Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 23

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

Yihowaan Keessummootasaa Akka Taanu Nu Affeereera

Yihowaan Keessummootasaa Akka Taanu Nu Affeereera

“Dunkaanni koo isaanii wajjin ni taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa.”HIS. 37:27.

YAADA IJOO

Mata dureen kun dunkaana Yihowaa keessatti keessummoota taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼee fi Yihowaan nu simachuudhaan kan nu kunuunsu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

1-2. Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo taʼaniif affeerraa akkamii dhiheesseera?

 YIHOWAAN jireenya kee keessatti iddoo akkamii qaba? ‘Yihowaan Abbaa koo, Waaqa koo fi Michuu kooti’ jettee deebista taʼa. Jechoonni Yihowaa ittiin ibsuu dandeenyu kan biroonis jiru. Haa taʼu malee, qaama keessummummaa si simatu akka taʼettoo isa ni ilaaltaa?

2 Daawit Mootichi michummaa Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo wajjin qabu walitti dhufeenya keessummaa fi nama keessummaa simatu gidduu jirutti fakkeesseera. “Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu? Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?” jedhee gaafateera. (Far. 15:1) Caqasa kanarraa keessummoota Yihowaa, jechuunis michootasaa taʼuu akka dandeenya baranna. Kun kabaja guddaadha!

YIHOWAAN KEESSUMMOOTASAA AKKA TAANU BARBAADA

3. Keessummaan Yihowaa inni jalqabaa eenyu? Yihowaanii fi keessummaansaa kun miira akkamii waliif qabu?

3 Yihowaan hojii uumamaa jalqabuusaa dura kophaasaa ture. Yeroo booda garuu dunkaanasaa isa fakkeenyaan ibsame keessatti Ilmasaa hangafaa simate. Yihowaan yeroo sanatti baayʼee gammadee ture. Kitaabni Qulqulluun Ilmasaatti ‘haala adda taʼeen gammadaa akka ture’ dubbata. Ilmisaa inni keessummaasaa jalqabaa taʼes ‘yeroo hunda isa duratti ni gammada ture.’—Fak. 8:30.

4. Yihowaan yeroo booda dunkaanasaa keessatti eenyufaa simate?

4 Yihowaan yeroo booda uumamawwan hafuuraa kan biroo uumuudhaan isaanis keessummootasaa akka taʼan affeere. Maleekonnisaa “ilmaan Waaqayyoo” jedhamanii waamaman Yihowaa wajjin taʼuusaanitti gammadaniiru. (Iyo. 38:7; Dan. 7:10) Yeroo muraasaaf michoonni Waaqayyoo warra samii keessa isa wajjin jiraatan qofa turan. Yeroo booda garuu lafarratti namoota uumee isaanis michootasaa akka taʼan heyyame. Heenok, Noh, Abrahaamii fi Iyyoob namoota michootasaa taʼan keessaa muraasa isaaniiti. Namoonni kun michoota Waaqayyoo ykn warra “Waaqa dhugaa wajjin” deeman akka taʼanitti ibsamaniiru.—Uma. 5:24; 6:9; Iyo. 29:4; Isa. 41:8.

5. Raajii Hisqiʼel 37:26, 27 irratti ibsamerraa maal baranna?

5 Yihowaan jaarraawwan hedduudhaaf michoonnisaa keessummootasaa akka taʼan affeeraa tureera. (Hisqiʼel 37:26, 27 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Waaqayyo tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan isa wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan fedhii guddaa akka qabu raajii Hisqiʼel barreesserraa hubachuu dandeenya. “Isaanii wajjin kakuu nagaa” akka galu waadaa galeera. Raajiin kun waaʼee yeroo namoonni samiirra jiraachuuf abdii qabanii fi namoonni lafarra jiraachuuf abdii qaban dunkaanasaa keessatti “tuuta tokko” itti taʼanii dubbata. (Yoh. 10:16) Yeroon sun ammadha!

EESSAYYUU YOO JIRAANNE WAAQAYYO NUUF YAADA

6. Namni tokko dunkaana Yihowaa keessatti keessummaa kan taʼu akkamitti? Dunkaanni kunoo eessatti argama?

6 Bara duriitti dunkaanni bakka namoonni itti boqotanii fi qilleensarraa dahoo itti argatan ture. Namni dunkaana tokkotti simatame kunuunsa akka argatu eeguu dandaʼa. Yihowaadhaaf yeroo of murteessinu dunkaanasaa keessatti keessummootasaa taana. (Far. 61:4) Nyaata hafuuraa irraa hafaa taʼe arganna, namoota keessummoota Yihowaa taʼan kan biroo wajjinis michummaa uumna. Dunkaanni Yihowaa bakkuma taʼe tokkotti kan daangeffame miti. Biyya alaa deemtee walgaʼii addaa tokkorratti namoota dunkaana Waaqayyoo keessatti simatamuudhaan eebbifaman kan biroo wajjin wal argitee beekta taʼa. Dunkaanni Yihowaa bakka tajaajiltoonnisaa amanamoon jiran kamittiyyuu ni argama.—Mul. 21:3.

