Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Diraamaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana qopheessuuf, dhagaa daakamaan kiilogiraama 27,500 taʼu gara istuudiyoo Maawunt Iibootti geeffamee ture

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Viidiyoon Walgaʼii Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! Jedhu kan Qophaaʼe Akkamitti?

Viidiyoon Walgaʼii Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! Jedhu kan Qophaaʼe Akkamitti?

HAGAYYA 10, 2020

 Viidiyoowwan walgaʼii naannoo keenya irratti dhihaatan garaa keenya kan tuqanii fi hubannaa barumsawwan Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu kan nuuf guddisani dha. Walgaʼii Naannoo 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! jedhu irratti haasaawwan miseensonni Qaama Ol Aanaa fi gargaartonni isaanii dhiheessan 43 dabalatee viidiyoowwan 114 dhihaataniiru. Viidiyoowwan kanneen qopheessuuf carraaqqiinii fi baasiin hangamii akka godhamu yaaddee beektaa?

 Sagantaa kana qopheessuuf obboloonnii fi obboleettonni gara 900 taʼanii fi addunyaa maratti argaman yeroo isaanii fi dandeettii isaanii gumaacha godhaniiru. Walumaa galatti, hojii kana waggaa lamaa ol keessatti hojjechuuf gara saʼaatii 100,000 isaanitti fudhateera. Kunis diraamaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi Nahimiyaa: “Gammachuun Yihowaa Jabina Keessani” jedhuu fi daqiiqaa 76 dheeratu hojjechuuf saʼaatii 70,000 fudhate kan dabalatu dha.

 Wanta namoota fedhiidhaan of dhiheessaniif barbaachisu dhiheessuun, hojichaaf deggersa teeknikaa gochuun, meeshaalee fi bakkawwan viidiyoo waraabuuf barbaachisan qopheessuun baasii hedduu akka gaafate tilmaamuu dandeessu.

 Obboleessi Tajaajila Oodiyoo/Viidiyoo keessa hojjetuu fi Jeered Gaasmen jedhamu akkana jedheera: “Koreen Barumsaa Qaama Ol Aanaa viidiyoowwan keenya keessatti aadaawwanii fi naannoowwan garaa garaa akka jiraatan barbaada. Kun immoo obboloonni keenya aadaa garaa garaa akka qabanii fi naannoo garaa garaa keessa akka jiraatan argisiisa. Hojii kana galmaan gaʼuuf gareewwan biyyoota garaa garaa 11 keessa jiraatan 24 hojii kana irratti hirmaataniiru. Hojii addunyaa mara irratti hojjetamu kana raawwachuun baasii hedduu, karooraa fi qindoomina guddaa gaafata.”

 Kana malees, viidiyoowwan keenya hedduun meeshaalee ammayyaaʼaa taʼanii fi bakka sirrii itti waraabaman barbaadu. Fakkeenyaaf, diraamaan Nahimiyaa: “Gammachuun Yihowaa Jabina Keessani” jedhu kan waraabame istuudiyoo Maawunt Iiboo isa Paatarsan, Niwuu Yoorki Yunaayitid Isteetisitti dhihoo jirutti dha. Maallaqa buusii godhame karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamaa fiilmichi gama seenaatiinis sirrii akka taʼu gochuuf obboloonni dallaa Yerusaalem ishii durii akka fakkaatu godhanii ijaaruuf meeshaalee salphaa taʼanitti fayyadamaniiru. Mukti dallichi ittiin ijaarame meetira jaʼaa kan dheeratuu fi ispoonjiidhaan kan uwwifame, akkasumas dhagaa akka fakkaatuuf halluu kan dibame ture. Dallaawwan kunneen bakkawwan adda addaatti geeffamuu kan dandaʼan taʼuun isaanii bakkawwan itti waraabaman hirʼisuuf gargaaraniiru. Taʼus, bakkawwan diraamaa kana qofa waraabuuf barbaachisan qopheessuuf doolaarri Ameerikaa gara 100,000 taʼu barbaachiseera. a

 Wantoota kana hunda beekuun keenya walgaʼii naannoo waggaa kanaaf dinqisiifannaa qabnu nuuf guddisa. Carraaqqiin sagantaa kana qopheessuuf taasifame addunyaa maratti Yihowaan akka jajamu kan godhu akka taʼu amanannaa qabna. Buusii hojii addunyaa maraatiif karaa donate.pr418.com fi karaawwan kan birootiin arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna.

a Bakki diraamaa Nahimiyaa: “Gammachuun Yihowaa Jabina Keessani” jedhu waraabuuf barbaachisu kan qophaaʼe weerarri KOOVIID-19 utuu hin jalqabin dura ture. Yeroo sanatti fageenya ofii eeguun barbaachisaa hin turre.