Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 24

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

Barabaraaf Keessummaa Yihowaa Taʼi!

Barabaraaf Keessummaa Yihowaa Taʼi!

“Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu?”FAR. 15:1.

YAADA IJOO

Michoota Yihowaa taanee itti fufuuf wanti nurraa eegamu maal akka taʼee fi michootasaa akkamitti akka qabnu akka barbaadu ilaalla.

1. Faarfannaa 15:1-5 qoruun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

 MATA DUREE darberratti namoonni Yihowaadhaaf of murteessanii fi isa wajjin michummaa cimaa qaban dunkaanasaa keessatti keessummummaadhaan akka simataman ilaalleerra. Maarree, keessummootasaa taʼuuf maaltu nurraa eegama? Faarfannaan 15 waaʼee kanaa dubbata. (Faarfannaa 15:1-5 dubbisi.) Faarfannaan kun Waaqayyotti dhihaachuuf maal gochuu akka qabnu ibsa.

2. Daawit faarfannaa isaarratti waaʼee dunkaana Yihowaa ibsuuf kan isa kakaase maal taʼuu dandaʼa?

2 Faarfannaan 15 yaada akkana jedhuun jalqaba: “Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu? Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?” (Far. 15:1) Daawit faarfatichi yeroo waaʼee “dunkaana” Yihowaa dubbatu godoo qulqulluu yeroo muraasaaf Gibeʼon keessa ture yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. Daawit waaʼee ‘gaara Waaqayyoo isa qulqulluus’ dubbateera; tarii yeroo kanatti Gaara Xiyoon isa Yerusaalem keessatti argamu sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. Daawit iddoo Gibeʼonirraa kallattii kibbaatiin kiilomeetira hedduu fagaatu kanatti dunkaana hanga manni qulqullummaa ijaaramutti taabonni kakuu keessa taaʼu dhaabee ture.—2 Sam. 6:17.

3. Faarfannaan 15 xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

3 Dhugaadha, Israaʼelonni hedduun godoo qulqulluu keessatti akka tajaajilan isaaniif heyyamamee hin beeku; dunkaana taabonni kakuu keessa kaaʼame keessa seenanii kan beekan namoota muraasadha. Taʼus, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hundi michootasaa taʼuudhaan, akkasumas michummaa isa wajjin qaban eeganii itti fufuudhaan dunkaanasaa keessatti keessummummaadhaan simatamuu dandaʼaniiru. Kun wanta hundi keenyayyuu hawwinudha. Faarfannaan 15 amaloota michoota Yihowaa taanee itti fufuuf horachuu fi argisiisuun nu barbaachisu tokko tokko ibseera.

Israaʼelonni bara Daawit jiraatan dunkaana Yihowaa keessatti keessummummaadhaan simatamuun maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluu ni dandaʼu turan (Keeyyata 3 ilaali)


BALLEESSAA MALEE DEDDEEBIʼI, WANTA SIRRII TAʼES RAAWWADHU

4. Yihowaan kan nurraa eegu akka cuuphamnu qofa akka hin taane akkamitti beekna? (Isaayyaas 48:1)

4 Faarfannaa 15:2 irratti namni michuu Waaqayyoo taʼe, “Nama balleessaa malee deddeebiʼu, nama wanta sirrii taʼe raawwatu” jedhamee ibsameera. Jechoonni ‘deddeebiʼuu’ fi ‘raawwachuu’ jedhan gocha itti fufiinsa qabu argisiisu. Haa taʼu malee, ‘balleessaa malee deddeebiʼuu’ ni dandeenyaa? Eeyyee. Namni mudaa hin qabne hin jiru; taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf wanta dandeenyu hamma goonetti ‘balleessaa malee deddeebiʼaa’ akka jirrutti nu ilaala. Yihowaadhaaf of murteessinee yeroo cuuphamnu Waaqayyoo wajjin deemuu eegalla. Bara duriitti namni tokko lammii Israaʼel waan taʼeef qofa keessummaa Yihowaa taʼuuf gaʼumsa qabaachuu akka hin dandeenye yaadadhu. Israaʼelonni tokko tokko “dhugaa fi qajeelummaadhaan taʼuu baatus” maqaa Yihowaa waammachaa turan. (Isaayyaas 48:1 dubbisi.) Israaʼelonni keessummoota Yihowaa taʼuuf garaadhaa barbaadan ulaagaaleesaa barachuu fi hordofuu qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, cuuphamuu fi gumii Kiristiyaanaatti makamuu caalaa wanti nurraa eegamu jira. ‘Wanta sirrii taʼe raawwachuu’ keenya itti fufuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Wanta hundumaarratti Yihowaadhaaf ajajamuu jechuun maal jechuudha?

5 Akka ilaalcha Yihowaatti, ‘balleessaa malee deddeebiʼuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuun’ yeroo hunda walgaʼii gumiirratti argamuu caalaa wanta dabalatu qaba. (1 Sam. 15:22) Wanta goonu hundumaarratti, yeroo kophaa taanuttillee Waaqayyoof ajajamuuf carraaquu qabna. (Fak. 3:6; Lal. 12:13, 14) Dhimmoota xixiqqoo fakkaatanirrattillee Yihowaadhaaf ajajamuuf carraaqqii gochuun barbaachisaadha. Akkas gochuun keenya akka isa jaallannu argisiisa; kunimmoo caalaatti nu jaallachuuf isa kakaasa.—Yoh. 14:23; 1 Yoh. 5:3.

6. Akka Ibroota 6:10-12 irratti ibsametti, wanti gocha amanamummaa kanaan dura raawwanne caalaa barbaachisaa taʼe maalidha?

6 Yihowaan wanta kanaan dura isaaf goone baayʼee dinqisiifata. Haa taʼu malee, gochi amanamummaa kanaan dura raawwanne qofti dunkaana Yihowaa keessatti keessummootasaa taanee itti fufuuf gaʼumsa akka qabaannu hin godhu. Yaanni kun Ibroota 6:10-12 irratti ifatti ibsameera. (Dubbisi.) Yihowaan wantoota gaggaarii kanaan dura raawwanne hin irraanfatu. Taʼus, “hamma dhumaatti” lubbuu keenya guutuudhaan isa waaqeffachuu keenya akka itti fufnu barbaada. “Yoo abdii kutachuu baanne” Yihowaan barabaraaf michuu keenya taʼa.—Gal. 6:9.

GARAA KEETTI DHUGAA DUBBADHU

7. Garaa keenya keessatti dhugaa dubbachuun maal dabalata?

7 Namni dunkaana Yihowaa keessatti keessummummaadhaan simatamuu barbaadu “garaa isaatti dhugaa [dubbachuu]” qaba. (Far. 15:2) Kun sobuu dhiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yihowaan dubbii fi gocha keenya hundumarratti amanamoo akka taanu barbaada. (Ibr. 13:18) Kun baayʼee barbaachisaadha; “sababiin isaas, Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.”—Fak. 3:32.

8. Gocha akkamiirraa fagaachuu qabna?

8 Namoonni ‘garaa isaaniitti dhugaa dubbatan’ dhoksaatti seera Waaqayyoo utuma cabsanii namoota duratti ajajamoo fakkaatanii mulʼachuuf hin yaalan. (Isa. 29:13) Wanta jalʼaa taʼe hin raawwatan. Namni jalʼaa taʼe qajeelfamoonni Yihowaa tokko tokko ogummaarratti kan hundaaʼan taʼuusaanii ni shakka taʼa. (Yaq. 1:5-8) Dhimmoota xixiqqoodha jedhee yaadurratti Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin hafa taʼa. Ajajamuu dhiisuusaatiin kan kaʼe rakkinni isa hin mudanne taanaanimmoo wantoota sanarra hammaatan raawwachuu dandaʼa; yeroo kanatti waaqqeffannaansaa fakkeessaarratti kan hundaaʼe taʼa. (Lal. 8:11) Nuti garuu wanta hundumaarratti amanamoo taʼuu barbaanna.

9. Yeroo Yesuus Naatnaaʼel wajjin jalqaba wal argetti maaltu taʼe? Nutoo kanarraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)

9 Wanta yeroo Yesuus Naatnaaʼel wajjin wal argetti uumamerraa garaa qulqulluu qabaachuu ilaalchisee barumsa argannu qabna. Yeroo Filiphoos michuusaa Naatnaaʼeliin gara Yesuusitti fidetti wanti ajaaʼibsiisaa taʼe tokko uumamee ture. Yesuus sana dura Naatnaaʼeliin argee kan hin beekne taʼus, “Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa, isa haxxummaan keessa hin jirre” jedhe. (Yoh. 1:47) Yesuus barattoonnisaa kaanis amanamoo akka taʼan kan beeku taʼus, Naatnaaʼel garuu garaa qulqulluu adda taʼe akka qabu hubateera. Naatnaaʼel akkuma keenya nama mudaa qabudha. Taʼus, nama fakkeessaa hin beeknee fi guutummaatti amanamaa taʼedha. Yesuus Naatnaaʼel amala kana qabaachuunsaa waan isa dinqisiiseef isa galateeffateera. Hundi keenyayyuu Yesuus waaʼee keenya akkas utuu jedhee baayʼee gammanna!

