Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

FAARFANNAA 22 Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?

Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?

‘Yihowaan namni tokkollee akka badu hin barbaadu.’2 PHE. 3:9.

YAADA IJOO

Murtiin Yihowaan gara fuulduraatti dabarsu sirrii fi haqa qabeessa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

1. Yeroo addaa keessa jiraachaa jirra kan jennu maaliifi?

 YEROO baayʼee adda taʼe keessa jiraachaa jirra! Guyyaa guyyaadhaan raajiin Kitaaba Qulqulluu yommuu raawwatamu ijuma keenyaan argaa jirra. Fakkeenyaaf, “mootiin kaabaa” fi ‘mootiin kibbaa’ addunyaarratti olaantummaa qabaachuuf yommuu wal morkatan argaa jirra. (Dan. 11:40, milj.) Misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo guutummaa lafaarratti lallabamaa jira; namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gara dhugaatti dhufaa jiru. (Isa. 60:22; Mat. 24:14) “Yeroo sirrii taʼetti” nyaata hafuuraa irraa hafaa taʼes argachaa jirra.—Mat. 24:45-47.

2. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Garuummoo maal hubachuu qabna?

2 Yihowaan taʼeewwan guguddaa gara fuulduraatti raawwataman ilaalchisee hubannaa ifa taʼe akka argannu nu gargaaruusaa itti fufeera. (Fak. 4:18; Dan. 2:28) Yeroo rakkinni guddaan jalqabutti beekumsa amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu fi tokkummaa keenya eeggannee itti fufuuf nu barbaachisu hunda akka qabaannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanti nuti hin beekne tokko tokko akka jiru hubachuu qabna. Mata duree kana keessatti jalqaba taʼeewwan kana ilaalchisee hubannaa kanaan dura qabnurratti sirreeffama kan goone maaliif akka taʼe ilaalla. Achiis yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wantoota beeknu tokko tokkoo fi karaawwan Abbaan keenya inni samii tarkaanfii itti fudhatu ilaalla.

WANTA NUTI HIN BEEKNE

3. Namoonni Yihowaarratti amantii qabaachuuf carraan qaban yeroo itti isaan darbu ilaalchisee kanaan dura maal jennee yaanna turre? Akkas jennee kan yaannehoo maaliifi?

3 Kanaan dura namoonni hin amanne rakkinni guddaan erga jalqabee booda Yihowaa cinaa dhaabbachuu fi Armaagedoonirraa ooluu akka hin dandeenyetti yaanna turre. Akkasitti yaadaa kan turre seenaan waaʼee Bishaan Badiisaa dubbatu wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniif gaaddidduu akka taʼetti yaadaa waan turreefi. Fakkeenyaaf, Yihowaan akkuma bishaan badiisaa jalqabuu isaa dura balbala doonichaa “cufe,” rakkinni guddaan yeroo jalqabuttis namoonni dabalataa badiisarraa akka hin oolleef sirna Seexanaatti balbala akka cufutti yaanna turre.—Mat. 24:37-39.

4. Yeroo ammaatti seenaan waaʼee Bishaan Badiisaa dubbatu wanta gara fuulduraatti taʼuuf gaaddidduu akka taʼetti ilaallaa? Ibsi.

4 Seenaan waaʼee Bishaan Badiisaa dubbatu wanta gara fuulduraatti taʼuuf gaaddidduu akka taʼetti ilaaluu qabnaa? Lakki. Maaliif? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa waan hin dubbanneefi. a Yesuus, “bara Noh” yeroo argama isaa wajjin walbira qabee ibseera; haa taʼu malee, yeroo itti Yihowaan balbala doonichaa cufe dabalatee wantoonni bara Nohitti raawwataman hundi wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniif gaaddidduu akka taʼanitti hin dubbanne. Kana jechuun garuu seenaa waaʼee Nohii fi waaʼee Bishaan Badiisaa dubbaturraa wanta barannu hin qabnu jechuu miti.

