Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Wanta Yesuus jireenya isaa keessatti dabarsee fi Kitaaba Qulqulluu irratti galmeeffame hunda kitaaba kana irraa dubbisi.
SEENSA
Karaa, Dhugaa, Jireenya
Barumsawwan Yesuusii fi gochi isaa Wangeelota keessatti argaman jireenya kee jijjiiruu ni dandaʼu.
BOQONNAA 1
Ergaawwan Waaqayyo Biraa Dhufan Lama
Gabriʼeel ergaawwan amanuun baayʼee ulfaataa taʼe dubbate.
BOQONNAA 2
Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera
Elsaabexii fi mucaan garaa ishii keessa jiru Yesuusiif ulfina kan kennan akkamitti?
BOQONNAA 3
NAMNI DAANDICHA QOPHEESSU TOKKO NI DHALATE
Zakkaariyaas dinqiidhaan dandeettii dubbachuu isaa deebisee akkuma argateen, raajii baayʼee barbaachisaa taʼe dubbate.
BOQONNAA 4
Maariyaam—Hin Heerumne Garuu Ulfoofteetti
Yoseef yeroo Maariyaam kan ishiin ulfoofte nama kan biraa irraa utuu hin taʼiin hafuura qulqulluudhaan akka taʼe itti himtu ni amanaa laata?
BOQONNAA 5
Yesuus Ni Dhalate—Eessatti? Yoom?
Yesuus jiʼa Muddeetti akka hin dhalanne akkamitti beekna?
BOQONNAA 6
Mucicha Isa Abdachiifamee Ture
Yeroo Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin mana qulqullummaatti geessanitti maanguddoonni lama waaʼee isaa raajii dubbatan
BOQONNAA 7
Namoonni Urjii Lakkaaʼan Yesuusiin Ilaaluu Dhufan
Urjiin isaan Baha Biiftuutti argan, jalqaba irratti gara Yesuus utuu hin taʼin, gara Heroodis Mooticha isa nama ajjeesutti kan isaan geesse maaliifi?
BOQONNAA 8
Bulchaa Hamaa Taʼe Jalaa Baqatan
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Masiihichaa dubbatan sadii Yeroo Yesuus ijoollee turetti raawwii isaanii argataniiru.
BOQONNAA 10
Yesuusii Fi Maatiin Isaa Gara Yerusaalem Deeman
Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin yeroo dhabanitti baayʼee yaaddaʼan. Inni garuu eessa akka jiru beekuu dhiisuun isaanii akka isa ajaaʼibsiise dubbate.
BOQONNAA 11
Yohaannis Cuuphaan Daandicha Qopheesse
Fariisonnii fi Saduuqonni gara isaa yeroo dhufanitti Yohaannis isaan balaaleffate. Maaliif?
KUTAA 2
Yesuus Tajaajila Isaa Jalqabe
BOQONNAA 13
Akkaataa Yesuus Qorumsa Itti Moʼe Irraa Baradhu
Qorumsi Yesuus irra gaʼe waaʼee Diyaabilos wantoota lama mirkaneesseera.
BOQONNAA 14
Yesuus Namoota Barattoota Gochuu Jalqabe
Barattoonni Yesuus warri jalqabaa jaʼan Masiihicha akka argatan kan isaan amansiise maali dha?
BOQONNAA 15
Yesuus Dinqii Isa Jalqabaa Raawwate
Yesuus kana booda qajeelfama kan isaaf kennu ishii utuu hin taʼin abbaa isaa isa samii akka taʼe haadha isaa hubachiise.
BOQONNAA 16
Yesuus Waaqeffannaa Dhugaatiif Hinaaffaa Argisiise
Seerri Waaqayyoo Israaʼeloonni horii aarsaadhaaf taʼu Yerusaalemii akka bitan ni heyyama; erga akkas taʼee, Yesuus daldaltoota mana qulqullummaa keessa jiranitti kan aare maaliifi?
BOQONNAA 18
Yesuus Dabalaa Yohaannis Immoo Hirʼachaa Adeeme
Barattoonni Yohaannis kan hinaafan taʼus, inni garuu hin hinaafne.
BOQONNAA 19
Dubartii Samaariyaa Tokko Barsiise
Yesuus wanta tarii kanaan dura eenyutti illee hin himne ishiitti hime.
BOQONNAA 20
Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete
Yesuus fageenya gara kiiloo meetira 26 taʼu irraa mucaa tokko fayyise.
