Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MASARAA EEGUMSAA Lakk. 2 2017 | Kennaa Waaqayyoo Isa Guddaa ni Fudhattaa?

MAAL SITTI FAKKAATA?

Kennaa Waaqayyo nuuf kenne keessaa inni hunda irra caalu isa kami?

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”Yohaannis 3:16.

Masaraan Eegumsaa kun Waaqayyo Yesuus nuuf jedhee gara lafaa dhufee akka duʼu kan godhe maaliif akka taʼee fi kennaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

 

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu

Kitaabni Qulqulluun waaʼee kennaa gatiidhaan hin shallagamnee fi warra fudhataniif jireenya bara baraa argamsiisuu ibsa. Kennaan kana caalaa faayidaa guddaa argamsiisu jiraachuu dandaʼaa?

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?

Kennaan tokko gatii guddaa akka qabaatu kan godhu maali dha? Wantoota kana irratti yaaduun keenya dinqisiifannaa furichaaf qabnu guddifachuuf nu gargaara.

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Irra Caaluuf Ilaalcha Akkamii Qabda?

Jaalalli Kiristoosiif qabnu maal gochuuf nu dirqisiisa?

Tajaajilaa Amantii Kiristiyaanaa Taʼuuf Gaaʼela Godhachuu Dhiisuun Ulaagaa Taʼuu Qabaa?

Amantiiwwan tokko tokko geggeessitoonni ykn qeesonni isaanii gaaʼela akka hin godhanne dhowwu. Dhimma kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal barsiisa?

Bara Durii fi Yeroo Ammaatti—Garbummaa Jalaa Bilisa Baʼuu

Bara duriitti, sabni Waaqayyoo garbummaa jalaa bilisa baʼeera. Kan nama gaddisiisu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman amma iyyuu garbummaa jalatti rakkachaa jiru.

Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu

Kennuun siifis taʼe warra kaaniif gaarii dha. Waltaʼinsii fi michummaan akka cimu godha. Ati hoo nama gammachuudhaan kennu taʼuu ni dandeessaa?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun ‘guyyoonni dhumaa,’ ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ akka taʼu ibsa. Ibsi kun yeroo keessa jiraannuu wajjin kan wal simu dhaa?

Wantoota garabiraa

Aarsaan Yesuus “Namoota Hedduudhaaf Furii” kan Taʼu Akkamitti?

Aarsaan Yesuus furamuu cubbuu kan argamsiisu akkamitti?