Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maree Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessuu fi obbolootaa qeeʼee isaanii irraa buqqaʼan wajjin godhame

CAAMSAA 23, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #8 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Waraanichi Itti Fufaa Kan Jiru Taʼus Obboloonni Caalaatti Isaan Jajjabeessaa Jiru

ODUU HAAREFFAME #8 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Yuukreen keessatti haalli rakisaan kan itti fufe taʼus, waajjirri damee Yuukreen obboloota biyyattii keessa jiran jajjabeessuu isaa cimsee itti fufeera. Obboloonni itt gaafatamumma qabanii fi biyyattii keessa jiran babalʼistoota qeʼee isaanii irraa buqqaʼan jajjabeessuu irratti jabaatanii hojjechaa jiru. Obboloonnii fi obboleettonni daawwannaa nama jajjabeessu kana irraa faayidaa guddaa argachaa jiru. Obboleessi Miseensa Koree Waajjira Damee taʼe obbolootaa fi obboleettota dhiha Yuukreenitti baqatan erga daawwatee booda, obboleettiin obboloota 30 taʼan kaanii wajjin Galma Walgaʼii magaalaa Uzygoorood jiru keessa yeroodhaaf buufatte tokko, “Akkuma waan Yihowaan ofitti na qabee na hammatetti natti dhagaʼame” jetteetti.

Kana malees, obboloonni obboloota gara 100 taʼanii fi miseensota Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 ija jabeeyyii taʼan jajjabeessuuf carraaqqii guddaa gochaa jiru. Ihoor inni miseensa Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa akkana jedheera: “Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa keessa akkan tajaajilu yommuun ramadamu, anii fi haati manaa koo qeʼee keenya irraa buqqaanee mana kan biraa keessa buufannee turre. Yeroo baayʼee abdii kutannee turetti, obboleessi miseensa Koree Waajjira Damee tokko ofii isaatii hojiin kan isatti baayʼatu taʼus, yeroo ramadee dhufee nu gaafachuudhaan wanta isatti dubbannu of eeggannoodhaan nu dhaggeeffate. Kanaafuu, waaʼeen keenya baayʼee akka isa yaaddessu hubachuu dandeenyeerra.” Ihoor itti fufuudhaan akkana jedheera: “Haalli akka ijoollee xixinnoo akka taane akka nutti dhagaʼamu godhu yommu nu mudatu, haala keessa jiru toʼachuu akka dandeenye, akkasumas karaatti rakkina sana keessaa baanu akka hin qabne fi wanti gochuu dandeenyu dhimmicha ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu qofa akka taʼe yommu nutti dhagaʼamutti, yeroo baayʼee Yihowaan nuuf jedhee tarkaanfii akka fudhatu argineerra.”

Haalawwan Galmawwan Walgaʼii naannoo waraanaa jiran yommuu ilaallu, Galmawwan Walgaʼii 4 gutummaatti barbadaaʼaniiru, 8 miidhaa guddaan irra gaʼeera, 33 immoo miidhaa salphaan irra gaʼeera.

Galma Wagaʼii Kiyeev alatti bara 2019 (bitaa) fi yeroo ammaa (mirga)

Gabaasawwan armaan gadii wantoota Yuukreen keessatti hanga Caamsaa 17, 2022​tti raawwataman kan ibsani dha. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaa irraa argame irratti kan hundaaʼe dha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kana irra iyyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 37 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 74 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 45,253 biyyichuma keessa bakka waraanni hin jirretti baqataniiru

  • Manneen 418 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 466 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 1,213 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 4 barbadaaʼeera

  • Galma Walgaʼii 8 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 33 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 Yuukreen keessatti hojjechaa jiru

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 48,806 taʼan iddoo nagaa qabutti iddoo buufatan akka argatan gargaaraniiru

  • Babalʼistoonni 21,786 taʼan biyyoota biraatti kan baqatan yeroo taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru