Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 26

FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya

Yihowaan Qarsaa Kee Akka Taʼu Godhi

Yihowaan Qarsaa Kee Akka Taʼu Godhi

“Kan akka Waaqa [keenyaa] qarsaan hin jiru.”1 SAM. 2:2.

YAADA IJOO

Yihowaan qarsaa akka taʼetti kan ibsame maaliif akka taʼee fi amalootasaa warra akkuma qarsaa taʼan horachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

1. Faarfannaa 18:46 irratti akka ibsametti Daawit Yihowaa maalitti fakkeesseera?

 YEROO tokko tokko akkuma tasaa rakkinni jireenyi ulfaataa akka nutti taʼu godhu, darbees jireenya keenya guutummaatti jijjiiru nu mudachuu dandaʼa. Gargaarsa argachuuf Yihowaatti amanamuu akka dandeenyu beekuun keenya boqonnaa guddaa nuuf kenna! Mata duree darberratti, Yihowaan Waaqa jiraataa yeroo hunda nu gargaaruuf qophaaʼe akka taʼe yaadachiisni nuuf kennameera. Jireenya keenya keessatti gargaarsasaa yeroo argannu “Yihowaan jiraataa” taʼuusaa hubanna. (Faarfannaa 18:46 dubbisi.) Haa taʼu malee, Daawit ittaansuudhaan Waaqayyoon ‘Qarsaa koo’ jedhee ibseera. Maarree, Daawit Waaqa jiraataa qarsaa isa jiraataa hin taanetti kan fakkeesse maaliifi?

2. Daawit Yihowaa ‘Qarsaa koo’ jedhee waamuunsaa xiyyeeffannaa keenya harkisuu kan qabu maaliifi?

2 Mata duree kana keessatti, Yihowaan qarsaa kan jedhame maaliif akka taʼee fi ibsi kun waaʼeesaa maal akka nu barsiisu ilaalla. Akka Qarsaa keenyaatti isa ilaaluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. Dhumarrattimmoo, amaloota Yihowaa warra akkuma qarsaa taʼan horachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna.

YIHOWAAN QARSAA KAN JEDHAME MAALIIFI?

3. Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha “qarsaa” jedhutti kan fayyadamu akkamitti? (Fakkii ilaali.)

3 Kitaabni Qulqulluun amaloota Yihowaan qabu tokko tokko hubachuu akka dandeenyuuf jecha “qarsaa” jedhutti fayyadama. Yeroo baayʼee tajaajiltoonni Yihowaa yeroo isa jajatanitti inni qarsaa akka taʼe dubbatu. Yaanni Yihowaan “Qarsaa” akka taʼe dubbatu inni jalqabaa Keessa Deebii 32:4 irratti argama. Haannaan kadhannaa ishiirratti, “Kan akka Waaqa [keenyaa] qarsaan hin jiru” jetteetti. (1 Sam. 2:2) Anbaaqom “Qarsaa koo” jedhee Yihowaa waameera. (An. 1:12) Barreessaan Faarfannaa 73 Waaqayyoon “qarsaa garaa kootii” jedhee ibseera. (Far. 73:26) Yihowaaniyyuu qarsaa jedhee of waameera. (Isa. 44:8) Amaloota Yihowaa warra akkuma qarsaa taʼan sadii qoruudhaan “Qarsaa keenya” isa godhachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.—Kes. 32:31.

Sabni Yihowaa Waaqasaanii Qarsaa amansiisaa akka taʼetti ilaalu (Keeyyata 3 ilaali)


4. Yihowaan iddoo kooluu itti gallu kan taʼe akkamitti? (Faarfannaa 94:22)

4 Yihowaan iddoo kooluu itti galludha. Akkuma qarsaa guddaan tokko obomboleettii cimaa jalaa dhokachuuf gargaaru, Yihowaanis haalli balaadhaaf nama saaxilu yeroo nu mudatu eegumsa nuuf godha. (Faarfannaa 94:22 dubbisi.) Hariiroo isa faana qabnu akka eeggannu nu gargaara, rakkinni miidhaa dhaabbataa nurraan geessisu akka nurra gaʼus hin heyyamu. Kana malees, gara fuulduraatti wanta dhiphinaa fi rakkina geessisu hunda akka balleessu waadaa galeera.—His. 34:25, 26.

