Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana hidhaa Gaayetaa, Xaaliyaanii duraanii obboloonni keenya muraasni sababii amantii isaaniitiin itti hidhaman

ADOOLESSA 9, 2020
XAALIYAANII

Dhugaa Baatonni Yihowaa Xaaliyaanii Mirgi Namoota Tajaajila Loltummaa Kennuuf Qalbiin Isaanii Isaaniif Hin Heyyamnee Akka Kabajamu Gumaacha Godhaniiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa Xaaliyaanii Mirgi Namoota Tajaajila Loltummaa Kennuuf Qalbiin Isaanii Isaaniif Hin Heyyamnee Akka Kabajamu Gumaacha Godhaniiru

Akkuma yeroo ammaatti biyyoota hedduu keessa jiru, Xaaliyaan mirga lammiiwwan ishii tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamneef beekamtii kenniteetti. Kanaan dura garuu haalli isaa akkas hin turre. Xaaliyaan harka caalaa isaa mirga namummaa buʼuuraa kana kan fudhatte, aarsaa guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Xaaliyaan keessa jiran kaffalaniin kan kaʼe dha.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda waggoota hedduudhaaf seerri Xaaliyaanii, dhiironni loltoota taʼanii akka tajaajilan isaan irraa eega ture. Bara 1946⁠tti akkuma waraanichi xumurameen, biyyattii keessa Dhugaa Baatota 120 qofatu jira ture. Lakkoofsi namoota Yihowaadhaaf of murteessanii dabalaa yommuu deemu garuu, lakkoofsi dargaggoota Dhugaa Baatota taʼanii fi dirqama seerri tajaajila loltummaa akka kennan isaan irraa eegu raawwachuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne dabalaa dhufe. Murtoo kana kan godhan qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu siyaasa irraa walaba akka taʼan, yakka irraa akka fagaatanii fi namoota akka jaallatan ibsutti cimsanii waan amananiifi dha.

Qorannaan dhiheenya kana waajjira damee Xaaliyaaniitiin taasifame, yoo xinnaate obboloonni 14,180 taʼanii fi tajaajila loltummaa kennuu diduu isaaniitiin hidhamanii turan amma iyyuu lubbuudhaan akka jiran mirkaneesseera. Obboloonni kunneen keessumaa bara 1965 hanga 1998⁠tti, dimshaashumatti waggoota 9,732f hidhamaniiru.

Sarjiyoo Albeesaanoo inni Tuuriin Xaaliyaan keessatti hayyuu seenaa taʼe, Dhugaa Baatonni Yihowaa “dargaggoota sababii amantii isaaniitiin tajaajila loltummaa kennuu diduu isaaniitiin hidhaman hedduu kan of keessatti qabatani dha” jedheera. Amantii cimaa isaan argisiisaniif galanni haa taʼuutii, dargaggoonni kun “namoonni Xaaliyaan keessa jiran hedduun rakkoo kana akka beekan” gochuu isaanii dubbateera.

Muummichi Ministeera kanaan duraa Juuliyoo Andreewotti, bara 1956 hanga 1966⁠tti raayyaa ittisa biyyaa taʼanii yeroo tajaajilaa turanitti, sababii itti tajaajila loltummaa itti didan hubachuuf Dhugaa Baatota hidhaman tokko tokko dhuunfaatti haasofsiisuuf murteessanii turan. Akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Amantii cimaa isaan qabanii fi siyaasa keessa galuu diduun isaanii baayʼee na dinqisiiseera; tajaajila loltummaa kennuu cimsanii kan mormanii fi waggoota hedduudhaaf hidhamuuf fedhii kan qabaatan akkuma tasaa miti.”

Seerri jalqabaa lammiiwwan biyyattii tajaajila loltummaa kennuu diduu akka dandaʼan kan heyyamame bara 1972⁠tti dha. Kan nama gaddisiisu garuu, seerichi tajaajila bakka tajaajila loltummaa kennamu kan biraa kan hundeesse taʼus, kana kan toʼatu loltoota ture, kun immoo obboloota keenya biratti fudhatama hin qabu ture.

Dhuma irratti, Adoolessa 8, 1998, mootummaan Xaaliyaan loltoota irraa adda akka baʼu seera haaraa baase; kanaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila bakka tajaajila loltummaa kennamu kan biraa fudhachuu dandaʼaniiru. Hagayya 2004⁠tti, Xaaliyaan Amajjii 2005 irraa eegalee seera haaraa dhiironni tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf dirqamni akka isaan irra hin jirre ibsu baaste.

Hayyoota hedduu seenaa Xaaliyaan keessatti, seerri kun akka baʼuuf murtoo kana raawwachiisuu irratti gumaacha gochuu isaaniitiif Dhugaa Baatota Yihowaa galateeffatan keessaa tokko, Sarjoo isa abukaatoo fi Yunivarsiitii Saapiyeenzaa Roomaa jedhamu keessatti piroofeesara seeraa taʼe dha. Akkana jedheera: “Kanaan dura loltoonni qeesota amantii taʼan tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu diduun, ‘biyya ofii arrabsuu akka taʼe, ajaja Kiristiyaanummaa wal jaallachuu ilaalchisee kennamee wajjin akka wal hin faallessinee fi namoonni sodaattuu taʼan qofti didan’ akka taʼe dubbatu turan; ejjennoo cimaa Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun fudhatan garuu, seerrii fi ilaalchi hawaasa Xaaliyaanii akka jijjiiramu gumaacha guddaa godheera.”

Ejjennoon obboloonni keenya fudhatan seera Xaaliyaan keessa jiru jijjiiruu malees wanta godhe qaba. Eegdonni mana hidhaa hedduun amala Dhugaa Baatota mana hidhaa keessa turan erga arganii booda Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu dandaʼaniiru. Isaan keessaa inni tokko, Juuseeppee Seerraa akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Fakkeenyi Dhugaa Baatota dargaggoota taʼan sanaa . . . qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabuuf na kakaaseera.” Juuseeppeen bara 1972⁠tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeera. (Saanduqa gajjallaa jiru ilaali.)

Fakkeenya ija jabinaa dhaloota hedduudhaaf obbolootaa fi maatiiwwan isaanii Xaaliyaanii keessa jiran nuuf taʼan, akkasumas obboloota waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiran hedduun ajaja “kana booda waraana hin baratan” jedhu cimsanii kan hordofan taʼuun isaanii baayʼee nu gammachiisa.—Isaayaas 2:4.