Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabu Fudhadheera

Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabu Fudhadheera

Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabu Fudhadheera

DOKTARRI TOKKO AKKA DUBBATETTI

GALMA hospitaalaa walgaʼiin itti geggeeffamu keessatti buʼaa reeffa baqaqsanii qorachuudhaan argame doktarootaaf ibsaan ture. Namni dhukkubsatee duʼe sun dhibee xannachaa cimaa kan qabu akka ture ergan ibsee booda akkasan jedhe: “Namni kun dafee kan duʼe, dhiigni hedduun isaaf kennamuu isaatiin kan kaʼe seeliin dhiigaa diimaa isaa waan hirʼatee fi kaleen isaa hojii waan dhaabeef akka taʼe hubachuu dandeenya.”

Yeroo kanatti piroofeesarri tokko kaʼanii aariidhaan, “Gosa dhiigaa sirrii hin taane isaaf kennitaniittu nuun jechaa jirtamoo?” jedhan. Anis, “Akkas jechuu koo miti” jedheen deebise. Achiis islaayidii fiilmiiwwan kutaa xixiqqoo kalee nama dhukkubsatee ture sanaa argisiisan tokko tokko keenyan irratti isaanitti argisiisuudhaan, “Seelii dhiigaa diimaa kalee keessatti mancaʼan hedduu arguu ni dandeenya, kanaaf kaleen isaa hojii kan dhaabe kanaafi jennee yaaduu dandeenya” * jedhe. Haalli yeroo kanatti ture baayʼee kan nama dhiphisu waan tureef, sodaachuu kootiin kan kaʼe afaan koo ni goggoge. Taʼus, isaan piroofeesara, ani immoo doktara dargaggeessa yoon taʼe iyyuu, ejjennoon dhimma kana irratti qabu jijjiiruu akkan hin qabne natti dhagaʼamee ture.

Haalli kun yeroo na mudatetti, ani Dhugaa Baatuu Yihowaa hin turre. Kanan dhaladhe bara 1943 magaalaa Seendaayi ishii kaaba Jaappaan jirtutti dha. Abbaan koo paatoolojiistii (akkaataa dhukkubni itti uumamu kan qoratu) fi doktara dhibee sammuu yaalu waan taʼeef, anis waaʼee yaalii fayyaa barachuufan murteesse. Bara 1970 yeroon mana barumsaa yaalii fayyaatti waggaa lammaffaa barachaa turetti, shamarree Moosuukoo jedhamtun fuudhe.

Akkaataa Dhukkubni Itti Uumamu Barachuun Eegale

Hamma ani barumsa koo xumurutti, Moosuukoon hojjechaa nu deggeraa turte. Barumsi yaalii fayyaa baayʼee na hawwate. Qaamni namaa haala gaariidhaan uumamuun isaa baayʼee na dinqisiise! Taʼus Uumaan jiraachuu isaa matumaa yaadee hin beekun ture. Qorannoon ani gama yaalii fayyaatiin godhu jireenya kaayyoo qabu akkan jiraadhu na gargaaruu dandaʼa jedheen yaada ture. Kanaafuu ergan doktara taʼee booda, barumsa paatoolojii, jechuunis barumsa amala, maddaa fi miidhaa dhukkuboonni geessisan irratti xiyyeeffatu barachuu koo itti fufuufan murteesse.

Reeffa namoota kaansariidhaan duʼanii yeroon qorataa turetti, nama dhukkubsateef dhiiga kennuun buʼa qabeessa taʼuu isaa shakkuun eegale. Namoonni kaansarii cimaa qaban dhiigni isaanii baayʼee waan dhangalaʼuuf hirʼina dhiigaa qabaachuu dandaʼu. Malli yaalii keemooteeraappii jedhamu immoo hirʼina dhiigaa sana waan itti caalchisuuf, doktaroonni yeroo baayʼee namni dhukkubsatu sun dhiiga akka fudhatu ajaju turan. Haa taʼu malee, dhiiga kennuun shakkii kaansarichi akka babalʼatu taasisa jedhu na keessatti uume. Kanas taʼe sana, yeroo harʼaa dhiiga kennuun humna qaama seelota farra dhukkubaa akka laaffisu, carraa kaansariin deebiʼee kaʼuuf qabu akka dabaluu fi carraa namoonni kaansariidhaan qabaman fayyuuf qaban akka xiqqeessu beekameera. *