5. Yihowaan iddoo kooluu itti gallu kan nuuf taʼu akkamitti?

5 Karaan Yihowaa iddoo kooluu itti gallu godhachuu itti dandeenyu tokko kadhannaadhaan isatti dhihaachuudha. Yihowaan yeroo kadhannaa isatti dhiheessinu, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa garaa fi sammuu keenya eegu nuu kenna. (Filp. 4:6, 7) Mee muuxannoo obboleessa Artam jedhamuu fi amantiisaatiin kan kaʼe hidhamee haa ilaallu. Mana hidhaa keessatti poolisoonni irra deddeebiʼanii isa qorataniiru, akkasumas miidhaa isarraan geessisaa fi wanta isa salphisu gochaa turan. Artam akkana jedheera: “Yeroo poolisiin tokko na qoratetti dhiphadheen ture. . . . Yeroo hunda gara Yihowaatti kadhannaa nan dhiheessa. Nagaa sammuu fi ogummaa akka naaf kennu isa kadhadheen ture. Malli poolisiin na qorachaa ture sun itti fayyadame ana irratti [hin hojjenne]. . . . Gargaarsa Yihowaatiin akkuma waanan dallaa dhagaa duuba dhaabbadhee jiruutti natti dhagaʼame.”

6. Yeroo hunda Yihowaatti amanamuu kan dandeenyu maaliifi? (Isaayyaas 26:3, 4)

6 Yihowaan amanamaa waan taʼeef yoomiyyuu nu hin gatu. Yihowaan akkuma qarsaa guddaa iddoosaatii sochoofamuu hin dandeenyee waan taʼeef, yeroo hundumaa akka nu gargaaru isatti amanamuu dandeenya. Inni “Qarsaa bara baraa” ti. (Isaayyaas 26:3, 4 dubbisi.) Yeroo hundumaa jiraataa waan taʼeef waadaa gale ni eega, kadhannaa keenya ni dhagaʼa, akkasumas yeroo nu barbaachisutti gargaarsa nuuf godha. Yihowaan tajaajiltootasaatiif amanamaa waan taʼeef guutummaatti isatti amanamuu dandeenya. (2 Sam. 22:26) Wanta raawwanne yoomiyyuu hin irraanfatu; yeroo hundumaa nu badhaasa.—Ibr. 6:10; 11:6.

7. Yihowaatti amanamuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? (Fakkichas ilaali.)

7 Yihowaatti guutummaatti yeroo amanamnu Qarsaa keenya isa godhanna. Yeroo ulfaataa taʼettillee isaaf ajajamuun keenya faayidaa akka nuuf argamsiisu ni amanna. (Isa. 48:17, 18) Jireenya keenya keessatti gargaarsasaa yeroo argannu amantiin isarratti qabnu caalaatti guddata. Sana booda qorumsa akkamiiyyuu akka dandamannu nu gargaaruu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe caalaatti mirkanaaʼoo taana. Rakkina tokko tokko keessatti eenyuyyuu nu gargaaruu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama; Yihowaan yeroo akkasiittis akka nu gargaaru ni hubanna. Vilaadmiir akkana jedheera: “Yeroon wiirtuu tursiisa shakkamtootaa keessatti dabarsetti hariiroon Waaqayyoo wajjin qabu baayʼee gaarii akka ture afaan guutee dubbachuu nan dandaʼa. Kophaa koo waanan taʼee fi haala koo jijjiiruu waan hin dandeenyeef, caalaatti Yihowaa amanachuu baradheera.”