BOQONNAA 21
Mana Sagadaa Naazireetitti Argamutti
Namoonni Naazireet Yesuusiin ajjeesuuf kan yaalan inni maal jennaani?
BOQONNAA 22
Barattoonni Yesuus Afur Namoota Kan Qaban Taʼu
Qurxummii qabuu dhiisanii namoota kan qaban akka taʼan isaan afeere.
BOQONNAA 23
Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete
Yesuus jinnii yommuu namoota keessaa baasetti inni Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka hin dubbanne isaan dhowwe. Maaliif?
BOQONNAA 24
Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise
Namoonni fayyuuf gara Yesuus dhufan; inni garuu tajaajilli isaa kaayyoo guddaa kana caalu akka qabu ibse.
BOQONNAA 25
Gara laafinaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame fayyise
Yesuus karaa salphaa taʼee fi ergaa guddaa qabuun, namoota fayyisu sanaaf akka yaadu mirkaneesseera.
BOQONNAA 26
“Cubbuun Kee Siif Dhiifameera”
Yesuus cubbuu fi dhukkuba gidduu walitti dhufeenyi akkamii akka jiru ibse?
BOQONNAA 28
Barattoonni Yesuus Kan Hin Soomne Maaliifi?
Yesuus deebii isaaniif kennuuf fakkeenya waaʼee qalqallootti fayyadame.
BOQONNAA 29
Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?
Yihudoonni Yesuus nama waggaa 38f dhukkubsate fayyisuu isaatti kan isa ariʼatan maaliifi?
BOQONNAA 30
Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin Qabu
Yihudoonni Yesuus Waaqayyoo wajjin of qixxeessaa akka jirutti yaadanis, inni garuu Waaqayyo akka isa caalu ifatti dubbateera.
BOQONNAA 32
Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?
Saduqoonnii fi Fariisonni kan walii hin galle taʼus, kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf tokkummaa uuman.
BOQONNAA 33
Raajiin Isaayaas Isa Irratti Raawwatame
Yesuus namoonni inni fayyise eenyummaa isaa ykn hojii isaa akka hin dubbanne kan abboome maaliifi?
BOQONNAA 36
Ajajaa Dhibbaa Amantii Guddaa Akka Qabu Argisiise
Ajajaan dhibbaa wanta Yesuusiin dinqisiise akkamii raawwate?
BOQONNAA 37
Yesuus Ilma Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Fayyise
Namoonni dinqii kana argan iddoo guddaa akka inni qabu hubatan.
BOQONNAA 38
Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade
Yohaannis Cuuphaan Yesuus Masiihicha taʼuu isaa kan gaafate maaliifi? Shakkiin isatti uumamee tii?
BOQONNAA 39
Dhaloota Dantaa Hin Qabneef Wayyoo
Yesuus Guyyaa Murtiitti Qifirnaahom ishii bakka jireenyaa isaa turtee mannaa Sodoomiif akka salphatu dubbate.
BOQONNAA 40
Barumsa Dhiifama Gochuu Ilaalchisee Kenname
Yesuus dubartii tarii gaalamoota taate tokkoon cubbuun kee sii dhiifameera yeroo jedhu, seera Waaqayyoo cabsuun rakkina hin qabu jechuu isaa tii?
BOQONNAA 43
Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatan
Yesuus waaʼee Mootummichaa ibsuuf fakkeenyota saddeet dubbate.
BOQONNAA 44
Yesuus Obomboleettii Galaana Irratti Kaʼe Cal Jechisiise
Yesuus qilleensaa fi dambalii galaanaa yommuu tasgabbeessetti bulchiinsa isaa jalatti jireenyi maal akka fakkaatu barsiise.
BOQONNAA 45
Jinniiwwan Hedduu Irratti Humna Qaba
Namni tokko jinnii tokkoo oliin qabamuu ni dandaʼaa?
BOQONNAA 46
Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
Yesuus taʼee garaa namaa tuqu kana irratti humnaa fi gaarummaa isaa argisiise.
BOQONNAA 47
Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!
Yesuus, intalli duute rafaa akka jirtu yeroo dubbatetti namoonni isatti kolfan. Wanti inni beekuu fi isaan hin barre maali dha?
BOQONNAA 48
Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne
Namoonni Naazireet Yesuusiin kan morman sababa barumsa ykn dinqii inni hojjeteen utuu hin taʼin, sababa biraatiini.
BOQONNAA 49
Galiilaa Keessatti Lallabe, Akkasumas Ergamoota Isaa Leenjise
“Mootummaan samii dhihaateera” jechuun maal jechuu dha?