Haallin jalqaba irratti ibse kan na mudate bara 1975⁠tti dha. Piroofeesarichi itti gaafatamaa dhimmichaa fi ogeessa qorannoo dhiigaa turan. Kanaafuu, namni sun kan duʼe dhiiga waan fudhateef akka taʼe yommuun dubbadhu aaruun isaanii nama hin dinqisiisu! Ragaa dhiheessuu koo yommuun itti fufu garuu, suutuma suuta tasgabbaaʼaa dhufan.

Dhukkubni ykn Duuti hin Jiraatu

Dubartii maanguddoon Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼan takka haadha manaa tiyya kan haasofsiisan yeroo kanatti ture. Maanguddoon kun yommuu ishii haasofsiisanitti jecha “Yihowaa” jedhu waan fayyadamaniif, haati manaa tiyya hiikni jecha kanaa maal akka taʼe isaan gaafatte. Dhugaa Baatuun sunis, “Yihowaan maqaa Waaqa dhugaa ti” jedhanii deebisaniif. Moosuukoon ijoollummaa ishiitii eegaltee Kitaaba Qulqulluu ni dubbisti turte; taʼus Kitaabni Qulqulluun ishiin fayyadamtu maqaa Waaqayyoo maqaa “GOOFTAA” jedhuun bakka buusee ture. Amma Waaqayyo qaama maqaa qabu tokko akka taʼe beekteetti!

Moosuukoon yeruma sana Dhugaa Baatuu maanguddoo kanaa waliin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalte. Halkan keessaa gara saʼaatii 7⁠tti yommuun hospitaalaa galu, haati manaa tiyya gammachuudhaan, “Kitaabni Qulqulluun dhukkubnii fi duuti akka balleeffamu dubbata!” naan jette. Anis, “Kun baayʼee gaarii dha!” jedheen deebise. Itti fuftees, “Addunyaa haaraan dhiheenyatti waan dhufuuf yeroo kee akka balleessitu hin barbaadu” jette. Kanaafuu, doktara taʼee hojjechuu koo akkan dhaabu barbaaddi jedhee waanan yaadeef nan aare, kanaan kan kaʼes gidduu keenyatti walitti buʼiinsi ni uumame.

Taʼus haati manaa koo fedhii koo kakaasuuf yaalii gochuu ishii hin dhiisne. Waaqayyo akka ishii gargaaru kadhachuudhaan caqasoota haala koo wajjin wal siman barbaaddee natti argisiisti turte. Keessumaa Lallabni 2:22, 23 garaa koo tuqee ture: “Namni tokko wanta aduu jalatti jabaatee hojjetuu fi fedhii jabaatee akka hojjetu isa kakaasu hundumaa irraa dhugumaan buʼaa akkamii argata? . . . Halkan illee garaan isaa boqonnaa hin argatu. Kunis wanta gatii hin qabne dha.” Yaadni kun haalan keessa jiru sirriitti kan argisiisu ture; saayinsii yaalii fayyaa irratti halkanii guyyaa kanan dhamaʼuu taʼus gammachuu dhugaa argachuu hin dandeenye.