5. (a) Noh Bishaan Badiisaa dhufuusaa dura tarkaanfii akkamii fudhate? (Ibroota 11:7; 1 Pheexiros 3:20) (b) Hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen haalli keenya haala bara Nohitti ture wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

5 Noh yeroo akeekkachiisa Yihowaa dhagaʼetti doonii ijaaruudhaan amantii akka qabu argisiiseera. (Ibroota 11:7; 1 Pheexiros 3:20 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu dhagaʼan wanta baratan hojiirra oolchuudhaan tarkaanfii fudhachuu qabu. (HoE. 3:17-20) Pheexiros, Nohiin “isa qajeelummaa lallabu” jedhee waameera. (2 Phe. 2:5) Haa taʼu malee, mata duree darberratti akkuma ilaalle Bishaan Badiisaa dhufuusaa dura namoota lafarra jiran hunda waliin gaʼuuf duula lallabaa qopheessuu fi dhiisuusaa hin beeknu. Yeroo harʼaatti hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamurratti hirmaachaa jirra; hojii kanarratti hinaaffaadhaan hirmaachuufis carraaqqii goona. Haa taʼu malee, hammamiyyuu carraaqqii yoo goone dhumni dhufuusaa dura namoota lafarra jiran hundumaaf lallabuu hin dandeenyu. Maaliif?

6-7. Dhumni dhufuusaa dura namoota lafarra jiran hundumaaf lallabuu hin dandeenyu kan jennu maaliifi? Ibsi.

6 Mee wanta Yesuus hojii lallabaa keenya ilaalchisee dubbate haa ilaallu. “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jedhee raajii dubbateera. (Mat. 24:14) Raajiin kun yeroo kamiyyuu caalaa amma raawwatamaa jira. Ergaan Mootummichaa afaan 1,000 oliin lallabamaa jira; namoonni addunyaa hedduun karaa weebsaayitii keenya jw.org argachuu dandaʼu.

7 Haa taʼu malee, Yesuus inni dhufuusaa dura ‘magaalotaa fi gandeen akka waliin hin geenye’ ykn nama hundumaatiif lallabuu akka hin dandeenyes barattoota isaatti himeera. (Mat. 10:23; 25:31-33) Wanti Yesuus dubbate bara keenyaafis ni hojjeta. Yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman nannoowwan ergaan keenya bilisummaadhaan itti hin lallabamne keessa jiraatu. Kana malees, daqiiqaa daqiiqaadhaan daaʼimman dhibbaan lakkaaʼaman dhalachaa jiru. Misiraachicha ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaaf’ lallabuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (Mul. 14:6) Taʼus dhumni dhufuusaa dura namoota lafarra jiran hundumaaf lallabuu hin dandeenyu.

8. Murtii Yihowaan gara fuulduraatti dabarsu ilaalchisee gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa? (Fakkiiwwanis ilaali.)

8 Wanta hamma yoonaatti ilaallerratti hundaaʼuudhaan gaaffiin akkana jedhu nutti uumamuu dandaʼa: Rakkinni guddaan jalqabuusaa dura namoonni misiraachicha dhagaʼuuf carraa hin argannehoo maal taʼu? Yihowaanii fi Ilmisaa inni murtii akka kennuuf muude murtii kan isaanirratti dabarsan akkamitti? (Yoh. 5:19, 22, 27; HoE. 17:31) Caqasni mata dureen kun irratti hundaaʼe, ‘Yihowaan namni tokkollee akka badu hin barbaadu’ jedha. Inni “hundumtuu yaada akka geddaratan” barbaada. (2 Phe. 3:9; 1 Xim. 2:4) Taʼus, Yihowaan namoota misiraachicha dhagaʼuuf carraa hin argannetti akkamitti akka murteessu nutti hin himu. Wanta kanaan dura raawwate ykn wanta gara fuulduraatti raawwatu nutti himuuf dirqamni isarra hin jiru.

Yihowaan namoota rakkinni guddaan jalqabuusaa dura misiraachicha dhagaʼuuf carraa hin argannerratti kan murteessu akkamitti? (Keeyyata 8 ilaali) c


9. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti maal nuuf ibseera?

9 Yihowaan wantoota raawwatu tokko tokko Dubbiisaa keessatti nuuf ibseera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, ‘jalʼoota’ misiraachicha dhagaʼanii jijjiirama gochuuf carraa hin arganne duʼaa akka kaasu dubbata. (HoE. 24:15; Luq. 23:42, 43) Kunimmoo gaaffilee barbaachisoo taʼan kan biroo kaasa.