BOQONNAA 50
Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan
Ergamoonni Yesuus duʼa sodaachuu hin qaban erga taʼee, yeroo ariʼatamni isaan irra gaʼu akka baqatan kan isaanitti hime maaliifi?
BOQONNAA 51
Ajjeechaa Kabaja Guyyaa Dhalootaatti Raawwatame
Shubbisni Saloomee Heroodisiin baayʼee waan gammachiiseef wanta ishiin barbaadde akka kennuuf waadaa galeef. Wanti gaddisiisaan ishiin gaafatte maali dha?
BOQONNAA 52
Daabboo fi Qurxummii Muraasaan Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Soore
Dinqiin Yesuus hojjete hiika guddaa waan qabuuf Wangeelota arfan keessatti barreeffameera.
BOQONNAA 53
Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu
Yesuus bishaan irra yeroo deemee fi qilleensa yeroo tasgabbeessetti ergamoonni isaa barumsa akkamii argatan?
BOQONNAA 54
Yesuus—“Nyaata Jireenyaa”
Yesuus namoonni dhamaʼanii gara isaa kan dhufan taʼus, kan isaan ifate maaliifi?
BOQONNAA 55
Dubbiin Yesuus Namoota Hedduu Suukanneesse
Yesuus wanta suukanneessaa barattoonni isaa hedduun isa dhiisanii akka deeman godhu dubbate.
BOQONNAA 56
Wanti Nama Tokko Xureessu Maali Dha?
Wanta gara afaanitti seenu dha moo wanta afaanii baʼu dha?
BOQONNAA 57
Yesuus Intala Tokkoo fi Namicha Gurri Isaa Duude Fayyise
Dubartiin tokko yeroo Yesuus saba ishii buchullootatti fakkeessetti kan hin mufanne maaliifi?
BOQONNAA 58
Daabboo Baayʼise, Waaʼee Raacitiis Ni Akeekkachiise
Barattoonni Yesuus dhuma irratti waaʼee raacitii akkamii dubbachaa akka jiru hubatan.
BOQONNAA 60
Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin Argan
Yesuus dinqiidhaan kan jijjiirame akkamitti? Hiikni isaa hoo maali dha?
BOQONNAA 61
Yesuus Mucaa Jinniidhaan Qabame Fayyise
Yesuus mucicha fayyisuun kan dadhabame hirʼina amantiitiin akka taʼe dubbate. Kan hirʼate garuu amantii eenyuu ti? Kan mucichaa, kan abbaa isaa moo kan barattoota Yesuusi?
BOQONNAA 62
Barumsa Barbaachisaa Gad Of Qabuu Ilaalchisee Kenname
Namoonni guguddaan barumsa barbaachisaa taʼe mucaa xinnoo tokko irraa baratan.
BOQONNAA 63
Yesuus Nama Gufachiisuu fi Cubbuu Ilaalchisee Gorsa Kenne
Tarkaanfiiwwan sadan dhimma cimaa obboloota gidduutti uumamu hiikuuf gargaaran ibse.
BOQONNAA 64
Barbaachisummaa Dhiifama Gochuu
Yesuus fakkeenya waaʼee garbicha gara jabeessa taʼe tokkoo ibsutti fayyadamuudhaan Waaqayyo fedhii nuti dhiifama gochuuf qabnuuf ilaalcha akkamii akka qabu ibse.
BOQONNAA 65
Gara Yerusaalem Utuu Deemuu Barsiise
Yesuus maree gabaabaa sadii irratti, haalawwan namni tokko akka isa hin hordofne dhowwuu dandaʼan addeesse.
BOQONNAA 66
Ayyaana Daasii Kabajuuf Gara Yerusaalem Deeme
Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran jinniidhaan qabameera jedhanii kan yaadan maaliifi?
BOQONNAA 67
“Eenyu Iyyuu Matumaa Akka Nama Kanaatti Dubbatee Hin Beeku”
Miseensonni mana murtii ol aanaa Yihudootaa hundi Yesuusiin ni mormu, inni tokko garuu ija jabinaan isaaf falme.
BOQONNAA 68
Ilma Waaqayyoo Isa “Ifa Addunyaa” Taʼe
Yesuus ‘dhugaan bilisa isin baasa’ jedhe. Maal irraa bilisa baasa?
BOQONNAA 69
Abbaan Isaanii Abrahaami Moo Diyaabilosi?
