MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Bitootessa 2014

Maxxansa kana keessatti, amala fedhii ofii aarsaa gochuu qabaachuufi ofiif ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Maanguddoota hidhata amantiifi firoota keenya taʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

Garaa Firoota Keenyaa Tuquu

Akkaataa Yesus firootasaa itti qaberraa maal baranna? Garaa miseensota maatii keenyaa warra amantii kan biraa qabanii ykn sirumaa amantii hin qabnee tuquu kan dandeenyu akkamitti?

Amala Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Guddifachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Diinni utuu nutti hin beekamin amala fedhii ofii aarsaa gochuu qabnu xiqqeessinee akka ilaallu nu godhu nu mudachuu dandaʼa. Matadureen kun diina kana adda baafachuu kan dandeenyuufi Macaafni Qulqulluun diina kana moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Namoonni hedduun ilaalcha sirrii hin taanee wajjin waldhaansoo kan godhan maaliifi? Matadureen kun, ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

Waaqeffannaa Maatii—Gammachiisaa Gochuu Ni Dandeessaa?

Wantoota gochuu dandeessu tokko tokko baruuf waaqeffannaa maatii biyyoota garaagaraatti godhamu ilaali.

Maanguddootaaf Ulfina Kennaa

Ilaalcha Waaqayyo maanguddootaaf qabu qori. Ijoolleen warrasaanii dullooman ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu? Gumiiwwan maanguddoota kan kunuunsan akkamitti?

Maanguddootaaf Kunuunsa Gochuu

“Barri hamaan” utuu hin dhufin, ijoolleen warrasaanii dullooman gargaaruuf, duraan dursanii mariʼachuudhaan qophiifi murtoo tokko tokko gochuunsaanii barbaachisaadha. Rakkoowwan tokko tokko moʼuu kan dandaʼan akkamitti?

Dubbii Keessan—‘Eeyyee Achiis Lakki’ Jechuudhaan Ni Jijijjiirtuu?

Kiristiyaanonni waadaa seenan eeguu qabu. ‘Eeyyee achiis lakki’ hin jedhan. Beellama qabanne jijjiiruun yoo nu barbaachisehoo? Fakkeenya Phaawulos Ergamaarraa baradhu.