Dhimma ijoo ta'etti seeni

Apeeksi, hawaasa xinnoo Ikaaluyiti, Odola Baafiin Nuunavut Kaanaadaa keessa jiru

EBLA 17, 2020
KAANAADAA

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Kaanaadaa

Kaaba Fagootti Ayyaana Yaadannoo Kabajuu

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Kaanaadaa

Gumiin Ikaaluyit babalʼistoota 27 qabuu fi Kaanaadaa, Arkitiikii Arkiipeelaagootti argamu, karaa viidiyookonfiransii Ayyaana Yaadannoo kabajaniiru. Gumichatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatan 55 keessaa 12 viidiyoo haasaa Ayyaana Yaadannoo ilaalaniiru; ilaaluuf carraa argachuu dandaʼuu isaaniittis guddaa gammadaniiru.

Barattoota sana keessaa harki caalaan isaanii, ayyaana Yaadannoo irratti qaamaan argamuun rakkisaa dha, tarii immoo matumaa hin dandaʼamu. Namoonni kun kan jiraatan, kaaba Kaanaadaa keessa, Kiimruutii hamma Giriis Fiyoorditti, kutaa naannoo gumichaa isa fagoo taʼee fi iskuwer kiilomeetira miliyoona lama (772,204 sq mi) balʼatu keessa dha.

Jaarsi gumii Ikaaluyit, inni Izaak Deemeestar jedhamu akkana jedheera: “Waggaa kana yeroo jalqabaatiif namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu sagantaa Ayyaana Yaadannoo nuu wajjin ilaaluu dandaʼaniiru. Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatan sana keessaa inni Giriis Fiyoord jiraatu tokko namoota afur saganticha isaanii wajjin akka ilaalan affeeree ture, kanaaf bakka fagoo addunyaa taʼe kana irraa walumatti namoonni shan Ayyaana Yaadannoo nuu wajjin kabajuu dandaʼaniiru.”

Dhorkaan haala haaraa sababii dhibee COVID-19 jedhamuun taasifame obbolootaa fi obboleettota gumii Ikaaluyit keessa jiran hedduu faayidaa haala haaraatti baruu akka hubatan isaan gargaareera.

Obboleettiin Kaatii Bureechilo akkana jetteetti: “Namoota Arkitiik bahaa jiran bilbilaan haasofsiisuu dandeenyeerra. Namoota naannoo baayʼee fagoo taʼan jiran tokko tokkoo wajjin maree gaarii goonee turre. Namoonni mana jiru, jajjabinnis isaan barbaachisa.”

Obboleettiin keenya Looraa MaakGireegor akkana jetteetti: “Ikaaluyititti dhibee daddarbaan kun rakkina dinagdee fidaa waan jiruuf, fuulduraatti wanti nu mudatu maal akka taʼe hin beeknu. Maxinoo Ayyaana Yaadannoo Yeroo maatii keenyaaf qopheessinu kun isa jalqabaati. Waliin yeroo baayʼee gaarii taʼe dabarsineerra. Ayyaanni kun hangam salphaa akka taʼe akka hubannu nu gargaareera, wanta baayʼee salphaa fi argamuu dandaʼuun kabajuun eebba guddaa dha.”

Obboleessi keenya Deemeestar akkana jechuudhaan xumureera: “Dhibeen COVID-19 karaa hedduudhaan namoota irraa kan nu fageesse taʼu illee, tibba Ayyaana Yaadannootti gumiin keenya caalaatti walitti dhihaachuu isaa arguun baayʼee kan nama dinqisiisu dha. Ayyaanni Yaadannoo waggaa kanaa jireenya namaa irratti jijjiirama guddaa kan fidu dha!”

Gumiin Ikaaluyiti dhiheenyatti yeroo haalli isaa heyyamu Galma Walgaʼii isaanii ijaarrachuuf hawwii guddaadhaan eeggachaa jiru. Hamma yeroon sun gaʼutti, carraaqqii guddaa isaan naannoo fagoo kaaba Kaanaadaa isa andaara lafaa keessaa tokko taʼetti misiraachoo lallabuuf godhan akka isaaniif eebbisu beekna!—Hojii Ergamootaa 1:8.