Yesuus ijoollee Abrahaam akkamitti beekuun akka dandaʼamuu fi eenyummaa Abbaa isaa isa dhugaa ibse.
BOQONNAA 70
Yesuus Nama Qaro Dhabeessa Taʼee Dhalate Fayyise
Barattoonni, namichi qaro dhabeessa taʼee kan dhalate maaliif akka taʼe isa gaafatan. Isa moo warra isaatu cubbuu hojjete? Yeroo Yesuus isa fayyise namootatti miira garaa garaatu dhagaʼame.
BOQONNAA 71
Fariisonni Namicha Qaro Dhabeessa Ture Falman
Dhugaan haaluun hin dandaʼamnee fi namichi qaro dhabeessa ture dubbate Fariisota aarse. Akkuma warri isaa sodaatanii turan, Fariisonni mana sagadaa keessaa isa ariʼan.
BOQONNAA 72
Yesuus Akka Lallabaniif Barattoota 70 Erge
Yesuus Yihudaa utuu jiruu, Mootummicha akka lallabaniif barattoota 70 lama lama godhee erge. Eessatti lallaban? Manneen sagadaatti moo manneen namootaatti?
BOQONNAA 73
Namichi Samaariyaa Namoota Hunda Akka Jaallatu Argisiise?
Yesuus barumsa guddaa dabarsuuf fakkeenya waaʼee nama Samaariyaa isa gara laafessa taʼee kan fayyadame akkamitti?
BOQONNAA 74
Barumsa Keessummaa Simachuu fi Kadhannaa Ilaalchisee Kenname
Yesuus mana Maariyaamii fi Maartaa dhaqe. Waaʼee keessummaa simachuu maal isaan barsiise? Yeroo booda, waaʼee maalii kadhachuu akka qaban ilaalchisee barattoota isaa kan barsiise akkamitti?
BOQONNAA 75
Yesuus Maddi Gammachuu Maal Akka Taʼe Dubbate
Yesuus waaʼee ‘quba Waaqayyoo’ fi ‘mootummaan Waaqayyoo kan isaanitti dhufe’ akkamitti akka taʼe dubbachuudhaan namoota isa mormaniif deebii kenne. Akkasumas namoonni gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dubbate.
BOQONNAA 76
Fariisii Tokkoo Wajjin Nyaata Nyaate
Yesuus Fariisonnii fi barsiisota seeraa nama amantii kan of fakkeessan taʼuu isaanii saaxile. Uummaticha irratti baʼaa ulfaataa akkamii feʼu turan?
BOQONNAA 77
Yesuus Qabeenya Ilaalchisee Gorsa Kenne
Yesuus waaʼee namicha sooressa gootaraa guguddaa ijaaree fakkeenya dubbate. Balaa qabeenya hawwuun qabu ilaalchisee, gorsa kam irra deebiʼe?
BOQONNAA 78
Bulchaa Manaa Amanama, Qophaaʼaa Taʼi!
Yesuus barattoonni isaa karaa hafuuraa fayyaa akka taʼan akka barbaadu argisiise. Bulchaan manaa, akka isaan karaa hafuuraa fayyaa taʼan gochuu irratti gaʼee akkamii qaba? Gorsi qophaaʼoo taʼaa jedhu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
BOQONNAA 79
Badiisni Isaanitti Dhufuuf Kan Jedhu Maaliifi?
Yesuus namoonni inni gargaaruuf yaalaa jiru yaada geddarachuu baannaan badiisni akka isaanitti dhufu dubbate. Hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban ilaalchisee barumsa barbaachisaa Yesuus isaan barsiisuuf yaalaa jiru ni fudhatuu laata?
BOQONNAA 80
Tiksee Gaarii fi Gola Hoolotaa
Fakkeenyi walitti dhufeenya tiksee fi hoolota gidduu jiru ibsu, miira Yesuus barattoota isaatiif qabu sirriitti ibsa. Barumsa isaa hubatanii isa hordofuu laata?
BOQONNAA 81
Yesuusii fi Abbaan Tokko Kan Taʼan Karaa Kamiini?
Mormitoonni Yesuus tokko tokko Yesuus Waaqayyoo wajjin qixxee akka of godhe dubbatan. Mormii isaanii karaa amansiisaa taʼeen kan fashaleesse akkamitti?
BOQONNAA 82
Tajaajila Yesuus Peeriyaatti Raawwate
Yesuus, namoonni fayyina argachuuf maal gochuu akka qaban dhaggeeffattoota isaatti hime. Gorsi isaa yeroo sanatti baayʼee barbaachisaa ture. Harʼa hoo?
