Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gubbaa: Obboloota keenya Yeevgenii Boochikoo, Vilaadimiir Koolesniikoovii fi Aleeksii Shuubniikoov

Gajjallaa: Obboloota keenya Vitaalii Uushookoovii fi Vaalarii Viichikooyeev

GURAANDHALA 13, 2024
RAASHIYAA

Mirga Yihowaa Tajaajiluuf Qabanirratti Xiyyeeffataniiru

Mirga Yihowaa Tajaajiluuf Qabanirratti Xiyyeeffataniiru

Manni Murtii Koonyaa Vaayiselkooviskii Naannoo Kiraasnoodaar dhimma obboloota keenya Yeevgenii Boochikoo, Vilaadimiir Koolesniikoov, Aleeksii Shuubniikoov, Vitaalii Uushookoovii fi Vaalarii Viichikooyeev irratti murtii dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa murtoo akkamii akka isaanirratti dabarsu ammayyuu hin beeksisne.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboloota kanaa fi obboloota yeroo hundumaa gargaarsa isaa argachuu barbaadan hundaaf, gammachuu fi jabina kennuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 141:8.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 11, 2022

    Himanni yakkaa Yeevgenii, Aleeksii, Vitaalii fi Vaalarii irratti baname

  2. Guraandhala 13, 2022

    Manni isaanii ni sakattaʼame. Yeevgenii, Aleeksii fi Vitaaliirratti qorannaan ni geggeeffame. Vitaaliin yeroodhaaf gidduu gala tursiisa dhaddacha duraatti ergame

  3. Guraandhala 15, 2022

    Vitaaliin gidduu gala tursiisa dhaddacha duraatti ergame

  4. Guraandhala 16, 2022

    Yeevgenii fi Aleeksii akka hin imalle dhorkaman

  5. Guraandhala 18, 2022

    Vaalariin akka hin imalle dhorkame

  6. Guraandhala 21, 2022

    Vilaadimiir irratti himanni yakkaa ni baname

  7. Bitootessa 15, 2022

    Vilaadimiir akka hin imalle dhorkame. Himanni yakkaa hundumaa faayila tokko keessatti walitti qabame

  8. Fulbaana 8, 2022

    Vitaaliin gidduu gala tursiisa dhaddacha duraatii gadhiifamee akka manaa hin baane dhorkame

  9. Onkoloolessa 10, 2022

    Vitaaliin dhorkaan manaa akka hin baane isa irra kaaʼame kaʼee akka hin imalle dhorkame

  10. Caamsaa 31, 2023

    Himanni isaan irratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe