Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yeroo Hunda Qormaata Kanan Kufu yoo Taʼe Maal Gochuun Dandaʼa?

Yeroo Hunda Qormaata Kanan Kufu yoo Taʼe Maal Gochuun Dandaʼa?

 “Barattoota kitaaba utuu hin qabatin harka duwwaa kutaa keessa taʼan nan arga; barattoonni kun yommuu barsiisaan barsiisutti heedfoonii mataa irra kaaʼatanii muuziqaa dhaggeeffatu. Barattoonni kun maaliif qormaata akka kufan gaaffii isaanitti taʼa! Barattoonni akka koo hamma isaaniif dandaʼame cimanii qoʼatanis qormaata irratti qabxii gad aanaa argatu. Kun maaliif akka taʼu naaf hin galu. Torban tokkoof hamma halkaniitti qoʼachaa turee, qabxii gad aanaa fiduun koo baayʼee na gaddisiisa.”—Yolaandaa.

 Atoo akka Yolaandaa sitti dhagaʼamee beekaa? Dhugaa isaa dubbachuuf, yeroo tokkos taʼe walitti aansuudhaan qabxii gad aanaa argachuun hamilee namaa kan cabsu taʼuu dandaʼa.

 Dargaggoonni qormaata kufan tokko tokko qabxii fooyyeffachuuf carraaqqii gochuu ni dhiisu taʼa. Kaan immoo guutummaatti barumsa dhiisu taʼa. Namni tokko tarkaanfii akkasii fudhachuuf qoramuu kan dandaʼu taʼus, karaan rakkoo kana furuun itti dandaʼamu kan biraan jira. Tarkaanfiiwwan qabxii kee fooyyeffachuuf fudhachuu dandeessu jaʼa hubadhu.

 Wanta gochuu dandeessu

  •   Barumsa irraa hin hafin. Namni kana wallaale hin jiru jetta taʼa; guyyaa hedduu mana barumsaatii kan ooltu yoo taʼe, qabxiin kee gad aanaa taʼa.

     “Mana barumsaa keenyatti, ijoolleen qabxiin argatan isaan hin yaaddessine yeroo baayʼee mana barumsaatii oolu; kun immoo isaanuma miidha.”—Maatiwu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

  •   Hamma sii dandaʼame barumsa hundumaa irraa fayyadamuuf carraaqqii godhi. Kutaa keessatti argamuun qofti jalqaba gaarii taʼuu dandaʼa; taʼus achitti erga argamtee booda barumsa kennamu irraa fayyadamuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Yaadannoo gaarii qabadhu. Wanta barsiisaan kee dubbatu hubachuuf yaalii godhi. Kan siif heyyamamu yoo taʼe kutaa keessatti gaaffii gaafadhu.

     “Barsiisonni barataan tokko mata duree tokko akka hin hubanne yoo beekan caalaatti akka ibsan waanan beekuuf kutaa keessatti gaaffii hedduun gaafadha.”—Oliviyaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa.”—Luqaas 8:18.

  •   Qormaata hin hatin. Qormaata hatuun amanamummaa hirʼisuu dha. Mana barumsaatti karaan qormaata itti hatan hedduutu jira. Karaan inni tokko, hojii namoota kaanii garagalfachuu dha. Kun immoo amanamummaa hirʼisuu qofa utuu hin taʼin, homaa akka hin baranne si godha.

     “Wanti siif hin galle yoo jiraate, deebii barattoota kaanii hin garagalfatin. Qormaata kan hattu yoo taʼe of gargaaraa hin jirtu. Akkana yoo goote rakkoo si mudatuuf ofuma keetiin furmaata argachuu mannaa, warra kaanitti hirkachuu of barsiista.”—Joonaataan.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis . . . waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.

  •   Hojii manaa keetiif dursa kenni. Dandaʼamnaan hojii manaa kee sochiiwwan kaan, keessumaa immoo bohaartii irratti hirmaachuu kee dura hojjedhu. a Hojii manaa kee hojjettee yoo xumurte, yeroo boqonnaa kee caalaatti haala gaariidhaan dabarsuu dandeessa!

     “Hojii manaa kootiif dursa nan kenna; kunis qabxii koo irratti jijjiirama guddaa fideera. Yeroon mana gaʼu yeroo baayʼee xinnoo ciisuu ykn muuziqaa dhaggeeffachuun barbaada. Taʼus hojii manaa koo ergan hojjedhee boodan bashannana.”—Kaalvin.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].”—Filiphisiyus 1:10.

  •   Gargaarsa gaafadhu. Gargaarsa warra kaanii fudhachuun si hin qaanessin. Warra kee gargaarsa gaafadhu. Qabxii kee fooyyeffachuuf barsiisaa kee gargaarsa gaafadhu. Nama si qoʼachiisu irraas gargaarsa argachuu dandeessa.

     “Kallattiidhaan gara barsiisaa kee dhaqi. Barumsa sitti ulfaate akka siif ibsu ykn qabxii fooyyeffachuuf akka si gargaaru isa gaafadhu. Barsiisichi kutannoo qabxii kee fooyyeffachuuf goote dinqisiifatee si gargaaruun isaa hin oolu.”—Deevid.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Warri gorsa kennan yoo baayʼatan . . . fiixaan in baʼa.”—Fakkeenya 15:22.

  •   Carraa qabdu hundatti fayyadami. Biyyoota tokko tokkotti, qormaanni gaaffii bonasii argamsiisuu fi qabxii fooyyeffachuuf gargaaru qabate ni qopheeffama. Hojiiwwan qabxii dabalataa argamsiisan kan biroos hojjechuu dandeessa taʼa. Qormaata tokko yoo kufte immoo, carraan irra deebitee qoramuu itti dandeessu jiraachuu dandaʼa.

    Qabxii fooyyeffachuuf yaaluun, meeshaa muuziqaa taphachuu barachuu wajjin wal fakkaata. Carraaqqii cimaa gochuu kan gaafatu taʼus, kan nama gaabbisiisu miti

     “Barumsa tokko irratti qabxii fooyyeffachuu yoon barbaade, tarkaanfii jalqabaa fudhachuu kan qabu anuma. Hojiin qabxii dabalataa argamsiisu hojjechuu ykn qabxii fooyyeffachuuf qormaata tokko irra deebiʼee qoramuu kanan dandaʼu taʼuu isaa barsiisota koon gaafadha.”—Maakanzii.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojiin itti dadhaban hundinuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

a Yaadawwan dandeettii qoʼannaa kee fooyyeffachuuf si gargaaran argachuuf, mata duree “Gaaffii Dargaggootaa . . . Hojii Manaa Koo Xumuruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.