Dhimma ijoo ta'etti seeni

Agarsiisa Suuraa Waarwiik 2 (Fulbaanaa hanga Muddee 2014)

Agarsiisa Suuraa Waarwiik 2 (Fulbaanaa hanga Muddee 2014)

Agarsiisa suuraa kana irratti, hojii waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti Fulbaanaa hanga Muddee 2014tti hojjetame ilaali.

Waajjirri Waarwiikitti ijaaramaa jiru yeroo xumuramu kana fakkaata. Bitaa irraa gara mirgaatti naannaʼa:

  1. Gamoo Suphaa Konkolaataa

  2. Bakka Konkolaataan Daawwattootaa Dhaabatu

  3. Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

  4. Bakka Jireenyaa B

  5. Bakka Jireenyaa D

  6. Bakka Jireenyaa C

  7. Bakka Jireenyaa A

  8. Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Fulbaana 11, 2014—Bakka konkolaataan daawwattootaa dhaabatu

Sibiila haphii fayyadamuudhaan bakka jireenyaa Cdhaaf sibiila baaxiin irratti hidhamu dursanii utuu oomishanii.

Fulbaana 18, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Bakki ijaarsaa kallattii kibbaa irraa yommuu ilaalamu, kallattii kaabaatiin haroo Istarliing Foorest Leektu (Biluu Leek) mulʼata. Kireenonni 13 ol yeroo tokkotti hojii hojjechaa jiru. Fakkicha irraa gara fuulduraatti kan mulʼatu immoo buʼuura bakka jireenyaa Bdhaaf koonkiriitiidhaan guutamaa jiruu fi xumuramaa jiru dha.

Fulbaana 26, 2014—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Utubaawwan sibiilaa hojii irra ooluuf qophaaʼanii jiran. Akkaataa sibiilonni kun ijaarsa Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa irratti hojii irra itti oolan, kutaan isaa balʼaa akka taʼuu fi hojiin ijaarsichaa akka saffisu taasisa.

Onkoloolessa 9, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Hojjettoota sibiila baaxiin irratti hidhamuu fi dursee qophaaʼe, qorqorroon irra afamee fi meeshaan bishaan hin galchine itti maxxanfamee fi bakka jireenyaa C irratti hidhamuuf jedhu walitti qabsiisaa jiran. Karaa duubaa fi karaa bitaa immoo sibiilli booda hidhamu sun ijaaramaa jira.

Onkoloolessa 15, 2014—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Koontiraaktaroonni karaa kibba dhiha gamichaa dagalee sibiilaa ijaaraa jiru. Kutaan gamichaa karaa kanaan jiru iddoo nyaata itti bilcheessan, iddoo itti nyaatan, iddoo uffata itti miicanii fi diippaartimantoota kaan kan qabatu dha.

Onkoloolessa 15, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Hojjetaa karaa kosiin ittiin yaaʼu hojjechaa jirutti harataan yommuu itti kennamu.

Onkoloolessa 20, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Keenyan gosa rogaa, halluu simmintoo fi akkaataa itti bilookkeetii wal irra kaaʼan adda baafachuuf yaaliidhaaf ijaaramee ture. Akkasumas gimbanyoota haaraa dhufan ittiin barsiisuufis hojii irra ooleera. Amma, keenyan kun hojii isaa erga fixee booda diigamaa jira.

Onkoloolessa 31, 2014—Bakka jireenyaa C

Baaxiin manaa dursee qophaaʼe kireeniidhaan iddoo isaa kaaʼamaa jira. Baaxiiwwan manaa qarqara manneen jireenyaa irra jiran manichi yeroo fagoodhaa ilaalamu bareedinni isaa akka dabalu taasisu.

Sadaasa 7, 2014—Gamoo Suphaa/Iddoo jiraattonni konkolaataa isaanii dhaaban

Kuusaan bobaʼaa liitira 95,000 qabatu iddoo isaa kaaʼamaa jira. Bobaʼaan kuusaa kana keessa jiru, meeshaa wantoota garaa garaa danfisuuf humna kenna.