Yihowaatti guutummaatti yeroo amanamnu Qarsaa keenya akka taʼu goona (Keeyyata 7 ilaali)


8. (a) Yihowaan hin jijjiiramu kan jennu maaliifi? (b) Waaqayyo Qarsaa keenya taʼuusaatti faayidaa akkamii arganna? (Faarfannaa 62:6, 7)

8 Yihowaan hin jijjiiramu. Yihowaan akkuma qarsaa guddaa tokkoo kan hin sochoonee fi kan hin jijjiiramnedha. Eenyummaanii fi kaayyoonsaa yoomiyyuu hin jijjiiramu. (Mil. 3:6) Yihowaan yeroo Eedan keessatti fincilli kaʼetti kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu hin jijjiirre. Akkuma Phaawulos ergamaan barreessetti Yihowaan “of ganuu hin dandaʼu.” (2 Xim. 2:13) Kana jechuun wanti fedhe yoo uumame ykn warri kaan maaliyyuu yoo godhan, Yihowaan amalasaa, kaayyoosaa fi ulaagaaleesaa hin jijjiiru jechuudha. Waaqa keenya isa hin jijjiiramnetti amanamuudhaan fayyina argachuuf, akkasumas yeroo qorumsaatti gargaarsa argachuuf gara isaatti garagaluu ni dandeenya.—Faarfannaa 62:6, 7 dubbisi.

9. Fakkeenya Taatiyaanaarraa maal baratte?

9 Amaloota Yihowaa fi kaayyoo inni lafaaf qaburratti kan xiinxallu yoo taʼe isatti amanamuu fi Qarsaa keenya isa godhachuu ni dandeenya. Akkas gochuun keenya yeroo qorumsi nurra gaʼu tasgabbaaʼuuf nu gargaara. (Far. 16:8) Obboleettiin Taatiyaanaa jedhamtu amantii ishiitiin kan kaʼe manaa akka hin baane yeroo dhorkaan ishiirra kaaʼametti kun dhugaa akka taʼe hubatteetti. Akkana jetteetti: “Kophaan ture. . . . Jalqaba irratti haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Kanaafuu yeroo baayʼeen abdii kutadha ture.” Haa taʼu malee, qorumsi ishiirra gaʼaa jiru Yihowaa fi kaayyoosaa wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe yeroo hubattu haalasaa dandamachuu fi deebitee tasgabbaaʼuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Sababii kun itti taʼe hubachuun koo haala kana keessatti kanan argame Yihowaa waanan jaalladhuu fi isa gammachiisuu waanan barbaaduuf taʼuu isaa yaadachuuf na gargaareera. Kunis waaʼee ofii koo yaaduu dhiisuuf na gargaareera.”

10. Yihowaan yeroo ammaatti Qarsaa keenya taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Yeroo dhihootti qorumsi guddaan yeroo kamiyyuu caalaa Yihowaatti amanamuu gaafatu nu mudata. Kanaafuu, yeroo ammaatti amantii haala akkamiiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuun keenya barbaachisaadha. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu fi muuxannoo Dhugaa Baatota Yihowaa dubbisuun keenya nu gargaara. Yihowaan tajaajiltootasaa gargaaruuf amaloota akkuma qarsaa taʼan kan argisiise akkamitti akka taʼe hubadhu. Seenaawwan kanarratti gadi fageenyaan xiinxali. Akkas gochuun kee Yihowaa Qarsaa kee godhachuuf si gargaara.

AMALOOTA YIHOWAA WARRA AKKUMA QARSAA TAʼAN HORADHU

11. Amaloota Yihowaa warra akkuma qarsaa taʼan horachuu kan barbaannu maaliifi? (Saanduqa, “ Galma Obboloonni Dargaggoota Taʼan Baafachuu Dandaʼan” jedhus ilaali.)

