Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Walgaʼiin Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! Jedhu kan Hiikame Akkamitti?

Walgaʼiin Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! Jedhu kan Hiikame Akkamitti?

ADOOLESSA 10, 2020

 Waldaan obbolummaa addunyaa maraa, Adoolessaa hanga Hagayya 2020⁠tti yeroo jalqabaatiif walgaʼii naannoo tokko yeroo wal fakkaataa taʼetti godheera. Kana galmaan gaʼuufis sagantaan waraabame afaan 500 oliin hiikamuu qaba ture. Yeroo baayʼee hojii akkasiitiif karoora baasuu fi xumuruun waggaa tokko ykn isaa ol fudhata. Haa taʼu malee weerarri vaayirasii koronaa waan kaʼeef, hiiktonni Walgaʼii Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! jedhuu yeroo jiʼa afur hin guunne keessatti hiikanii xumuruu qabu turan.

 Kutaan Tajaajila Hiikkaa fi Kutaan Bittaa Addunyaa Maraa Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti argaman hojii guddaa kanaaf gargaarsa godhaniiru. Kutaan Tajaajila Hiikkaa gareewwan hiikkaa hedduun miʼawwan dabalataa keessumaa immoo maayikiraafoononni qulqullina guddaa qaban akka isaan barbaachisan hubatee ture. Kutaan Bittaa Addunyaa Maraa maayikiraafoonota 1,000 taʼan bitee naannoowwan gara 200⁠tti ergeera.

 Maallaqa qusachuuf maayikiraafoononni jiilmaadhaan bitaman iddoo giddu galeessa taʼe kaaʼamuudhaan addunyaa maratti ergamaniiru. Maallaqa ittiin feʼame dabalatee maayikiraafooniin tokko doolaara Ameerikaa 170 baasa; kun immoo gatii isaa irraa parsantii 20 hirʼisa.

 Kutaan Bittaa Addunyaa Maraa miʼawwan kana kan bitee fi erge jiʼa Eblaa fi Caamsaa bara 2020⁠tti ture; yeroon kun immoo yeroo itti dhaabbileen daldalaa hedduun sababa dhukkuba vaayirasii koronaatiin sochii isaanii daangessan ture. Haa taʼu malee dhuma Caamsaatti waajjiroonni hiikkaa fagoo hedduun, waajjiroonni damee fi bakkawwan hojiin hiikkaa itti raawwatamu kaan miʼawwan isaan barbaachisu kana argachuu dandaʼaniiru.

 Ilaaltuu ol aanaa Kutaa Bittaa Addunyaa Maraa kan taʼe Jeey Isweeniin akkana jedheera: “Hanga hojiin kun dhumutti kutaaleen Beetelii fi dhaabbileen daldalaa qindoominaan waliin hojjechaa turan. Hojii kana saffisaan hojjechuu, akkasumas maallaqa buusii taʼe karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuu kan dandeenye gargaarsa hafuura Yihowaatiini.”

 Niikolaas Alaadis inni Kutaa Tajaajila Hiikkaa keessa hojjetu akkana jedheera: “Hiiktonni yeroo sanatti manaa baʼuu hin dandeenye miʼawwan kana argachuu isaanitti baayʼee gammadaniiru. Miseensota garee hiikkaa isaanii irraa fagaatanii kan jiran taʼanis haasaawwan, diraamaawwanii fi faarfannaawwan afaan 500 oliin hiikuu fi waraabuuf qindoominaan waliin hojjechuu dandaʼaniiru.”

 Hojiin kun hojiiwwan Walgaʼiin Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! jedhuu fi waldaa obbolummaa addunyaa maraatiif qophaaʼu akka milkaaʼuuf hojjetaman keessa isa tokko dha. Buusiin isin donate.pr418.com fi karaawwan birootiin arjummaadhaan gootan miʼawwan barbaachisoo taʼan kun akka bitaman taasiseera.