Sadaasa 12, 2014—Bakka jireenyaa C

Gamichi garaa kibbaa yeroo ilaalamu, karaa mirga suurichaa qarqaraan kan mulʼatu immoo haroo Biluu Leeki dha. Argaan gamichaa akka bareedu taasisuuf halluuwwan garaa garaa fi meeshaaleen xumuraa garaa garaa hojii irra oolaa jiru.

Sadaasa 21, 2014—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

Abbaan manaa fi haati manaa hojii ujummoo diriirsuu hojjetan, simmintoon irratti guutamuu isaa dura ujummoo bishaan keessa yaaʼu qopheessaa jiran.

Sadaasa 28, 2014—Waajjiraalee/Gamoowwan tajaajila garaa garaa

Cabbii baaxii irraa qulqulleessuu.

Muddee 1, 2014—Gamoo Suphaa/Iddoo jiraattonni konkolaataa isaanii dhaaban

Abbaa manaa fi haadha manaa kan biraa pilaanii toora bishaanii ilaalaa jiran.

Muddee 10, 2014—Gamoo Suphaa/Iddoo jiraattonni konkolaataa isaanii dhaaban

Boolla qotuun, utubaa dhaabuunii fi koonkiriitii simmintoodhaan guutuun guyyaa cabbiin roobaa jirutti hojjetamaa jira. Karaa olii bitaa suurichaatiin kan mulʼatu, kutaa Waajjiraalee/Gamoowwan tajaajila garaa garaa siʼa taʼu, laastikii cimaadhaan haguugameera. Kun immoo hojiiwwan haala qilleensaa murtaaʼe keessatti hojjetamuu qaban kan akka barandaadhaaf simmintoo guutuu fi hojii ibidda akka dandamatu taasisuuf hojjetaman hojjechuuf dandeessisa.

Muddee 12, 2014—Bakka jireenyaa D

Hojjettoonni wanta keenyan irratti karaa alaa maxxanfamu utuu hin maxxansin utubaawwan simmintoo fi qarqara dhagaawwanii irratti laastikii hurka hirʼisu maxxansaa jiru.

Muddee 15, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Gara kallattii dhihaatti asii gadi yommuu ilaalamu. Iddoon jiraattonni jiraatan karaa olii suurichaatti argama. Gamoo guddaa adiin walakkaa suurichaatti argamu immoo Waajjiraalee/Gamoowwan tajaajila garaa garaa ti. Ijaarsi kun kan raawwatamu lafa hektaara 100 qabeenya dhaabbattichaa taʼe keessaa dhibbeentaa 20 isaa irratti qofa dha; kunis kan taʼe bosona naannoo sana jiru akka hin miineefi dha.

Muddee 15, 2014—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Gara bahaatti asii gadi yeroo ilaalamu; gara gadii suurichaatti kan argamu bakka jireenyaa C fi D dha. Bakka jireenyaa C irratti koontiraaktaroonni baaxii roga sadii qabu sibiilaan ijaaranii xumuraniiru.

Muddee 25, 2014—Bakka jireenyaa C

Hojjetaa mukaa kutaa yaaliidhaaf qophaaʼe keessatti afata mukaa lafa irratti maxxanfamu maxxansaa jiru. Tokkoon tokkoon bakka jireenyaatiif, miʼoota dursanii filataman afur keessaa tokkotu hojii irra oola. Kun immoo gosa halluu, afata, pilaastikii lafa afamu, suphee lafa irra afamuu (tile) fi miʼa diriiraa kutaa nyaata itti bilcheessan keessatti iddoo itti nyaata qopheessan irra afamu dabalata.

Muddee 31, 2014—Waajjiraalee/Gamoowwan tajaajila garaa garaa

Lafti simmintoodhaan guutame bishaanni akka irra hin ciisneef, harkaan xumuramaa jira.

Muddee 31, 2014—Bakka jireenyaa C

Teeknishaaniin umuriin isaa waggaa 77 taʼe shiboo diriirsaa jira. Hojii ijaarsaa kana xumuruuf shiboowwan akkasii gara kiilomeetira 32 dheeratantu hojii irra oola.