Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera

Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera

Buufadhu:

  • Nootaa Wajjin

  1. 1. Faaruu simbiraa dhageessa,

    Duumessa kaatu laalta.

    Aduun samii ʼrraa yoo iftu,

    Sulula keessa bashannanta.

    Kan duʼan yoo simattu,

    Amanuu hin dandeenye.

    Jannanni lafa ʼrraa kun

    Baayʼee dhihaatee ture.

  2. 2. Manni gaara ʼrraa mulʼata.

    Jira sulula keessa.

    Lagni sagaleen faarfata,

    Bishaan baabura daaku kaasa.

    Midhaan maasii bilchaate,

    Haamaan haa jalqabamu.

    Jireenyi amma qabnu

    Baayʼee dhihaatee ture.

    (CEESISA)

    Waan abdanne dhandhamanne;

    Michoota wajjin gammadne.

    Imimmaan keenya haqame.

    Addunyaan hundi haarome.

  3. 3. Ni dhagaʼama ililchi,

    Fooliin marga haamame.

    Guyyaa haaraan yommuu dhufu,

    Michoota kee wajjin gammadda.

    Yihowaa galateeffanna

    Jaalalaaf kunuunsa ʼsaaf.

    Eebbi argachaa jirru

    Baayʼee dhihaatee ture.

    (CEESISA)

    Guyyaa hunda seeqaan jedha:

    “Si arguutti gammadeera!”

    Wal arginee si hammachuun

    Abjuu ture kanaan dura.

  4. 4. Natti dhihoo jira

    Addunyaan arguuf hawwu.

    Abdii Yihowaan kenne dha,

    Hin jiru raawwii ʼsaa kan dhowwu.

    Waan na eeggatu yoon yaadu,

    Gaddi na ʼrraa badeera.

    Guyyicha eegaan jira

    Baayʼee nutti dhihaateera.