MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Adoolessa 2017

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Hagayya 28 hanga Fulbaana 24, 2017⁠tti qoʼataman kan qabate dha.

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Turkii

Bara 2014, Turkii keessatti duulli lallabaa addaa taasifamee ture. Duulli kun kan qindeeffame maaliifi? Kan irratti hirmaatan hoo eenyufaʼi?

Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa

Akkaataan qabeenya kee itti fayyadamtu hariiroo Yihowaa wajjin qabdu siif cimsuu kan dandaʼu akkamitti?

“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”

Namni nama jaallatu duʼaa dhabe jajjabina argachuu kan dandaʼu? Nama kana gargaaruuf maal gochuu dandeessa?

“Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?

Faarfannaan 147 sababii Uumaa keenya itti dinqisiifannuu fi isa itti galateeffannu hedduu nu yaadachiisa.

Yihowaan ‘Akeeka Kee Hundumaa Siif haa Raawwatu!’

Dargaggoonni akkaataa jireenya isaanii itti fayyadaman ilaalchisee murteessuu qabu. Kun kan nama sodaachisu taʼus, Yihowaan warra gorsa isaa argachuuf carraaqan ni eebbisa.

Sammuun kee waraanicha akka moʼu godhi

Seexanni olola nama aarsu oofa. Olola isaa irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

Gaaffii Dubbistootaa

Kiristiyaanni tokko namoota kaan irraa of eeguuf meeshaa waraanaa kan akka shugguxii ykn qawwee qabachuun isaa sirrii dhaa?