MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Waxabajjii 2019

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Hagayya 5–Fulbaana 1, 2019⁠tti jiru kan qabate dha

“Namni Kam Iyyuu, . . . Boojiʼee Akka Isin hin Fudhanne Of Eeggadhaa”!

Seexanni namoota gowwoomsuu irratti dandeettii guddaa qaba. Namoota irratti dhiibbaa gochuudhaan, Yihowaa akka morman kan godhu akkamitti?

Yaadawwan Beekumsa Waaqayyoo Morman Hunda Garagalchaa!

Akkaataan guddinaa, aadaa fi barumsi keenya yaada keenya irratti dhiibbaa godha. Ilaalchawwan dogoggoraa ‘daʼoo jajjabaa’ taʼan sammuu keenya keessaa baasnee gatuu kan dandeenyu akkamitti?

Yeroo Dhiphinni Isin Irra Gaʼu Yihowaatti Amanamaa

Dhiphinni cimaan ykn yeroo dheeraadhaaf turu karaa qaamaa fi miiraa nu miidhuu dandaʼa. Yihowaan tajaajiltoonni isaa bara durii dhiphina akka dandamatan akkamitti akka isaan gargaare qorachuudhaan wanta hedduu barachuu dandeenya.

Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa

Loox, Iyoobii fi Naaʼomiin amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajilan taʼus, haalawwan dhiphisoo isaan mudatan dandamachuun isaan barbaachiseera. Muuxannoo isaanii irraa maal barachuu dandeenya?

Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu

Poornoogiraafiin tajaajiltootaa Waaqayyoo hedduu kiyyootti galcheera. Gocha xuraaʼaa kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Maraan Barreeffama Durii Tokko Ni “Hiikame”

Bara 1970⁠tti arkiʼooloojistoonni, Israaʼel keessa iddoo Eeyin Geedii jedhamutti maraa barreeffamaa gubate tokko qotanii argatan. meeshaa 3-D jedhamuu fi waa dubbisuuf gargaaruuf galanni haa ta’uutii maraa barreeffamaa kana “hiikuun” danda’ameera. Wanti dubbifame maal argisiise?