Adoolessa 1975, gaaf tokko Dilbata ganama, haati manaa koo gara Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa yommuu deemtu, anis akkuma tasaa deemuufan murteesse. Haati manaa tiyya achitti yommuu na argitu baayʼee ajaaʼibsiifamte, Dhugaa Baatonnis miira hoʼaadhaan na simatan. Yeroo sanaa kaasee yeroo hundumaa Dilbata walgaʼii irratti nan argaman ture. Gara jiʼa tokkoo booda immoo, Dhugaa Baatuun tokko Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisuu eegale. Haati manaa tiyya Dhugaa Baatonni erga ishii haasofsiisanii jiʼa sadii booda cuuphamte.

Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabu Fudhachuu

Utuma baayʼee hin turin, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni ‘dhiiga irraa akka fagaatan’ akka ajajun baradhe. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; Uumama 9:4) Duruma iyyuu dhiiga kennuun buʼa qabeessa taʼuu irratti shakkii waanan qabuuf, ilaalcha Waaqayyo dhiigaaf qabu fudhachuun natti hin ulfaanne. * ‘Uumaan dhuguma jira yoo taʼee fi akkana jedhee yoo dubbate sirrii taʼuu qaba’ jedheen yaade.

Maddi dhukkubaa fi duʼaa cubbuu Addaam akka taʼes baradheera. (Roomaa 5:12) Yeroo sanatti, dhibee artariiʼooskileroosis jedhamu, jechuunis dhibee hiddi dhiigaa akka goggoguu fi dhiigni sirriitti qaama keessa akka hin sochoone godhu irratti qorannoo gochaan ture. Yommuu dulloomaa deemnu, hiddi dhiigaa keenya goggogaa fi dhiphachaa deema, kun immoo dhukkuba onnee, dhukkuba ujummoowwan hidda dhiigaa gara sammuutti geessanii fi dhukkuba kalee namatti fida. Maddi wantoota kanaa cubbuu dhaalle taʼuun isaa ragaa amansiisaa akka taʼee natti dhagaʼame. Sana booda, hinaaffaan ani yaalii fayyaatiif qabu hirʼachaa dhufe. Dhukkubaa fi duʼa guutummaatti balleessuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha!

Bitootessa 1976, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ergan eegalee jiʼa torba booda, barumsa qorannoo hospitaala yunivarsiitii keessatti barachaa ture nan dhiise. Sana booda doktara taʼee hojjechuu hin dandaʼu jedhee sodaadhee kanan ture taʼus, hospitaala kan biraa keessaa hojiin argadhe. Caamsaa 1976⁠tti nan cuuphame. Jireenya koo sirriitti fayyadamuu kanan dandaʼu yeroo guutuu Wangeela yoon lallabe ykn qajeelchaa taʼee yoon tajaajile qofa akka taʼe waan murteesseef, Adoolessa 1977 tajaajila kana irratti hirmaachuun eegale.

Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabuuf Falmuu

Sadaasa 1979 anii fi Moosuukoon gumii bulchiinsa Chiibaa jiruu fi caalaatti gargaarsi barbaachisutti jijjiiramne. Hospitaala tokko keessaa hojii saʼaatii murtaaʼeef hojjetamun argadhe. Guyyaan jalqaba hojii eegaletti doktaroonni yaalii baqaqsanii hodhuu hojjetan natti marsanii, “Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef, dhukkubsataan dhiiga fudhachuun isa barbaachisu yoo dhufe maal goota?” jedhanii cimsanii na gaafachuu jalqaban.

Anis yaada Waaqayyo waaʼee dhiigaa dubbatu akkan hordofun kabajaan isaaniif ibse. Wantoonni bakka dhiigaa kennaman akka jiranii fi nama dhukkubsate sana gargaaruuf wanta naaf dandaʼame hunda akkan godhu isaaniif ibse. Gara saʼaatii tokkoof erga mariʼannee booda, hogganaan doktaroota sanaa deebii akkas jedhu kenne: “Ejjennoon kee naaf gala. Garuu namni dhukkubsate sun dhiigni hedduun dhangalaʼe yoo dhufe, siin utuu hin waamin ofuma keenyaa yaalla.” Hogganaan doktarootaa sun nama yaada isaatti cichu akka taʼetti beekama ture, taʼus maree sana booda isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeenyeerra, amantii koos yeroo hunda ni kabaja ture.

