Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 21, 2020
ISRAAʼEL

Sagantaa Addaa Israaʼelitti Godhame Irratti Kitaabonni Qulqulluu Afaan Ibrootaa Baʼuun Isaanii ni Beeksifame

Sagantaa Addaa Israaʼelitti Godhame Irratti Kitaabonni Qulqulluu Afaan Ibrootaa Baʼuun Isaanii ni Beeksifame

Abbaa fi haati tokko, ijoollee isaanii lamaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu reefuu baʼe argachuu isaanitti gammadanii jiru

“Qaamni Ol Aanaan kennaa adda taʼe tokko isiniif qopheesseera.” Obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe kana kan dubbate Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Ibrootaa ammayyaatiin baʼuu isaa yeroo beeksisetti ture. Sagantaa addaa Amajjii 11, 2020⁠tti, Galma Ispoortii Roomemaa jedhamuu fi Heeyifaa, Israaʼelitti argamu keessatti godhame irratti walumaa galatti namoonni 2,125 argamaniiru.

Obboleessi keenya Deevid Siimooziraag inni Deeskii Odeeffannoo Hawaasaa Israaʼelitti argamu keessatti hojjetu akkana jedheera: “Naannoo keenya keessatti namoonni Afaan Ibrootaa dubbatan miliyoona saddeetii ol taʼan akka argaman tilmaama. Kitaaba Taanaak (Tanakh) a Afaan Ibrootaa ammayyaatiin qopheessuun hawaasa naannichaatiif faayidaa guddaa akka argamsiisu ni amanna.” Kitaabni kun, hiikkaawwan ammayyaaʼaa namoonni Afaan Ibrootaa dubbatan qabaachuu dandaʼan muraasa keessaa tokko dha.

Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutummaan isaa ykn walakkaan isaa afaanota 186n hiikamee argama. Akkuma Maasoretootaa obboloonni keenya hojii hiikkaa Afaan Ibrootaa irratti hojjetanis ergaa Kitaaba Qulqulluu karaa sirrii taʼeen dabarsuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Gareen hiikkaa kun Kitaaba Qulqulluu ammayyaaʼaa taʼe kana hiikanii xumuruuf waggaa sadii ol jabaatanii hojjetaniiru. Obboleessi hojii hiikkaa kana irratti hirmaate tokko akkana jedheera: “Namoonni Afaan Ibrootaa dubbatan hedduun caqasoota tokko tokko, akkasumas guutummaa Kitaaba Qulqulluu hubachuuf yaadawwan namoonni ibsa kennan qopheessan ykn hiikkaawwan afaanota kan biraatiin qophaaʼan dubbisuun isaan barbaachisa ture. Kitaabni Qulqulluu kun garuu namoonni yeroo harʼaa jiran ergaa kitaabichaa salphaatti akka hubatan isaan gargaara.”

Maatiin tokko Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa ammayyaatiin qophaaʼe harkatti qabatanii jiru

Obboleessi tokko immoo, “Yeroo ammaatti namoonni afaanicha dubbisan hedduun kitaaba Taanaak isa yeroo dheeraa dura qophaaʼe keessaa wanta baayʼee hubachuu hin dandaʼan; amma garuu ergaa isaa karaa sirrii fi ifa taʼeen hubachuu dandaʼu” jedheera. Waajjira damee Israaʼel jalatti babalʼistoonni 2,000 ol taʼan kan argaman yeroo taʼu, isaan keessaa namoonni 603 taʼan Afaan Ibrootaa kan dubbatani dha; babalʼistoonni kun ‘seera Waaqayyoo qoranii baruu fi ittiin hojjechuuf’ kennaa addaa kanatti akka fayyadaman homaa hin shakkisiisu.—Izraa 7:10.

a Kitaabonni Qulqulluu Afaan Ibrootaa, duraa duubni Afaan Ibrootaatiin kaaʼame Kitaabota Qulqulluu hedduu irraa adda dha. Garee sadiin kan qoqqoodaman yeroo taʼu, isaanis Tooraah (Seera), Neeviim (Raajota), akkasumas Keetuviim (Barreeffamoota) dha. Jechi Taanaak jedhu gabaajee jechoota sadan kana irraa fudhatame dha. Kitaabni Afaan Ibrootaa ammayyaatiin qophaaʼe kunis duraa duuba kana hordofeera.