Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 20, 2020
FILIPPIINSI

Filippiinsitti Volkaanoon Daaraa Baasuu Jalqabe Dhoʼuu Akka Dandaʼu Sodaatama

Filippiinsitti Volkaanoon Daaraa Baasuu Jalqabe Dhoʼuu Akka Dandaʼu Sodaatama

Amajjii 12, 2020, Volkaanoon Taal jedhamuu fi Filippiinsi Baataangigaalitti argamu, hanga gara kiilomeetira 14 daaraa gara samiitti kan ol tufe siʼa taʼu, kun “dhoʼinsi balaa cimaa geessisu dhoʼuu” akka dandaʼu kan akeekkachiisu dha. Abbootiin taayitaa namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼamanii fi volkaanoo mallattoo dhoʼuu akka dandaʼu argisiisu kanatti dhihoo jiraatan guutummaatti naannoo sana gadhiisanii akka deeman ajajaniiru.

Hanga ammaatti obboloonni gara 500 ol taʼan naannoo isaanii dhiisanii, gara Galma Walgaʼii fi manneen Dhugaa Baatotaa bakka balaa irraa bilisa taʼe jiran deemaniiru. Obboloota keessaa namni miidhame tokko illee hin jiru. Koreen Waajjira Damee obboloota naannoo isaaniitii deemaniif wanta hatattamaan barbaachisu dhiheessuuf Koree Gargaarsaa tokko hundeesse.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Filippiinsitti argaman Yihowaa isa ‘nuyi kooluu itti galluu fi humna keenya’ taʼetti amanamuu isaanii akka itti fufan ni kadhanna.—Faarfannaa 46:1-3.