Kabajni Ani Dhiigaaf Qabu ni Qorame

Chiibaa keessa yeroon tajaajilaa turetti, waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa haaraan magaalaa Jaappaan Eebinaa jedhamtu keessatti ijaaramaa ture. Anii fi haati manaa koo, fayyaa tajaajiltoota fedhaa gamoo Beetel jedhamu kana ijaaran kunuunsuuf torbanitti guyyaa tokko achi deemna. Jiʼoota muraasa booda Beetel isa Eebinaa jirutti yeroo guutuu akka tajaajillu afeeramne. Kanaafuu, Bitootessa 1981 gamoo jireenyaa tajaajiltoonni fedhaa 500 yeroo muraasaaf keessa jiraatan keessa jiraachuu eegalle. Ganama iddoo ijaarsaa, mana dhiqannaa fi mana booliin qulqulleessa, waaree booda immoo obbolootaaf qorannaa yaalii fayyaan godha ture.

Namootan yaalii taasiseef keessaa tokko, Ilmaa Iizaaloob ishii misiyoonii taatee bara 1949 Awustiraaliyaatti Jaappaan dhuftee dha. Doktarri ishii dhibee dhiigaa Luukiimiyaa jedhamu akka qabduu fi jiʼoota muraasaaf qofa lubbuudhaan akka turtu itti himee ture. Ilmaan dhiiga fudhattee lubbuu ishii dheeressuu mannaa, jireenya ishii isa hafe Beetel keessa tajaajiluudhaan dabarsuuf filatte. Yeroo sanatti qorichawwan seeliin dhiigaa diimaa akka oomishamu gargaaran kan akka eriitiroopooyitiin jedhaman hin jiran turan. Kanaafuu, darbee darbee hiimoogiloobiiniin ishii giraama gara 3 ykn 4⁠tti gad buʼa ture. (Taʼuu kan qabu giraama 12 hanga 15 ti.) Haa taʼu malee, ishii yaaluuf wanta naaf dandaʼame godheera. Ilmaan hanga Amajjii 1988 duutetti amantii cimaa Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu argisiisteetti. Kun kan taʼe erga doktarri ishii jiʼoota muraasaaf qofa lubbuudhaan akka turtu itti himee booda gara waggaa torbaa jiraatteetti jechuu dha.

Waggoota hedduudhaaf tajaajiltoonni fedhaa waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Jaappaan jiran yaaliin dhaqna baqaqsuu isaan barbaachisee ture. Doktaroonni hospitaalota naannoo sanaatti hojjetan dhiiga malee baqaqsanii hodhuuf tole jechuu isaanitti isaan ni galateeffanna. Yeroo baayʼee akkaataa isaan itti yaalan akkan ilaaluuf, kutaa baqaqsanii hodhuutti na afeeru, yeroo tokko tokko immoo isaan nan gargaara ture. Doktaroota ejjennoo Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga irratti qaban kabajan kana nan galateeffadha. Isaan waliin hojjechuun koo waaʼee amantii koo isaanitti himuuf carraa hedduu naaf baneera. Doktaroota sana keessaa tokko dhiheenya kana cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeera.

Kan nama ajaaʼibsiisu, carraaqqiin doktaroonni dhiiga malee Dhugaa Baatota Yihowaa yaaluuf taasisan gama yaalii fayyaatiin faayidaa guddaa argamsiiseera. Yaaliiwwan baqaqsanii hodhuu dhiiga malee taasifaman, dhiiga fudhachuu dhiisuun faayidaa kan qabu taʼuu isaatiif ragaalee mirkaneessani dha. Qorannoowwan akka argisiisanitti, namoonni yaaliin baqaqsanii hodhuu isaaniif godhame dafanii bayyanatu, rakkoon yaalii baqaqsanii hodhuu booda isaan mudatus ni hirʼata.

