Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waarwiikitti Bineensotaa fi Naannoo Eeguu

Waarwiikitti Bineensotaa fi Naannoo Eeguu

Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira muummee isaanii isa haaraa naannoo ‘Sterling Forest Lake (Blue Lake)’ baadiyyaa Niiwu Yoorki Isteetitti ijaaraa jiru. Lubbu qabeeyyii naannoo sanaa eegaa kan jiran akkamitti?

Dhugaa Baatonni bineensota bosonaa kan akka gosa bofaa, ‘Timber rattlesnakes,’ qocaawwan ‘eastern box turtles’ fi ‘wood turtles’ jedhaman gara iddoo ijaarsaa dhaquudhaan akka hin miidhamneef dallaa yeroodhaaf turu ijaaraniiru. Dallichi bineensonni akka hin darbine kan dhorku taʼuun isaa fi bineensonni dallicha biratti qabaman jiraachuu fi dhiisuu isaanii beekuuf yeroo yerootti ilaalama. Erga hojiin ijaarsaa kun xumuramee fi dallichi diigamee booda bofoonni olitti caqasamanii fi gamoo ijaarametti dhihoo jiran, nama iddoo bineensotaa jijjiiruuf leenjiʼeen bakka biraatti geeffamu.

Simbirroo ‘eastern bluebird’ jedhamtu

Yeroo simbirroonni ‘eastern bluebirds’ jedhaman mandhee ijaarratan akka isaan hin jeeqneef mukoonni kan muraman waqtii gannaatti dha. Naannoo mukti murame sanatti ijaarsi erga xumuramee booda, Dhugaa Baatonni simbirroonni akka deebiʼaniif mandhee isaanii muka kan biraa irra kaaʼuuf.

Akkasumas, lafa kan qajeelchanii fi kan qulqulleessan Onkoloolessaa hanga Bitootessaa gidduutti siʼa taʼu, kun immoo firiin biqiltoota ‘hyssop skullcap’ jedhamanii akka baayʼatuu fi akka gaariitti akka biqilan godha. Biqiltoonni kun iddoo ijaarsaa Waarwiikitti bara 2007 kaasanii kan hin argamne taʼus, karoorri kun hordofamaa jira.

Haroon ‘Sterling Forest Lake’ naannoo ijaarsaa kanatti argamu, allaattiiwwan garaa garaa laga kanatti argamanii fi qurxummiiwwan kanneen akka ‘trout, bass, pickerel fi perch’ jedhaman qaba. Haroo kana eeguudhaaf diizaayineroonni malawwan horsiisa biqiltoota magariisaa adda addaa karoorfataniiru. Kun immoo faalama qilleensaa hambisuu fi roobni akka hin hirʼanne gochuuf biqiltoota gamoowwan irratti dhaabuu dabalata. Dabalataanis biqiltoota uumamaa qarqara haroo sanaatti argamaniif kunuunsi ni godhama.

Dhugaa Baatuun Yihowaa hojii kana irratti hirmaatu tokko, “Hojiin akkasii yeroo fi karoora dabalataa kan barbaadu taʼus, naannoo iddoo ijaarsaa Waarwiikitti argamu kunuunsuuf carraaqaa jirra” jedheera.