BOQONNAA 83
Afeerraa Nyaataa
Yesuus mana Fariisii tokkootti nyaata afeeramee utuu jiruu, waaʼee afeerraa irbaataa guddaa taʼe tokkoo fakkeenya dubbate. Namoota Waaqayyoo hundaaf barumsa barbaachisaa dabarse. Barumsi kun maali dha?
BOQONNAA 84
Barataa Taʼuun Hammam Ulfaataa Dha?
Barataa Kiristoos taʼuun itti gaafatamummaa ulfaataa dha. Yesuus barataa taʼuun maal akka gaafatu ifatti dubbate. Warri barattoota isaa taʼuu barbaadan tokko tokko wanti inni jedhe isaan naasise.
BOQONNAA 85
Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu
Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yesuus namoota kaanii wajjin hariiroo qabaachuu isaatti isa ceephaʼan. Yesuus immoo ilaalcha Waaqayyo cubbamootaaf qabu ibsuuf fakkeenyatti fayyadame.
BOQONNAA 86
Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbate irraa barumsa akkamii arganna?
BOQONNAA 87
Ogummaadhaan Dursanii Karoorfachuu
Yesuus fakkeenya waaʼee bulchaa manaa haxxee taʼee fi amanamaa hin taane tokkoo dubbachuudhaan dhugaa nama ajaaʼibsiisu barsiise.
BOQONNAA 88
Haalli Namicha Sooressaa fi Alaazaar Ni Jijjiirame
Fakkeenya Yesuus hubachuuf, namoonni fakkeenyicha keessatti caqasaman lamaan eenyuun akka argisiisan hubachuun baayʼee barbaachisaa dha.
BOQONNAA 89
Gara Yihudaa Utuu Deemuu Peeriyaatti Barsiise
Yesuus amala namoota irra deddeebiʼanii nu gaddisiisaniif illee dhiifama gochuuf nu gargaaru ibse.
BOQONNAA 90
‘Duʼaa Kaʼuu fi Jireenya’
Yesuus warri isatti amanan ‘matumaa akka hin duune’ yeroo dubbatu maal jechuu isaa ti?
BOQONNAA 91
Alaazaar Duʼaa Kaafame
Duʼaa kaʼuu Alaazaarii wajjin haala wal qabateen wantoonni raawwataman lama, mormitoonni Yesuus dinqii kana haaluu akka hin dandeenye godhaniiru.
BOQONNAA 92
Namichi Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Galata Qabeessa Taʼuu Isaa Argisiise
Namichi fayyifame Yesuusiin qofa utuu hin taʼin qaama biraas galateeffateera.
BOQONNAA 94
Wantoota Baayʼee Barbaachisan Lama—Kadhannaa fi Gad Of Qabuu
Yesuus fakkeenya abbaa seeraa jalʼaa fi dubartii abbaan manaa irraa duʼee dubbachuudhaan waaʼee amala barbaachisaa taʼe tokkoo barsiise.
BOQONNAA 95
Waaʼee Wal Hiikuu fi Ijoollee Jaallachuu Barsiise
Yesuus ijoolleedhaaf ilaalcha barattoota isaa irraa adda taʼe qaba. Maaliif?
BOQONNAA 96
Yesuus Gaggeessaa Sooressaa fi Dargaggeessa Taʼeef Deebii Kenne
Yesuus namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata kan jedhe maaliifi?
BOQONNAA 97
Fakkeenya Namoota Maasii Wayinii Keessa Hojjetanii
Warri duraa warra boodaa, warri boodaa immoo warra duraa kan taʼan akkamitti?
BOQONNAA 98
Ergamoonni Ammas Iddoo Guddaa Argachuu Barbaadan
Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo guddaa argachuuf gaafatan, miirri akkasii kan itti dhagaʼame garuu isaan qofa miti.
BOQONNAA 99
Yesuus Qaro Dhabeeyyii Fayyise, Akkasumas Zakkewoosiin Gargaare
Seenaa Macaafa Qulqulluu Yesuus naannoo Yerikootti nama qaro dhabeessa akka fayyise dubbatuu fi kan wal faallessan fakkaatan wal simsiisuun kan dandaʼamu akkamitti?
BOQONNAA 100
Fakkeenya Inni Waaʼee Miinaa Kudhanii Dubbate
Yesuus, “Ani isiniin nan jedha, isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu illee irraa fudhatama” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?
