Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

 Barsiisota boqonnaa namaaf hin kennine. Dhiibbaa hiriyootaa. Qormaata dhiphina sammuu namatti fidanii fi hoj-manee xumura hin qabne. Kanaafuu, miira barumsa jibbuu sitti dhagaʼamu hubachuun ni dandaʼama. a Dargaggeettiin Raacheel b jedhamtu akkas jetteetti:

 “Mana barumsaa deemuurra bakka kamiyyuu deemuun jaalladha. Naannoo haroo deemuu, nyaata bilcheessuu ykn qulqulleessuudhaan warra koo gargaaruun filadha.”

 Atis akkuma Raacheel sitti dhagaʼama taanaan waggoonni barumsa irratti dabarsitu akkuma nama mana hidhaa keessa jiruu hanga barumsa xumurtutti keessaa baʼuu waan hin dandeenye fakkaata. Waggoota barumsa irratti dabarsitu karaa buʼaa gaarii qabuun ilaaluu ni dandeessaa?

 Kana beektaa? Barumsaaf ilaalcha sirrii yommuu guddifattu haala si mudatu toʼachuu fi barumsa kee wanta obsa kee qoru gootee ilaaluu dhiista. Barumsi ogummaa gara fuulduraatti si fayyadu guddifachuu fi fooyyeffachuuf si gargaarudha.

 Barumsaaf ilaalcha gaarii qabdu guddifachuuf yaadawwan armaan gadiirratti xiyyeeffachuuf yaali.

 Barumsa kee. Barachuun kee gara fuulduraatti hojii irrattis taʼe haala kaan keessatti yommuu rakkinni si mudatu yeroo hunda warra kaanitti hirkachuu mannaa ofii keetiin furuuf si gargaara. Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Sababawwan barumsa akkan jibbu na taasisan tokko tokko jiraatan illee faayidaa ani barumsa irraa argadhu maalidha?’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu.”—Fakkeenya 3:21.

 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Yeroo Hunda Qormaata Kanan Kufu yoo Taʼe Maal Gochuun Dandaʼa?” jedhu ilaali.

 Barsiifata kee. Barumsi yeroo keetti fayyadamuu, of toʼachuu fi jabaattee hojjechuu isa amala gaarii taʼee fi gaʼeessa yommuu taatu si barbaachisu horachuu si barsiisa. Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Barumsi barsiifata gaarii of toʼachuu fi jabaadhee hojjechuu akkan horadhu kan na gargaaru karaawwan kamiinidha? Gama kanaan fooyyaʼiinsa akkamii gochuun qaba?’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

 Walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabdu. Ijoollee waliin barattanii wajjin walii galuun, namootaaf gadduu fi kabaja horachuuf si gargaara. Dargaggeessi Jaashawaa jedhamu akkas jedheera; “Namootaa wajjin haasaʼuu barachuun akkuma seenaa fi saayinsii barachuu barbaachisaa kan taʼedha. Ogummaa jireenya kee guutuu itti fayyadamtudha.” Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Ijoollee akkaataa guddinaa ykn amantii kan koo irraa adda taʼe qaban dabalatee mana barumsaatti walitti dhufeenya warra kaanii wajjin horachuu ilaalchisee maalan baradhe?’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqaa.”—Ibroota 12:14.

 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Dandeettii Namootaa Wajjin Haasaʼuuf Qabu Fooyyeffachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

 Abdii kee gara fuulduraa. Barumsi dandeettii qabdu hubachuu fi kanarratti hundaaʼuudhaan galma baafachuuf si gargaara. Dargaggeettiin Biruukee jedhamtu akkas jetteetti; “Akkuman ani godhe gaafa barumsa kee xumurtu hojii argachuuf waan si gargaaruuf leenjii hojii taʼe tokko irratti bobbaʼuuf si gargaaru horachuu dandeessa.” Akkas jedhii of gaafadhu; ‘Barumsa ergan xumuree booda hojii of jiraachisuuf na gargaaru argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Barumsa koo hojichaa wajjin walsimsiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Daandii miila keetii wal qixxeeffadhu.”—Fakkeenya 4:26.

a Mata dureen kun ijoollee mana taʼanii barataniifis ni hojjeta.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.