Yesuus yeroo jalqaba Naatnaaʼel wajjin wal argetti nama “haxxummaan keessa hin jirre” akka taʼe dubbateera. Waaʼee keenyahoo akkas jechuun ni dandaʼamaa? (Keeyyata 9 ilaali)


10. Dandeettii dubbachuu isa kennaa taʼe karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne of eeggachuu kan qabnu maaliifi? (Yaaqoob 1:26)

10 Ulaagaalee Faarfannaa 15 irratti ibsaman keessaa baayʼeensaanii akkaataa warra kaan itti qabnu wajjin kan wal qabatanidha. Faarfannaa 15:3 irratti akka ibsametti namni dunkaana Yihowaa keessatti keessummummaadhaan simatame, “arraba isaatiin maqaa hin balleessu, wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu, maqaa michoota isaas hin xureessu.” Maqaa namootaa kan balleessinu yoo taʼe warra kaanirratti miidhaa guddaa geessisuu fi dunkaana Yihowaa keessatti keessummoota taanee itti fufuuf gaʼumsa dhabuu dandeenya.—Yaaqoob 1:26 dubbisi.

11. Maqaa balleessuu jechuun maal jechuudha? Nama maqaa namaa balleessuu fi yaadasaa hin geddarannerratti tarkaanfii akkamiitu fudhatama?

11 Faarfatichi yaada maqaa balleessuu jedhu adda baasee caqaseera. Maqaa balleessuu jechuun maal jechuudha? Oduu sobaa maqaa nama tokkoo xureessu dubbachuu jechuudha. Namni maqaa balleessuu fi yaada hin geddaranne gumii Kiristiyaanaatii ni baafama.—Er. 17:10.

12-13. Karaawwan utuu nutti hin beekamin maqaa michoota keenyaa xureessuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? (Fakkichas ilaali.)

12 Faarfannaan 15:3 keessummoonni Yihowaa namootarratti wanta hamaa taʼe tokkollee akka hin raawwannee fi maqaa michootasaanii akka hin xureessines ni dubbata. Kun maalfaa dabalata?

13 Oduu sobaa babalʼisuudhaan utuu nutti hin beekamin maqaa nama tokkoo xureessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, (1) obboleettiin takka qajeelchituu taatee tajaajiluu ni dhaabde, (2) hiriyoonni gaaʼelaa tokko Beetelii baʼan ykn (3) obboleessi tokko jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼee tajaajiluusaa ni dhaabe haa jennu. Sababii sirreeffamni kun itti godhame tilmaamuuf yaaluudhaan ilaalcha keenya warra kaaniitti himuun sirriidhaa? Sababiin jijjiiramni kun itti godhame hedduun jiraachuu kan dandaʼu taʼus nuti garuu hin beeknu taʼa. Keessummaan dunkaana Yihowaa keessatti simatame, “wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu, maqaa michoota isaas hin xureessu.”

Waaʼee nama tokkoo oduun sirrii hin taane salphaatti babalʼachuu dandaʼa; kunis gara maqaa balleessuutti geessuu dandaʼa (Keeyyata 12-13 ilaali)


NAMOOTA YIHOWAA SODAATAN KABAJI

14. Keessummoonni Yihowaa ‘nama salphaa taʼe kam iyyuu kan tuffatan’ akkamitti akka taʼe ibsi.

14 Faarfannaa 15:4 irratti akka ibsametti namni michuu Yihowaa taʼe “Nama salphaa taʼe kam iyyuu ni tuffata.” Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mudaa waan qabnuuf namni tokko nama salphaadha jennee murteessuu hin dandeenyu. Maaliif? Amala isaan argisiisan ilaallee namoota tokko tokkotti dhihaachuun, warra kaanirraammoo fagaachuun nutti salphata taʼa. Haa taʼu malee, namoota Yihowaan ‘salphoo’ akka taʼanitti ibse qofarraa fagaachuu qabna. (1 Qor. 5:11) Isaan keessaa tokko tokko namoota wanta gadhee taʼe raawwatanii fi yaada hin geddaranne, warra amantii keenya tuffatan, akkasumas namoota karaa hafuuraa nu laaffisuuf yaalanidha.—Fak. 13:20.

15. Karaan “namoota Yihowaa sodaatan” akka kabajnu itti argisiisnu tokko maalidha?

15 Faarfannaan 15:4 ittaansuudhaan “namoota Yihowaa sodaatan” kabajuu akka qabnu dubbata. Kanaafuu, karaa michoota Yihowaatti gaarummaa fi kabaja argisiisuu itti dandeenyu barbaaddachuu qabna. (Rom. 12:10) Akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko Faarfannaa 15:4 irratti ibsameera; keessummaan dunkaana Yihowaa keessa jiru tokko “kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.” Waadaa galle tokko yoo cabsine warra kaan akka miinu beekamaadha. (Mat. 5:37) Fakkeenyaaf, Yihowaan keessummoonnisaa kakuu hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif galan akka eegan isaanirraa eega. Warri waadaa ijoolleesaaniitiif galan raawwachuuf yeroo carraaqqii godhan yommuu argus ni gammada. Jaalalli Waaqa keenyaa fi namoota kaaniif qabnu hamma nuuf dandaʼame waadaa galle eeguuf nu kakaasa.