11 Yihowaan akkuma qarsaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti akka taʼe hubanneerra. Ammammoo amalootasaa warra akkuma qarsaa taʼan horachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Amaloota Yihowaa horachuuf caalaatti carraaqqii yeroo goonu gumicha caalaatti cimsina. Fakkeenyaaf, Yesuus Simooniif maqaa Keefaas (“Pheexiros” jedhamee hiikameera) jedhu kennee ture; Keefaas jechuun “Qarsaa” jechuudha. (Yoh. 1:42) Kunis gumii keessatti madda jajjabinaa fi ciminaa akka taʼu argisiisa. Jaarsoliin gumii “akkuma gaaddisa qarsaa guddaa” akka taʼanitti ibsamaniiru. Ibsi kun obboloota gumicha keessa jiraniif eegumsa akka godhan argisiisa. (Isa. 32:2) Dhugaadha, obboloonnii fi obboleettonni hundi amaloota Yihowaa warra akkuma qarsaa taʼan horachuuf yeroo carraaqqii godhan gumichi ni fayyadama.—Efe. 5:1.

12. Karaawwan obbolootaaf iddoo kooluu itti galan taʼuu itti dandeenyu ibsi.

12 Obboloota keetiif iddoo kooluu itti galan taʼi. Yeroo obboloota keenya balaan uumamaa, jeequmsi hawaasaa fi waraanni mudatu kallattiidhaan iddoo kooluu itti galan isaaniif taʼuu dandeenya taʼa. “Guyyoota dhumaa” kanatti haalli addunyaa hammachaa yeroo deemu, carraa wal gargaaruuf nu dandeessisu dabalataa akka argannu hin shakkisiisu. (2 Xim. 3:1) Obboloota keenya karaa miiraa fi karaa hafuuraas gargaaruu ni dandeenya. Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko gara walgaʼii yeroo dhufan miira hoʼaadhaan isaan simachuudhaan gumichi iddoo jaalalaa fi nagaadhaan guutame akka taʼu gochuudha. Addunyaan keessa jiraannu kan nama dhiphisudha. Kanaafuu, obboloonni keenya gara walgaʼii yeroo dhufan, isaan jajjabeessuu fi jaalala isaanitti argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna.

13. Keessumaa jaarsoliin warra kaaniif iddoo kooluu itti galan taʼuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Jaarsoliin obboloota qorumsa garaagaraa dandamachaa jiraniif iddoo kooluu itti galan taʼuu ni dandaʼu. Obboloonni balaan uumamaa yeroo isaan mudatuu fi gargaarsi yaalii fayyaa atattamaa yeroo isaan barbaachisutti, jaarsoliin dursa fudhatanii isaan gargaaru. Karaa hafuuraas isaan gargaaru. Jaarsi gumii tokko gaarummaa kan argisiisu, miira warra kaanii kan hubatuu fi wanta isaan dubbatan dhagaʼuuf fedhii kan qabu yoo taʼe obboloonni salphaatti isatti dhihaatu. Jaarsoliin amaloota kana yeroo argisiisan obboloonni akka jaallataman waan isaanitti dhagaʼamuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaniif kennamu akkamiiyyuu hojiirra oolchuun isaanitti salphata.—1 Tas. 2:7, 8, 11.

Jaarsoliin obboloota qorumsa garaagaraa dandamachaa jiraniif iddoo kooluu itti galan taʼuu ni dandaʼu (Keeyyata 13 ilaali) a


14. Amanamoo akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Amanamaa taʼuu kee argisiisi. Warri kaan keessumaa yeroo rakkinaatti akka nutti amanaman barbaanna. (Fak. 17:17) Namoonni kaan akka nu amanan gochuu kan dandeenyu akkamitti? Waadaa galle eeguu fi beellama kabajuu dabalatee, yeroo hunda amaloota Waaqayyoo argisiisuuf carraaqqii gochuu dandeenya. (Mat. 5:37) Yeroo barbaachisutti warra kaaniif gargaarsa qabatamaa gochuus ni dandeenya. Kana malees, hojiin tokko yeroo nuuf kennamu qajeelfama nuuf kenname hordofnee hojjechuuf carraaqqii gochuu qabna.