7. Namoonni amanamoon duʼan ammayyuu keessummoota dunkaana Yihowaa keessa jiranidha kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

7 Namoonni amanamoon duʼanoo? Ammas keessummoota dunkaana Yihowaa keessa jiranidhaa? Eeyyee! Akkas kan jennu maaliifi? Namoonni kun ammas yaadannoo Yihowaa keessa waan jiraniifi. Yesuus akkana jedheera: “Warri duʼan akka duʼaa kaʼan garuu, Museen iyyuu seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu keessatti, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ jedhee Yihowaa waamuudhaan ifa godheera. Hundi isaanii isaaf jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”—Luq. 20:37, 38.

Namoonni amanamoon duʼanillee keessummoota dunkaana Waaqayyoo keessa jiran akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu (Keeyyata 7 ilaali)


FAAYIDAA ARGANNUU FI ITTI GAAFATAMUMMAA QABNU

8. Keessummoonni Yihowaa dunkaanasaa keessa taʼuusaaniitiin faayidaa akkamii argatu?

8 Akkuma dunkaanni tokko bakka boqonnaa qilleensarraa dahoo itti argatan taʼe, dunkaanni Yihowaas bakka keessummoonnisaa balaa hafuuraa fi abdii dhabuurraa eegumsa itti argatanidha. Yihowaatti dhihaannee kan jiraannu yoo taʼe Seexanni miidhaa dhaabbataa taʼe nurraan gaʼuu hin dandaʼu. (Far. 31:23; 1 Yoh. 3:8) Yihowaan addunyaa haaraa keessatti michootasaa amanamoo taʼan balaa hafuuraarraa qofa utuu hin taʼin duʼarraas eeguusaa itti fufa.—Mul. 21:4.

9. Yihowaan keessummootasaarraa maal eega?

9 Dunkaana Yihowaa keessatti keessummoota taʼanii isa wajjin michummaa cimaa barabaraaf turu qabaachuun ulfina guddaadha. Keessummootasaa taanee itti fufuu yoo barbaanne maal gochuu qabna? Namni tokko manasaatti yoo si affeere wanta inni sirraa eegu beekuu akka barbaaddu ifadha. Tarii ol seenuu kee dura kophee kee akka baafattu sirraa eega taʼa, atis fedhiidhaan akkas goota. Haaluma walfakkaatuun, wanta Yihowaan namoota dunkaanasaa keessatti keessummoota taʼanii itti fufuu barbaadanirraa eegu beekuu barbaanna. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu “guutummaatti isa gammachiisuuf” wanta dandeenyu hunda gochuuf nu kakaasa. (Qol. 1:10) Yihowaa akka Michuu keenyaatti kan ilaallu taʼus, inni Waaqaa fi Abbaa kabajni isaaf malu akka taʼes ni hubanna. (Far. 25:14) Kanaafuu, kana yeroo hunda yaadachuu fi kabaja guddaa isaaf qabaachuu qabna. Kabaja guddaa isaaf qabaachuun keenya wanta isa gaddisiisu raawwachuurraa akka of qusannu nu gargaara. ‘Gad of qabuudhaan Waaqa keenya wajjin deddeebiʼuu’ barbaanna.—Mik. 6:8.

YIHOWAAN LAFA ONAA KEESSATTI AKKA HIN LOOGNE ARGISIISEERA

10-11. Akkaataan Yihowaan lafa onaa Siinaa keessatti Israaʼelota itti qabe kan hin loogne taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

10 Yihowaan keessummootasaa wal hin caalchisu. (Rom. 2:11) Akkaataa lafa onaa Siinaa keessatti Israaʼelota itti qaberraa kana hubachuu dandeenya.

11 Yihowaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa erga baasee booda luboota godoo qulqulluu keessatti tajaajilan muude. Hojiiwwan dunkaana qulqulluu sana keessatti hojjetaman kan biroo akka hojjetaniifimmoo Leewwonni ramadamanii turan. Namoonni godoo qulqulluu keessatti tajaajilan ykn naannoo sana jiraatan Yihowaa biraa kunuunsa adda taʼe ni argatu turanii? Lakki! Yihowaan hin loogu.

12. Yihowaan saba haaraa hundeesse yeroo keessummummaadhaan simatetti akka hin loogne kan argisiise akkamitti? (Baʼuu 40:38) (Fakkichas ilaali.)