16. Karaan michoota Yihowaa akka kabajnu itti argisiisnu kan biraan maalidha?

16 Karaan michoota Waaqayyoo akka kabajnu itti argisiisnu kan biraanimmoo keessummoota simachuu fi arjummaa argisiisuudha. (Rom. 12:13) Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin gumii fi tajaajilaan alattis yeroo dabalataa waliin dabarsuun keenya michummaa isaan faanas taʼe Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsa. Hunda caalaammoo, yeroo keessummoota simannu fakkeenya Yihowaa hordofna.

JAALALA MAALLAQAARRAA OF EEGI

17. Faarfannaa 15 irratti waaʼeen maallaqaa kan kaʼe maaliifi?

17 Namni keessummaa Yihowaa taʼe “maallaqa isaa dhalaan hin liqeessu, isa balleessaa hin qabne [miidhuufis] mattaʼaa hin fudhatu.” (Far. 15:5) Faarfannaa gabaabaa taʼe kana keessatti waaʼeen maallaqaa kan kaʼe maaliifi? Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa hin taane qabaachuun keenya warra kaan miidhuu fi michummaa Waaqayyo wajjin qabnu nu jalaa balleessuu waan dandaʼuufi. (1 Xim. 6:10) Bara duriitti namoonni tokko tokko obbolootasaanii hiyyeeyyii taʼanii fi maallaqa isaanirraa liqeeffatan dhala kaffalchiisuudhaan isaanitti fayyadamu turan. Abbootiin murtii tokko tokkos mattaʼaa fudhachuudhaan namoota balleessaa hin qabne miidhu turan. Gochawwan akkasii Yihowaa duratti jibbisiisoodha.—His. 22:12.

18. Gaaffileen ilaalcha maallaqaaf qabnu qoruuf nu gargaaran kamfaʼi? (Ibroota 13:5)

18 Ilaalcha maallaqaaf qabnu qoruun keenya baayʼee nu fayyada. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo baayʼee waaʼee maallaqaa fi waaʼee wantootan bitadhuu nan yaadaa? Maallaqa yeroon liqeeffadhu namni naa liqeesse sun maallaqichi akka isa hin barbaachisne yaaduudhaan utuun hin kaffalin baayʼee nan turaa? Maallaqa qabaachuun koo warra kaanirra akkan caalu akka natti dhagaʼamu godhaa? Arjummaa argisiisuun natti ulfaataa? Obboloonni koo maallaqa waan qabaniif qofa namoota maallaqa jaallatan akka taʼanittan isaan ilaalaa? Namoota sooreyyii taʼanitti siqee namoota hiyyeeyyii taʼanirraa nan fagaadhaa?’ Keessummoota Yihowaa taʼuudhaan mirga guddaa arganneerra. Jireenyi keenya jaalala maallaqaarraa walaba akka taʼu gochuudhaan mirga kana eeggannee itti fufuu dandeenya. Akkas kan goonu yoo taʼe, Yihowaan yoomiyyuu nu hin dhiisu!—Ibroota 13:5 dubbisi.

YIHOWAAN MICHOOTASAA NI JAALLATA

19. Yihowaan ulaagaalee Faarfannaa 15 irra jiran hunda akka eegnu kan nurraa eegu maaliifi?

19 Faarfannaan 15 waadaa akkana jedhuun xumurama: “Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.” (Far. 15:5) Faarfatichi asirratti sababii guddaa Yihowaan ulaagaalee faarfannaa kanarra jiran hunda akka eegnu itti barbaadu ibseera. Yihowaan gammadoo akka taanu barbaada. Qajeelfama eebbaa fi eegumsasaa nuuf argamsiisu kan nuuf kennu kanaafi.—Isa. 48:17.

20. Keessummoonni Yihowaa maal eeguu dandaʼu?

20 Keessummoonni Yihowaa egereensaanii gaarii akka taʼu eeguu ni dandaʼu. Dibamtoonni amanamoon samiirra iddoo Yesuus isaaniif qopheesse keessa jiraatu. (Yoh. 14:2) Namoonni lafarra jiraachuuf abdatanimmoo yeroo waadaan Mulʼata 21:3 irratti ibsame itti raawwatamu hawwiidhaan eegu. Dhugumayyuu, Yihowaan dunkaanasaa keessatti barabaraaf keessummootasaa taanee akka jiraannu, jechuunis michootasaa akka taanu nu affeeruunsaa mirga guddaadha!

FAARFANNAA 39 Waaqayyo Biratti Maqaa Gaarii Qabaadhu