Doktara Guddicha Irraa Barachuu Koo Itti Fufuu

Fooyyaʼiinsa fi jijjiirama gama yaalii fayyaatiin argame hunda hordofuun yaala. Taʼus, Yihowaa Doktara guddicha irraa barachuu koos itti fufeera. Inni wantuma alaan mulʼatu qofa utuu hin taʼin, guutummaa keenya ilaala. (1 Saamuʼel 16:7) Doktara waanan taʼeef, dhukkubicha irratti ykn nama dhukkubsate sana qofa utuu hin taʼin, tokkoon tokkoo eenyummaa nama dhukkubsate sanaa irrattin xiyyeeffadha. Kun immoo nama dhukkubsate sanaaf yaalii gaarii gochuuf na gargaareera.

Hanga ammaatti Beetel keessa tajaajilaa jira, amma iyyuu ilaalcha Yihowaan dhiigaaf qabu dabalatee warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruun gammachuu guddaa naaf argamsiisa. Yihowaan Inni Doktara Guddicha taʼe dhiheenyatti dhukkuba hundaa fi duʼa akka balleessu kadhannaa koo ti.—Yoosuushii Aayiizoowoo akka dubbatetti.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Kitaabni barumsaa doktar Deeniiz Hoormaniin qophaaʼee fi Modern Blood Banking and Transfusion Practices jedhu akka ibsetti, namni dhiiga fudhachuu isaatiin ykn ulfi gadameessa keessa waan jiruuf ykn qaamni nama kan biraa irraa fudhatame yaalii baqaqsanii hodhuutiin yommuu bakka isaaf buufamu, nama siluma iyyuu qaamni isaa dhukkubsateef dhiigni yoo kenname yeroo booda taʼu illee seeliin dhiiga diimaa mancaʼuun isaa hin oolu. Haalawwan akkasii keessatti farri dhukkubaa (antibodie) qaamni dhiiga isaaf kenname akka hin fudhanne godhu, “tooftaalee qorannoo yaalii fayyaa beekamoo dhiigni kennamuu isaa dura taasifamaniin adda baasanii beekuun hin dandaʼamu.” Akka barreeffamni Daileyʼs Notes on Blood jedhamu ibsetti, seeliiwwan dhiiga diimaa mancaʼuun isaanii, “dhiigni dhiiga nama dhukkubsatee sanaa wajjin wal hin simne xinnoon illee . . . kun mudachuu dandaʼa. Kaleen hojii yommuu dhaabu, xurii dhiiga keessa jiru baasuu waan hin dandeenyeef, namni dhukkubsate sun suutuma suuta summaaʼaa deema.”

^ key. 8 Barreeffamni Journal of Clinical Oncology Hagayya 1988 akkas jedheera: “Namoonni kaansariidhaan qabamanii fi dhiiga malee yaaliin baqaqsanii hodhuu isaaniif godhame, carraan namoota yaalii baqaqsanii hodhuu dura dhiiga fudhatan caalaa bayyaannachuuf qaban guddaa dha.”

^ key. 16 Dhiigaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa Kitaabni Qulqulluun barsiisu argachuuf, birooshura Dhiigni Lubbuu Fayyisuu kan Dandaʼu Akkamitti? jedhuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. (Amaariffa)

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

“Wantoonni bakka dhiigaa kennaman akka jiranii fi nama dhukkubsate sana gargaaruuf wanta naaf dandaʼame hunda akkan godhu isaaniif ibse”

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

“Yaaliiwwan baqaqsanii hodhuu dhiiga malee taasifaman, dhiiga fudhachuu dhiisuun faayidaa kan qabu taʼuu isaatiif ragaalee mirkaneessani dha”

[Fakkii]

Gubbaa: Haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yommuun kennu

Mirga: Haadha manaa tiyya, Moosuukoo wajjin yeroo ammaatti