MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2013

Maxxansi kun, murtoo ogummaa qabu gochuu, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsuufi yaadachiisa Yihowaarraa faayidaa argachuu akkamitti akka dandeenyu ibsa.

Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamanirraa Faayidaa Argadhaa

Yesus yeroo baay’ee yaada walbira qabamee ibsametti fayyadameera. Yaadawwan walbira qabamanii ibsamanitti fayyadamuudhaan namoonni kaan dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baratan akkamitti gargaaruu akka dandeessu baradhu.

Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha

Yihowaan sabasaa qajeelchuufi geggeessuuf yaadachiisatti fayyadama. Yeroo har’aa yaadachiisa Waaqayyootti amanamuu kan qabnu maaliifi?

Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa

Abboommota Yihowaatti ni gammadna moo yeroo tokko tokko akka ba’aatti ilaalla? Amanannaa yaadachiisasaarratti qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

Jijjiirama Gootaniittuu?

‘Jijjiirama’ gochuun Kiristiyaanota hunda yaaddessuu kan qabu maaliifi? Jijjiiramuun maalfaa dabalata? Karaa kanaa milkaa’ina argachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

Murtoo Dhuunfaa Ogummaarratti Hundaa’e Godhaa

Murtoon goonu fedha Waaqayyoo wajjin kan walsimu ta’uusaa baruu kan dandeenyu akkamitti? Murtoo goone hojiirra oolchuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf Cimsa

Karaawwan qajeelchaa ta’uun hariiroo Yihowaa wajjin qabdu siif cimsuu itti danda’u saddeet qori. Tajaajila nama kiisu kanarratti hirmaachuukee itti fufuuf maaltu si gargaaruu danda’a?

Gaaffii Dubbistootaa

Akka Yohannis 11:35⁠rratti ibsametti Yesus, Alaazaar du’aa ka’uusaa dura imimmaansaa kan dhangalaase maaliifi?