Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 21, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—JW.ORG

Namoonni Yeroo Kam Iyyuu Caalaa Weebsaayitii Keenya Daawwachaa Jiru

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—JW.ORG

Yeroo golfaan COVID-19 gar malee babalʼachaa jiru kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa tibba Ayyaana Yaadannootti sochii isaanii ittuma cimsaniiru; kunis namoonni lakkoofsi isaanii dabalaa deemu hedduun karaa hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabinaa fi odeeffannoo dabalataa argachuuf weebsaayitii keenya jw.org daawwachuuf isaan kakaaseera. Jiʼa Bitootessaatti, baayʼinni namoota weebsaayitii keenya daawwatanii jiʼa isa dura ture irraa dhibbeentaa 50 ol dabaleera; namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gaafatanis lakkoofsa guddaa haaraa galmeessiseera.

Yeroo golfaan kun jalqabetti suutuma suuta namoonni hedduun weebsaayitii jw.org daawwachuu jalqabanii turan. Jiʼa Guraandhalaatti, guyyaa guyyaatti namoonni gara miliyoona lama taʼan weebsaayitii keenya daawwataniiru; kunis isa yeroo kaanii irraa adda miti. Jiʼa Bitootessaatti, lakkoofsi daawwattootaa kun guyyaa guyyaatti miliyoona sadii ol kan taʼe siʼa taʼu, guyyaa oduun addaa vaayirasii koronaa ilaalchisee baʼetti immoo lakkoofsi isaa miliyoona afurii fi walakkaa caalee ture. Ebla 7, guyyaa Ayyaana Yaadannoo 2020⁠tti immoo namoonni miliyoona torbaa ol taʼan weebsaayitii keenya daawwataniiru, isaan keessaa hedduun isaanii waaqeffannaa ganamaa addaa fi haasaa Ayyaana Yaadannoo ilaalaniiru.

Daawwachuu: Yeroo golfaan babalʼate kanatti lakkoofsi namoota weebsaayitii jw.org daawwatanii baayʼee kan dabale siʼa taʼu, guyyaa Ayyaana Yaadannootti immoo miliyoona torbaa ol taʼeera

Obboleessi keenya Kliiv Maartin inni waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niiwu Yoorki jiru keessatti ilaaltuu ol aanaa Dippaartimantii Qophii sagantaa Meepsii (MEPS Programming Department) taʼe akkana jedheera: “Tibba kanatti namoonni hedduun bakkaa fi saʼaatii Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu beekuuf weebsaayitii jw.org ilaalu turan. Waggaa baranaa garuu namoonni fedhii argisiisan hedduun gumii naannoo isaanii jiruu wajjin wal arguu waan hin dandeenyeef, haasaa addaa fi haasaa Ayyaana Yaadannoo 2020 afaan 500 oliin weebsaayiticha irratti baasneerra. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman sagantaawwan kana ilaalaniiru ykn intarneetiirraa buufataniiru. Yeroo addunyaan haala rakkisaa keessa jiru kanatti namoonni weebsaayitii keenya ilaalan hedduun jiraachuun isaanii weebsaayitiin kun Dhugaa Baatota Yihowaatiif qofa utuu hin taʼin namoota kaan hedduudhaaf qajeelfamaa fi jajjabina hafuuraa kennuu irratti gumaacha guddaa gochaa akka jiru argisiisa.”

Buufachuu: Lakkoofsa namoota haasaa addaa (keelloo) fi haasaa Ayyaana Yaadannoo (cuquliisa) buufatanii

Namoonni weebsaayiticha daawwatan hedduun odeeffannoo dhiphinaa wajjin wal qabate qoruu dabalatee mata dureewwan fayyaa fi dhukkuba of irraa ittisuu wajjin wal qabatan barbaaduun isaanii nama hin dinqisiisu. Kana malees, weebsaayitichi mata dureewwan mallattoowwan guyyoota dhumaa fi abbootii fardeenii arfan Mulʼata boqonnaa 6 irratti ibsamanii wajjin wal qabatan ilaalchisee odeeffannoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka ilaalan galmeesseera.

Weebsaayitii jw.org irratti namoonni qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akka isaaniif geggeeffamu gaafatanis xiyyeeffannaa keenya baayʼee kan harkisu dha. Yeruma kaan iyyuu guyyaatti namoonni gara 250 taʼan gaaffii akkasii ni dhiheessu; haa taʼu malee, lakkoofsi kunis dhiheenyatti dabaleera. Jiʼa Bitootessaatti dhibbeentaa 40 kan dabale siʼa taʼu, guyyaatti gara namoota 350 taʼan ykn jiʼan gara 11,000 taʼan gaaffii kana dhiheessaniiru. Guyyaa Ayyaana Yaadannoo fi guyyaa itti aanutti namoonni 1,000 ol taʼan weebsaayitii keenyatti fayyadamanii qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akka isaaniif geggeeffamu gaafataniiru.

Yesuus namoonni waaʼee hafuuraa dheebotan gammadoo akka taʼan dubbateera. (Maatewos 5:3) Namoonni hedduun yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti jajjabinaa fi deggersa hafuuraa argachuuf gara Yihowaa fi jaarmiyaasaatti dhufaa kan jiran taʼuun isaa baayʼee nu jajjabeessa.—2 Qorontos 1:3, 4.