15. Jaarsoliin amanamoo yeroo taʼan gumichi kan fayyadamu akkamitti?

15 Obboloonni jaarsolii amanuu akka dandaʼan yeroo isaanitti dhagaʼamu faayidaa akkamii argatu? Babalʼistoonni yeroo gargaarsa barbaadan hundatti jaarsolii haasofsiisuu akka dandaʼan beekuunsaanii dhiphina guddaa isaaniif hirʼisa. Obboloonni jaarsoliin isaan gargaaruuf fedhii akka qaban yeroo beekanitti akka jaallataman isaanitti dhagaʼama. Jaarsoliin ilaalcha ofiisaanii dubbachuu mannaa, gorsi isaan kennan Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota garbichi amanamaan qopheesserratti akka hundaaʼu yeroo godhan obboloonni isaanii isaan amanu. Obboloonnii fi obboleettonni keenya jaarsa iccitiisaanii isaaniif eeguu fi waadaasaa eegu amanuun baayʼee isaanitti salphata.

16. Wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuun keenya nuunis taʼe warra kaan kan fayyadu akkamitti?

16 Yeroo hunda wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwadhu. Wanta hundumaarratti Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuu fi murtoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu gochuuf kan carraaqnu yoo taʼe warra kaaniif fakkeenya gaarii taana. Amantiin keenyaa fi dhugaa ilaalchisee beekumsi qabnu guddachaa yeroo deemu Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu fi ulaagaaleesaa eeguun nuuf salphata. Yaada dhaabbataa kan hin qabne, ejjennoo kan hin qabne ykn barumsa sobaa fi ilaalcha addunyaatiin asii fi achi kan daddarbatamnu hin taanu. (Efe. 4:14; Yaq. 1:6-8) Amantiin Yihowaa fi waadaa inni galerratti qabnu oduu gaarii hin taane yeroo dhageenyutti madaallii keenya eeggachuuf nu gargaara. (Far. 112:7, 8) Obboloota qorumsi irra gaʼaa jiru gargaaruus ni dandeenya.—1 Tas. 3:2, 3.

17. Jaarsoliin obboloota kaanirratti dhiibbaa gaarii gochuuf maaltu isaan gargaara?

17 Jaarsoliin barsiifata madaalamaa kan qaban, sirriitti kan yaadan, seera qabeeyyii fi yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu qabu. Obboloonni kun ‘dubbicha isa amanamaa sana cimsanii qabachuudhaan’ akka tasgabbaaʼanii fi Yihowaarratti amantii cimaa akka qabaatan obbolootasaanii gargaaru. (Tit. 1:9; 1 Xim. 3:1-3) Fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, akkasumas tika isaaniif gochuudhaan yeroo hunda walgaʼiirratti akka argaman, tajaajilarratti akka hirmaatanii fi qoʼannaa dhuunfaa akka godhatan isaan jajjabeessu. Jaarsoliin obboloonnisaanii yeroo haalli nama dhiphisu isaan mudatu Yihowaatti akka amanamanii fi waadaa inni galerratti akka xiyyeeffatan isaan yaadachiisuu dandaʼu.

18. Yihowaa jajachuu fi caalaatti isatti dhihaachuu kan barbaannu maaliifi? (Saanduqa, “ Karaa Caalaatti Yihowaatti Dhihaachuuf Gargaaru” jedhus ilaali.)

18 Amaloota Yihowaa warra ajaaʼibsiisoo taʼan erga qorannee booda nutis akkuma Daawit Mootichaa, “Yihowaan inni Qarsaa koo taʼe . . . haa jajamu” jechuu dandeenya. (Far. 144:1) Yeroo hundumaa Yihowaatti amanamuu ni dandeenya. Jireenya keenya guutuu, erga dulloomnee boodallee inni yeroo hunda karaa hafuuraa akka dagaagnu akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan, ‘Inni Qarsaa koo ti’ jechuu dandeenya.—Far. 92:14, 15.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

a IBSA FAKKII: Obboleettiin takka Galma Walgaʼii keessatti jaarsolii lama bilisummaadhaan haasofsiisaa jirti.