi Haansi jedhamu obboleettiin takka yeroo isa gaafattetti deebii akkamii akka kenne yeroo dubbatu akkana jedheera: “Murtoo koo malaan garuummoo ifattan itti hime. Tarii gaaf tokko wal qorachuu jalqabuu akka dandeenyu akka yaaddu waanan hin barbaanneef, yeruma sanan deebii ishiidhaaf kenne. Wanta yaada koo akkan jijjiire akka yaaddu godhu akkan hin dubbanne ykn hin raawwannes ofan eeggadhan ture.” Karaa kan biraatiinimmoo, nama sana wajjin wal qorachuu kan barbaaddu yoo taʼe, miira keessanii fi wantoota yeroo wal qorattanitti gootanirratti mariʼadhaa. Aadaa keessanii fi haalawwan tokko tokkorratti hundaaʼuudhaan, wanti ati yeroo wal qorattanitti akka gootan eegdu wanta namni sun eegurraa adda taʼuu dandaʼa.

WARRI KAAN KIRISTIYAANOTA QEENXEE TAʼAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

14. Wanta dubbannuun Kiristiyaanota qeenxee taʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

14 Hundi keenyayyuu Kiristiyaanota qeenxee gaaʼela dhaabbachuu barbaadan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko wanta dubbannuuf of eeggachuudha. (Efe. 4:29) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Warra gaaʼela dhaabbachuu barbaadanitti nan qoosaa? Obboleessi qeenxeen tokkoo fi obboleettiin qeenxeen takka yeroo waliin haasaʼan miira addaa akka waliif qaban nan yaadaa?’ (1 Xim. 5:13) Kana malees, Kiristiyaanonni qeenxee taʼan gaaʼela waan hin dhaabbanneef gama taʼe tokkoon hanqina akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuurraa of qusachuu qabna. Haansi inni olitti ibsame akkana jedheera: “Obboloonni tokko tokko, ‘Maaliif hin fuutu? Dargaggummaan deebiʼee hin dhufu’ naan jedhu. Yaanni akkasii namoonni qeenxee taʼan warra kaan biratti akka hin barbaadamne akka isaanitti dhagaʼamuu fi walʼaansoonsaanii caalaatti akka isaanitti cimu gochuu malee homaa hin fayyadu.” Kanaa mannaa, Kiristiyaanota qeenxee taʼan dinqisiifachuuf carraa barbaaduun keenya baayʼee gaariidha!—1 Tas. 5:11.

15. (a) Namni tokko nama hiriyaa gaaʼelaa isaaf taʼu akka argatu gargaaruu keenya dura maalirratti yaaduu qabna? (Roomaa 15:2) (Fakkichas ilaali.) (b) Viidiyicharraa barumsa akkamii argatte?

15 Obboleessi tokkoo fi obboleettiin takka hiriyoota gaaʼelaa gaarii waliif taʼuu akka dandaʼan yoo sitti dhagaʼamehoo? Kitaabni Qulqulluun miira warra kaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu dubbata. (Roomaa 15:2 dubbisi.) Kiristiyaanonni qeenxee taʼan hedduun warri kaan nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu akka isaaniif barbaadan hin barbaadan; kanaafuu, miirasaanii isaaniif kabajuu qabna. (2 Tas. 3:11) Warri kaanimmoo utuu isaan gargaarree isaanitti tola taʼa; garuu utuu hin gaafatamin akkas gochuu hin qabnu. e (Fak. 3:27) Kiristiyaanonni qeenxeen tokko tokko waaʼee dhimma kanaa kallattiidhaan utuu isaanitti hin kaasin akka wal argan utuu haala mijeessineefii isaanitti tola. Obboleettii qeenxeen Jarman keessa jiraattuu fi Liidiyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Obboleessa sanaa fi obboleettii sana namoota kan biroo wajjin affeeruu dandeessa. Akka wal argan carraa erga uumteefii booda isa hafe isaaniif dhiisi.”

Gareedhaan taʼanii yeroo waliin dabarsuun Kiristiyaanonni qeenxee taʼan akka wal argan carraa banuu dandaʼa (Keeyyata 15 ilaali)


16. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan maal yaadachuu qabu?

16 Qeenxees taane gaaʼela kan qabnu hundi keenyayyuu jireenya gammachiisaa jiraachuu ni dandeenya! (Far. 128:1) Kanaafuu, gaaʼela dhaabbachuu kan barbaaddu taʼus nama siif taʼu hin arganne taanaan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessiturratti xiyyeeffachuu kee itti fufi. Obboleettiin Maakaawoo keessa jiraatuu fi Siin Yii jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo Jannata keessatti hiriyaa gaaʼelaa kee faana dabarsitu wajjin yommuu wal bira qabamu yeroon qeenxee taatee dabarsitu baayʼee gabaabaadha. Yeroo kana gammachuudhaan dabarsi, yeroo kee sirriitti itti fayyadami.” Haa taʼu malee nama siif taʼu argattee wal qorachuu jalqabdeetta yoo taʼehoo? Mata duree itti aanurratti milkaaʼinaan wal qorachuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe ilaalla.

FAARFANNAA 137 Dubartoota Amanamoo

a Gaaʼelaaf qophaaʼaa taʼuu fi dhiisuu kee beekuuf, jw.org irraa mata duree, “Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 1: Saala Faallaa Wajjin Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuuf Umuriin Koo Gaʼeeraa?” jedhu ilaali.

b IBSA JECHAA: Mata duree kanaa fi isa ittaanu keessatti yaanni “wal qorachuu” jedhu yeroo dhiirri tokkoo fi shamarreen takka caalaatti wal baruudhaan waliif taʼuu fi dhiisuusaanii beekuuf isaan gargaarudha. Biyyoota tokko tokkottimmoo wal qorachuun jaalallee qabachuu akka taʼetti ilaalama. Wal qorachuun kan jalqabu yeroo dhiirri tokkoo fi shamarreen takka miira addaa akka waliif qaban ifatti haasaʼanii kaaseeti, akkasumas hamma gaaʼelaaf waadaa waliif galanitti ykn hariiroosaanii addaan kutanitti itti fufa.

c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

d Aadaa tokko tokko keessatti obboleettii takka wajjin wal qorachuuf fedhii akka qabu kan ibsu obboleessadha. Haa taʼu malee, obboleettiin takkas dursa fudhattee obboleessa tokkoof gaaffii dhiheessuu ni dandeessi. (Rut. 3:1-13) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Sadaasa 8, 2004 (Amaariffa) irraa mata duree, “Gaaffii Dargaggootaa . . . Miira Koo Isatti Himuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.