Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 19, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Guutummaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattootiin Yeroo Jalqabaatiif Addunyaa Irratti ni Baʼe

Guutummaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattootiin Yeroo Jalqabaatiif Addunyaa Irratti ni Baʼe

Guraandhala 15, 2020⁠tti obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe kitaabni Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Ameerikaatiin (ASL) qophaaʼe inni dhumaa baʼuu isaa beeksise. Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoo guutuu taʼee fi addunyaa irratti baʼe isa jalqabaa ti. Beeksisni seena qabeessa taʼe kun kan himame, yommuu Waajjirri Hiikkaa Fagoo Afaan Mallattoo Ameerikaa inni Foorti Laawudardeel, Filooriidaa, Yunaayitid Isteetisitti argamu hojii hiikkaatiif murteeffametti ture. Sagantichi kan geggeeffame Galma Guddaa Dhuga Baatota Yihowaa Weesti Paalmi Biich, Filooriidaatti argamutti dha.

Galma kana keessatti namoonni 2,500 kan argaman yeroo taʼu, namoota 15,635 galmawwan walgaʼii guutummaa Beeliiz, Kaanaadaa, Rippuubliikii Doominikaanii, Heeyitii, Tiriiniidaadii fi Tobeegoo, akkasumas Yunaayitid Isteetis keessatti argamanitti tamsaasa kallattiitiin saganticha hordofan dabalatee, walumaa galatti namoonni 18,000 ol taʼan saganticha hordofaniiru.

Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan saganticha irratti yommuu gaafannoo godhu

Haasaan Waajjirri Hiikkaa sun tajaajila Yihowaatiif murteeffamuu isaa ibsu erga dhihaatee booda, obboleessi keenya Jaaksan kitaabni Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qophaaʼe inni dhumaa baʼuu isaa beeksise. Xumura haasaa isaa irratti akkana jedhee ture: “Wanta baayʼee adda taʼe tokko isinitti himuu barbaanna. Kitaabni Iyoob waan baʼeef, amma guutummaan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa hiikamee xumurameera jechuudha . . . Hamma beeknutti, jaarmiyaan ykn gareen guutummaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qopheesse inni jalqabaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa ti. Kana jechuun, kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoo guutuu taʼee fi addunyaa irratti, [akkasumas] seenaa dhala namaa keessatti baʼe isa jalqabaa ti jechuu dha.”

Kitaabni dhuma irratti baʼe Kitaaba Iyoobi. Guutummaa Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Mallattoo Ameerikaatti hiikuuf waggaa 15 fudhateera. Qaamni Ol Aanaan Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Ameerikaatiin akka hiikamu heyyama kan kenne bara 2004⁠tti dha. Waggaa lama booda kitaabni Maatewos ni baʼe; kitaabonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii hafan kaan immoo hamma bara 2010⁠tti tokko tokkoon baʼaniiru. Kitaabonni Qulqulluu Afaan Ibrootaa immoo waggoota kurnan darbanitti baʼaniiru.

Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Ameerikaa jala jalaan baʼuun isaanii, namoota gurri isaanii dhagaʼuu hin dandeenye baayʼee fayyadeera. Babalʼisaan saganticha irratti argamee fi Ayiziiyaas Iitun jedhamu akkana jedheera: “Yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa yommuun argu booʼuun jalqabe. Kitaaba Qulqulluu yommuun Ingiliffaan dubbisu garaan koo hin tuqamu ture; Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoo akkuman ilaaluu jalqabeen garuu imimmaan koo toʼachuu hin dandeenye.”

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun tajaajila babalʼistoota gumiiwwan afaan mallattoo keessa jiran hedduu irratti jijjiirama guddaa fideera. Deevid Goonzaaleez inni Waajjira Hiikkaa Fagoo keessatti tajaajiluu fi hiikkaa Afaan Mallattoo Ameerikaa irratti hojjetu akkana jedheera: “Kitaabni kun dhugaa guutummaatti hubachuuf waan na gargaareef, tajaajila irratti ija jabeessa taʼuu dandaʼeera. Kitaabni Qulqulluu gara Afaan Mallattoo Ameerikaatti hiikamuu isaa dura, ofitti amanamummaa hin qabun ture; akkasumas namnin haasofsiisu gaaffii ulfaataa utuu na gaafachuu baatee baayʼee natti tola ture. Amma guutummaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Ameerikaatiin waan qophaaʼeef, deebii kennuu nan dandaʼa. Ofitti amanamummaas qaba!”

Nikoolaas Alaaddiis inni waajjira muummee Waarwiik Niiwu Yoorkitti Tajaajila Hiikkaa qindeessuu irratti gargaarsa godhu akkana jedheera: “Kitaabni Qulqulluu Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qophaaʼe kun, hojii hiikkaa Afaanota Mallattoo kaaniif fakkeenya gaarii taʼa. Yeroo ammaatti kutaawwan Kitaaba Qulqulluu muraasni afaanota mallattoo 17n kan argaman yeroo taʼu, afaanota mallattoo dabalataanis hojiin akkasii hojjetamaa jira.”

Guutummaan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qophaaʼe kun, namoonni baayʼeen caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaatan akka gargaaru homaa hin shakkisiisu; afaan isaaniitiin Dubbii Waaqayyoo yommuu ilaalan garaan isaanii ni tuqama.—Hojii Ergamootaa 2:6.