10. Gaaffilee kan biroo akkamiitu kaʼu?

10 Namoonni yeroo rakkina guddaatti duʼan hundi abdii duʼaa kaʼuu utuu hin qabaatin bara baraaf balleeffamuu? Kitaabni Qulqulluun ifatti akka dubbatutti namoonni Yihowaa mormanii fi innii fi loltoonnisaa Armaagedoonirratti balleessan duʼaa hin kaafaman. (2 Tas. 1:6-10) Namoonni kaanoo duʼaa ni kaafamuu? Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko yeroo rakkina guddaatti sababa dhukkubaatiin ykn dullumaatiin, akkasumas balaan isaanirra gaʼee duʼuu dandaʼu ykn namootaan ajjeefamuu dandaʼa. (Lal. 9:11; Zak. 14:13) Namoota kana keessaa tokko tokko ‘jalʼoota’ addunyaa haaraa keessatti duʼaa kaafaman keessaa taʼuu dandaʼuu? Kana ilaalchisee wanti beeknu hin jiru.

WANTA BEEKNU

11. Namni tokko yeroo Armaagedoonitti murtiin kan isaaf kennamu maalirratti hundaaʼuudhaani?

11 Waaʼee taʼeewwan gara fuulduraa wanti beeknu hedduun jira. Fakkeenyaaf, wanti yeroo Armaagedoonitti namootatti murteessuuf buʼuura taʼu tokko akkaataa isaan obboloota Kiristoos itti qaban akka taʼe beekna. (Mat. 25:40) Namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu dibamtootaa fi Kiristoosiin akka deggeran argisiisu. Rakkinni guddaan erga jalqabee booda obboloonni Kiristoos tokko tokko lafarra akka jiranii fi waraanni Armaagedoon jalqabuuf yeroo muraasni qofti hamma hafutti gara samiitti akka hin fudhatamnes beekna. Obboloonni Kiristoos hamma lafarra jiranitti namoonni garaa qajeelaa qaban isaaniinis taʼe hojii isaan hojjetan deggeruuf carraa ni argatu. (Mat. 25:31, 32; Mul. 12:17) Dhugaawwan kun barbaachisoo kan taʼan maaliifi?

12-13. Namoonni tokko tokko badiisa “Baabilon Guddittii” erga arganii booda tarkaanfii akkamii fudhachuu dandaʼu? (Fakkiiwwanis ilaali.)

12 Rakkinni guddaan erga jalqabee boodallee, namoonni badiisa “Baabilon Guddittii” argan tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf waaʼee taʼee kanaa dubbachaa akka turan yaadachuu dandaʼu. Namoonni taʼee kana argan tokko tokko jijjiirama ni godhuu laata?—Mul. 17:5; His. 33:33.

13 Haalli kun wanta bara Museetti Gibxii keessatti taʼee wajjin wal fakkaata. Yeroo sanatti “ummanni walitti makame hedduun” Israaʼelotaa wajjin akka baʼe yaadadhu. Namoota kana keessaa tokko tokko akeekkachiisni Museen dhaʼichawwan kurnan ilaalchisee kenne raawwatamuu isaanii yeroo arganitti Yihowaarratti amantii qabaatanii taʼuu dandaʼa. (Bau. 12:38) Badiisa Baabilon Guddittii booda wanti akkasii uumamuu isaatiin kan kaʼe dhumni dhufuusaa yeroo muraasa dura namoonni nutti makamuu isaaniitti ni aarraa? Lakki hin aarru! Yeroo sanattis amala Abbaa keenya isa samii argisiisuu barbaanna; inni “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” dha. bBau. 34:6.

Namoonni badiisa “Baabilon Guddittii” argan tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf waaʼee taʼee kanaa dubbachaa akka turan ni yaadatu (Keeyyata 12-13 ilaali) d


14-15. Egereen nama tokkoo kan hundaaʼu yeroo inni itti duʼe ykn iddoo inni itti jiraaturrattidhaa? Ibsi. (Faarfannaa 33:4, 5)

14 Obboloonni tokko tokko, “Firri koo abdii duʼaa kaʼuu akka qabaatuuf rakkinni guddaan jalqabuusaa dura utuu duʼee gaariidha” yeroo jedhan ni dhageenya. Akkas kan jedhan garaa qulqulluudhaan akka taʼe beekamaadha. Haa taʼu mlee, egereen nama tokkoo kan hundaaʼu yeroo inni itti duʼerratti miti. Yihowaan Abbaa murtii mudaa hin qabne waan taʼeef haqaa fi qajeelummaadhaan murteessa. (Faarfannaa 33:4, 5 dubbisi.) “Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe” akka raawwatu amanannaa qabaachuu dandeenya.—Uma. 18:25.

