Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MASARAA EEGUMSAA Lakk. 1 2021 | Kadhachuu Kan Qabdu Maaliifi?

Waaqayyo kadhannaa kee akka hin dhageenye sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan kan akkas itti dhagaʼamu si qofa miti. Namoonni hedduun gargaarsa argachuuf kadhannaa kan dhiheessan taʼus, rakkinni isaanii hin furamne. Mata dureewwan walitti aanan kun Waaqayyo kadhannaa keenya akka dhagaʼu maaliif mirkanaaʼaa akka taanu, kadhannaawwan tokko tokko maaliif akka hin dhagaʼamnee fi kadhannaa keenyaaf deebii argachuuf akkamitti kadhachuu akka qabnu ibsu.

 

Yaada Namoonni Waaʼee Kadhannaa Dubbatan

Kadhanaanna kennaa addaa Waaqayyo biraa argame dha moo, sirna hiika hin qabne dha?

Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?

Waaqayyo karaa sirrii taʼeen yommuu kadhannu akka nu dhagaʼu, Kitaabni Qulqulluun ni mirkaneessa.

Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun kadhannaan Waaqayyo deebisuu fi hin deebisne isa kam akka taʼe ni ibsa.

Waaqayyo Kadhannaa Kee Akka Dhagaʼu Akkamitti Mirkanaaʼaa Taʼuu Dandeessa?

Sagalee ol kaastee ykn callistee iddoo kamittis taʼe yeroo kamitti iyyuu Waaqayyotti kadhannaa dhiheessi. Yesuus waaʼee maalii akka kadhannu akka beeknu nu gargaareera.

Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?

Kadhannaan rakkina si mudate dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti?

Waaqayyo Kadhannaa Kee Ni Dhagaʼaa?

Kitaabni Qulqulluun yommuu kadhattu Waaqayyo akka si dhagaʼuu fi si gargaaruu akka barbaadu dubbata.