12 Namni Israaʼel tokko godoo qulqulluu keessatti tajaajilus tajaajiluu baatus ykn naannoo godoo qulqulluu jiraatus jiraachuu baatus Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu ni dandaʼa ture. Fakkeenyaaf, Yihowaan utubaa duumessaa fi utubaa ibiddaa dinqiidhaan godoo qulqulluurra buufatu guutummaan sabichaa arguu akka dandaʼu godhee ture. (Baʼuu 40:38 dubbisi.) Duumessi sun gara kallattii haaraatti yeroo sochoʼuu jalqabu namoonni godoo qulqulluu sanarraa fagaatanii jiranillee arguu ni dandaʼu turan; achiis qabeenyasaanii walitti qabachuu, dunkaanasaanii buqqisuu fi uummaticha wajjin deemuu dandaʼu. (Lak. 9:15-23) Namni hundi sabichi imala akka jalqabuuf malakata lamaan meetiirraa tolfameen mallattoon yeroo kennamu dhagaʼuu dandaʼa. (Lak. 10:2) Kanaafuu, namni tokko naannoo godoo qulqulluu sanaa jiraachuunsaa qofti Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabu kan argisiisu miti. Israaʼelonni hundi keessummaa Yihowaa taʼuu, akkasumas qajeelfamaa fi eegumsasaa argachuu dandaʼu. Haaluma walfakkaatuun, nutis bakki jiraannu eessayyuu yoo taʼe jaalala, kunuunsaa fi eegumsa Yihowaa argachuu ni dandeenya.

Qophiin godoo qulqulluu Waaqayyo akka hin loogne argisiisa (Keeyyata 12 ilaali)


YIHOWAAN YEROO HARʼAATTIS HIN LOOGU

13. Karaan Yihowaan yeroo harʼaatti akka hin loogne itti argisiise tokko maalidha?

13 Yeroo harʼaatti, saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko naannoo waajjira muummee ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa jiraatu. Muraasni isaaniimmoo achi keessatti tajaajilu. Kanaan kan kaʼes, obboloonni kun sochiiwwan achi keessatti raawwataman hedduurratti hirmaachuu fi obboloota dura buutota taʼan wajjin wal arguuf carraa qabu. Obboloonni tokko tokkommoo daawwataa olaanaa taʼanii ykn gosa tajaajila yeroo guutuu addaa kan biraa keessa galanii tajaajilu. Warra mirga akkasii argatan keessaa tokko yoo taʼuu baattellee keessummaa Yihowaa akka taatee fi akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼi. Inni keessummootasaa hunda ni kunuunsa. (1 Phe. 5:7) Sabni Yihowaa hundi nyaata hafuuraa, qajeelfamaa fi eegumsa isaan barbaachisu ni argatu.

14. Karaan Yihowaan akka hin loogne itti argisiise kan biraan maalidha?

14 Yihowaan namoonni addunyaa maratti argaman Kitaaba Qulqulluu argachuu akka dandaʼan gochuudhaanis akka hin loogne argisiiseera. Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraamii fi Afaan Giriikiitiin barreeffame. Namoonni afaanota kanaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼan warra kaan caalaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabuu? Lakki.—Mat. 11:25.

15. Ragaan Yihowaan akka hin loogne argisiisu maalidha? (Fakkichas ilaali.)

15 Yihowaa biratti fudhatama argachuun keenya barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu ykn dandeettii afaanii qabaachuu keenyarratti kan hundaaʼe miti. Yihowaan addunyaa maratti namoonni baratanis taʼan namoonni hin baranne ogummaasaa beekuu akka dandaʼan haala mijeesseera. Kitaabni Qulqulluun afaanota kumaan lakkaaʼamaniin waan hiikameef, namoonni addunyaa maratti argaman irraa fayyadamuu fi michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barachuu dandaʼu.—2 Xim. 3:16, 17.

Kitaabni Qulqulluun afaanota kumaan lakkaaʼamaniin hiikamuunsaa Yihowaan akka hin loogne kan mirkaneessu akkamitti? (Keeyyata 15 ilaali)


KEESSUMMAA YIHOWAA TAʼII ITTI FUFI

16. Hojii Ergamootaa 10:34, 35 irratti akka ibsametti keessummoota Yihowaa taanee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Dunkaana Yihowaa keessatti keessummummaadhaan simatamuun mirga guddaadha. Keessummaa simachuurratti, akkasumas keessummootatti gaarummaa fi jaalala argisiisuurratti kan isaan qixxaatu hin jiru. Kana malees, inni hin loogu; bakki jiraannu eessayyuu yoo taʼe, akkasumas akkaataan guddinaa, sadarkaan barumsaa, sanyiin, gosti, umuriin ykn saalli keenya maaliyyuu yoo taʼe hunda keenyayyuu ni simata. Dunkaanasaa keessatti keessummummaadhaan kan simataman garuu warra ulaagaaleesaa guutan qofadha.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35 dubbisi.

17. Dunkaana Yihowaa keessatti keessummaa taʼuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa eessaa argachuu dandeenya?

17 Daawit Faarfannaa 15:1 irratti, “Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu? Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?” jedhee gaafateera. Faarfatichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gaaffilee kanaaf deebii kenneera. Mata dureen ittaanu wantoota Yihowaa gammachiisuu fi michootasaa taanee itti fufuuf gochuu qabnu muraasa ibsa.

FAARFANNAA 32 Yihowaa Deggeri!