15 Egereen nama tokkoo kan hundaaʼe iddoo inni jiraaturratti miti jedhanii yaaduunis sirriidha. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi biyyoota misiraachicha dhagaʼuuf carraa itti hin arganne keessa jiraatan walumatti “reʼoota” akka taʼanitti itti murteessa jedhanii yaaduun wanta hin fakkaannedha. (Mat. 25:46) Abbaan murtii guutummaa lafaa inni qajeelaa taʼe nu caalaa isaaniif yaada. Yihowaan yeroo rakkina guddaatti taʼeewwan tokko tokko akkamitti akka raawwataman akka godhu hin beeknu. Tarii namoota kana keessaa tokko tokko yeroo Yihowaan saboota hundumaa duratti of qulqulleesutti waaʼee isaa barachuuf, amantii isarratti qabaachuu fi isa cinaa dhaabbachuuf carraa argachuu dandaʼu.—His. 38:16.

Rakkinni guddaan erga jalqabee booda ... namoonni taʼee kana argan tokko tokko jijjiirama ni godhuu laata?

16. Yihowaa ilaalchisee maal beekna? (Fakkichas ilaali.)

16 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa Yihowaan lubbuu namaatiif hammam iddoo guddaa akka kennu baranneerra. Hundumti keenya abdii jireenya bara baraa akka qabaannuuf Ilmasaa dabarsee nuuf kenneera. (Yoh. 3:16) Yihowaan hunda keenyayyuu baayʼee jaallata. (Isa. 49:15) Hunda keenyayyuu maqaa maqaadhaan beeka. Yoo duunellee dhuunfaatti sirriitti waan nu beekuuf, akkasumas wantoota warra kaanirraa adda nu godhanii fi yaadannoo keenya hunda sirriitti waan beekuuf duʼaa nu kaasuu dandaʼa. (Mat. 10:29-31) Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe tokkoon tokkoon keenyaaf murtoo madaalliisaa eege, akkasumas qajeelummaa fi gara laafinarratti hundaaʼe akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 2:13.

Yihowaan tokkoo tokkoon namaatiif murtii madaalliisaa eege, akkasumas qajeelummaa fi gara laafinarratti hundaaʼe akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya (Keeyyata 16 ilaali)


17. Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?

17 Hubannaan arganne kun yoomiyyuu caalaa hojiin lallabaa keenya baayʼee ariifachiisaa akka taʼe nu yaadachiiseera. Akkas kan jennu maaliifi? Misiraachicha hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuuf maaltu nu kakaasa? Mata duree itti aanurratti deebii gaaffilee kanaa balʼinaan ilaalla.

FAARFANNAA 76 Hammam Gammadda?

a Sababii sirreeffamni kun itti godhame beekuuf, mata duree “Kun Akka Taʼu Fedha Kee Taʼeera” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2015 fuula 7-11 irratti baʼe ilaali.

b Baabilon Guddittiin erga balleeffamtee booda tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi yeroo Goog inni biyya Maagoog haleellaa isaanirratti banutti ni qoramu. Namoonni Baabilon Guddittiin erga balleeffamtee booda saba Waaqayyoo cinaa dhaabbatanis ni qoramu.

c IBSA FAKKII: Haalawwan namoonni misiraachoo addunyaa maratti lallabaa jirru akka hin dhageenye gochuu dandaʼan sadi: (1) Dubartii naannoo amantaa biyyattii keessa jiruun kan ka’e misiraachicha dhaga’uun ulfaataa itti ta’e keessa jiraattu (2) hiriyoota gaaʼelaa biyya sirna siyaasaatiin kan kaʼe misiraachicha lallabuun seeraan alaa fi balaadhaaf kan nama saaxilu itti taʼe keessa jiraatan (3) nama naannoo fagoo bira gaʼamuun hin dandaʼamne keessa jiraatu.

d IBSA FAKKII: Shamarree dhugaa dhiistee fi badiisa “Baabilon Guddittii” ilaalchisee wanta baratte yaadatte takka. Jijjiirama gochuudhaan gara warra ishii Kiristiyaanota taʼaniitti deebiteetti. Wanti akkasii yoo uumame fakkeenya Abbaa keenya isa samii isa gara laafessaa fi araara qabeessa taʼee hordofuudhaan namni cubbamaan deebiʼuu isaatti gammaduu barbaanna.