Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Namoota Hedduu Yuukreenii Baqachaa Jiran Irra Rakkinni Cimaan Gaʼaa Jira

Namoota Hedduu Yuukreenii Baqachaa Jiran Irra Rakkinni Cimaan Gaʼaa Jira

 Guraandhala 24, 2022 Raashiyaan Yuukreen weeraruu ishiitiin kan kaʼe namoonni bakka waraanaa sanaa baqatan wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun isaanitti ulfaateera. a

 “Boombonni ni buufamu, dhoʼinsis ni dhagaʼama ture. Sodaa guddaa natti dhagaʼame jechaan ibsuu hin dandaʼu. Baaburoonni baqattoota feʼuuf qophaaʼan akka jiran yeroo beeknu, deemuuf murteessine. Nama tokkoof shaanxaa tokko qofa waan heyyamamuuf wanta hundumaa dhiisnee shaanxaadhuma tokko qofa fudhanne. Fudhachuu kan dandeenye dookmantoota, qoricha, bishaanii fi nyaata salphaa qofa ture. Waan hundumaa dhiisnee utuma boombiin buʼaa jiruu buufata baaburaa deemne.”—Naataaliyaa, Kaarkiiv, Yuukreen irraa.

 “Hanga saʼaatii sanaatti waraanni ni kaʼa jennee hin yaanne. Kutaa magaalichaa tokko tokko irraa sagalee dhoʼinsaa nan dhagaʼe, achiis foddaan keenya ni raafame. Wantoota barbaachisoo qofa qabadhee baqachuufan murteesse. Ganama saʼaatii lamatti manaa baʼeen baabura Liviiv deemu yaabbadhe, achiis otoobisiidhaan gara Poolaandin deeme.”—Nadiijaa, Kaarkiiv, Yuukreen irraa.

Mata duree kana keessatti

 Maddi rakkina baqattoota kanaa inni guddaan maali dha?

 Namoonni Yuukreenii baqachuu kan jalqaban Raashiyaan weerara waan banteefi. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun rakkinoota kana hundaaf sababii guddaan akka jiru ibsa:

  •   Mootummoonni addunyaa maratti argaman ilmaan namootaa gargaaruu hin dandeenye. Namoonni aangoo qaban aangoo isaanii namoota hacuucuuf itti fayyadamu.—Lallaba 4:1; 8:9.

  •    Seexanni, inni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe namoota irratti dhiibbaa hamaa waan geessisuuf, Kitaabni Qulqulluu, ‘guutummaan addunyaa humna isa hamaa sana jala jira’ jedha.—Yohaannis 14:30; 1 Yohaannis 5:19.

  •   Rakkinoota jaarraa hedduuf namoota dararaa turan malees, Kitaabni Qulqulluun yeroon keessa jiraannu, ‘guyyoota dhumaa yeroo addaa baayʼee rakkisoo’ akka taʼan ibsa. (2 Ximotewos 3:1) Kana malees, guyyoonni kun taʼeewwan namoonni akka baqatan godhan kanneen akka waraanaa, balaa uumamaa, hanqina nyaataa fi dhibee daddarbaadhaan beekamu.—Luqaas 21:10, 11.

 Baqattoonni abdii eessaa argachuu dandaʼu?

 Kitaabni Qulqulluun Uumaan keenya Yihowaan b Waaqa baqattootaa fi namoota qeʼee isaanii irraa buqqaʼanitti jaalala argisiisuu fi garaa isaaniif laafu akka taʼe ibsa. (Keessa Deebii 10:18) Inni mootummaa isaa isa samii mootummoota namootaa balleessuudhaan bulchutti fayyadamee rakkina baqattootaa hundaa ni fura. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee Seexana ni balleessa. (Roomaa 16:20) Mootummaan kun daangaawwan qoqqoodinsa uuman hunda balleessuudhaan guutummaa addunyaa bulcha. Ilmaan namootaa hundi maatii tokko taʼu. Namni kam iyyuu lammata qeʼee isaa irraa hin buqqaʼu; sababiin isaas, Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu, sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa kana dubbateera” jechuudhaan abdii kenna.—Miikiyaas 4:4.

 Rakkina baqattoota yeroo harʼaa jiraniif furmaata waaraa kan kennu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha. Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee rakkinoota namoonni baqattoota akka taʼan godhan ni balleessa. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu:

 Kitaabni Qulqulluu baqattoota yeroo harʼaa jiran gargaaruu ni dandaʼaa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun abdii amansiisaa kennuu malees, baqattoonni rakkinoota amma isaan mudatan akka furan isaan gargaaruu dandaʼa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.

 Hiika isaa: Balaawwan si mudachuu dandaʼan adda baafadhu, akkasumas akkamitti akka of eeggattu yaadi. Yakkamtoota haala gaarii hin taane sana fayyadamanii baqattoota naannoo sanaaf haaraa taʼan miidhuu barbaadan irraa of eeggadhu.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.”—1 Ximotewos 6:8.

 Hiika isaa: Qabeenya irratti hin xiyyeeffatin. Wantoota buʼuuraa argatteen na gaʼa yoo jette gammachuu qabaatta.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.

 Hiika isaa: Obsaa fi gaarummaa qabaadhu. Amaloota akkasii qabaachuun kee hawaasa naannoo sanaa biratti kabajaa fi fudhatama argachuuf si gargaara.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.”—Roomaa 12:17.

 Hiika isaa: Yommuu miidhaan si irra gaʼu aariin haaloo baʼuuf akka si kakaasu hin heyyamin. Kana gochuun rakkinichi akka itti caalu godha.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—Filiphisiyus 4:13.

 Hiika isaa: Waaqayyoof iddoo guddaa kenni, akkasumas isa kadhadhu. Inni jabina rakkina dandamachuuf si gargaaru siif kenna.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”— Filiphisiyus 4:6, 7.

 Hiika isaa: Haalli keessa jirtu maal iyyuu yoo taʼe nagaa sammuu fi nagaa garaa akka sii kennu Waaqayyoon kadhadhu. Mata duree, “Filiphisiyus 4:6, 7—‘Waaʼee Waan Tokkoo Illee Hin Yaaddaʼinaa’” jedhu dubbisi.

a Weerarri kun geggeeffamee guyyaa tokko booda, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan Baqattootaa, rakkinni kun baayʼee cimaa akka taʼe ibseera. Guyyaa 12 qofa keessatti namoonni miliyoona lama ol taʼan Yuukreenii gara biyyoota ollaatti kan baqatan yeroo taʼu, miliyoona tokko kan taʼan immoo biyyichuma keessatti bittinnaaʼaniiru.

b Yihowaan maqaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi.