Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 3, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Walgaʼiin Naannoo 2020 Yeroo Jalqabaatiif Addunyaa Maratti Bifa Viidiyootiin Godhame

Walgaʼiin Naannoo 2020 Yeroo Jalqabaatiif Addunyaa Maratti Bifa Viidiyootiin Godhame

Jiʼa Waxabajjii fi Hagayya 2020⁠tti obboloonni fi obboleettonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi namoonni fedhii qaban sagantaa walgaʼii naannoo 2020 tokkummaadhaan ilaalaniiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi walgaʼii naannoo “Yeroo Hundumaa Gammadaa!” jedhu hawwiidhaan eeggachaa turan. Walgaʼiin kun biyyoota 240⁠tti galmawwan walgaʼii gurguddaa fi iddoowwan kireeffamanitti godhamuuf karoorfamee ture. Qaamni Ol Aanaan fayyummaa hirmaattotaaf jecha walgaʼiin naannoo bifa viidiyootiin addunyaa maratti akka godhamu filate. Kun bara 1897 kaasee jaarmiyichi walgaʼii gurguddaa haala kanaan yommuu godhu kun isa jalqabaati.

Obboleessi keenya Keeneez Kuuk inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe akkas jedheera: “Walgaʼiin naannoo yommuu hambifamu galmi keenya walgaʼii biyyoolessaa addunyaa mara irratti namoonni al takkaatti irratti hirmaatan qopheessuu ture. Sagantichi jiʼoota afur yeroo hin guunnetti afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin qophaaʼuu akka qabu beekna turre. Piroojeektiin akkasii yeroo baayʼee karoora baasuu fi hojjennee fixuuf waggaa tokko ykn sanaa ol fudhata. Waxabajjii 6, 2020⁠tti kutaan inni jalqabaa sagantichaa gara afaanota 400n baʼuu isaatti baayʼee gammannee turre. Sagantichi afaanota 511n akka qophaaʼu eegna.”

Obboleettiin haadha qeenxee taatee fi ijoollee sadii qabdu faayidaa walgaʼii viidiyoodhaan godhame kana ilaalchisee akkana jettetti: “Michoota keenya wajjin wal arguu kan nu hin dandeessisne taʼus, ijoollee keenyaaf faayidaa guddaa qaba. Saganticha kutaa kutaadhaan gabaabsinee ilaaluun ijoolleen keenya xiyyeeffannaan isaanii akka hin hihhiramne isaan gargaareera. Yoo boqonnaan isaan barbaachise viidiyicha dhaabuu ni dandeenya. Namni kam iyyuu daqiiqaadhaaf isa hin darbu. Sagantaan walgaʼii Jimaataa ijoolleen akka xiyyaa akka taʼaanii fi gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argamuutti isaan qajeelchuu akka qabnu ibseera. Sagantaan viidiyoodhaan godhamu kun kana gochuuf nu gargaareera.”—Faarfannaa 127:4.

Walgaʼiin viidiyoodhaan godhamee fi seena qabeessa taʼe kun xiyyeeffannaa miidiyaalee addunyaa maratti argamanii harkiseera. Fakkeenyaaf, Roobeert Heendirik inni ilaaltuu Deeskii Odeeffannoo Uummataa Yuunaayitid Isteetis taʼe akkas jedheera: “Gaazexeessitoonni hedduun waaʼee walgaʼii naannoo viidiyoodhaan godhame barreessaniiru. Barreeffamoonni kunis jaarmiyaan keenya walgaʼii naannoo viidiyoodhaan gochaa akka jiruu fi fayyummaa namoota hundumaaf eegumsa gochaa akka jiru ibsaniiru.”

Walgaʼiin naannoon 2020 “Yeroo Hundumaa Gammadaa!” jedhu karaa haaraa fi dinqisiisaa taʼeen Yihowaan Barsiisaa Guddicha taʼu isaa nutti argisiiseera.—Isaayyaas 30:20