KUTAA 6
Tajaajila Yesuus Isa Xumuraa
BOQONNAA 101
Afeerraa Bitaaniyaatti Mana Simoonitti Qophaaʼe
Maariyaam obboleettiin Alaazaar wanta mormii kaase tokko goote; Yesuus garuu ishii deggere.
BOQONNAA 102
Mootichi Ilmoo Harree Irra Taaʼee Yerusaalemiin Seene
Raajiin waggaa dhibba shan dura dubbatame akka raawwatamu godhe.
BOQONNAA 103
Manni Qulqullummaa Ammas Ni Qulqulleeffame
Daldaltoonni Yerusaalem daldalaa sirrii raawwachaa akka jiran kan yaadan taʼus, Yesuus saamtota jedhee kan isaan waame maaliifi?
BOQONNAA 104
Yihudoonni Sagalee Waaqayyoo Dhagaʼan—Isatti Ni Amanuu Laata?
Yesuusitti amanuu fi amantii kana hojiidhaan argisiisuu gidduu garaa garummaan jiraa?
BOQONNAA 105
Muka Harbuutti Fayyadamee Waaʼee Amantii Barsiise
Yesuus humna amantiin qabuu fi sababii Waaqayyo saba Israaʼel itti dhiisaa jiru barattoota isaa barsiise.
BOQONNAA 106
Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama
Waaʼee namicha maasii wayinii isaa keessa akka hojjetan ilmaan isaa gaafatee fi waaʼee namicha maasii wayinii isaa qonnaan bultoota hamoota taʼanitti kireessee baradhu.
BOQONNAA 107
Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame
Fakkeenyi Yesuus dubbate raajii dha.
BOQONNAA 108
Yesuus Yaalii Kiyyootti Isa Galchuuf Taasifame Fashaleesse
Jalqaba Fariisota, achiis Saduuqota dhuma irratti immoo mormitoota isaa tokkummaa uumanii isatti dhufan afaan qabsiise.
BOQONNAA 109
Mormitoota Isaa Balaaleffate
Yesuus garaa garummaa amantii gidduu jiru callisee kan hin ilaalle maaliifi?
BOQONNAA 110
Guyyaa Xumuraa Yesuus Mana Qulqullummaatti Dabarse
Yesuus wanta dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe gootetti fayyadamee barumsa guddaa tokko barsiise.
BOQONNAA 111
Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan
Raajii Yesuus dubbate jaarraa tokkoffaatti raawwii isa jalqabaa argateera. Gara fuulduraatti hoo raawwii guddaa ni qabaataa?
BOQONNAA 112
Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname
Yesuus barattoonni isaa walakkaan gowwoota walakkaan isaanii immoo abshaala akka taʼan barsiisee?
BOQONNAA 113
Taalaantii—Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname
Fakkeenyi Yesuus dubbate, yaada inni “Isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama” jechuudhaan dubbate ifa taasisa.
BOQONNAA 114
Kiristoos Yommuu Dhufu Hoolotaa Fi Reʼootatti Murteessa
Yesuus fakkeenya adda taʼetti fayyadamee wanta murtii bara baraatiif buʼuura taʼu dubbate.
BOQONNAA 115
Faasikaan Yesuus Yeroo Xumuraatiif Kabaju Ni Dhihaate
Geggeessitoonni amantii Yihudaan Yesuusiin dabarsee yoo isaanitti kenne qarshii meetii 30 isaaf kennuuf walii galuun isaanii maal kan argisiisu dha?
BOQONNAA 116
Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise
Hojii garbicha tokkoo hojjechuudhaan barattoota isaa dinqisiise.
BOQONNAA 117
Irbaata Gooftaa
Yesuus yaadannoo duuka buutonni isaa waggaa waggaadhaan gaafa Niisaan 14 kabajuu qaban hundeesse.
BOQONNAA 118
Hunda Irra Kan Caalu Eenyu Akka Taʼe Ilaalchisee Falmiitu Kaʼe
Ergamoonni barumsa Yesuus galgala sana isaan barsiise irraanfataniiru.
BOQONNAA 119
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus Waaqayyotti dhihaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barumsa guddaa kenne.
BOQONNAA 120
Akka Dameewwaniitti Firii Godhachuu Fi Michuu Yesuus Taʼuu
Barattoonni Yesuus ‘firii kan godhatan’ akkamitti?
BOQONNAA 121
“Jabaadhaa! Ani Addunyaa Moʼeera”
Addunyaan erga isa ajjeesee, Yesuus addunyaa kan moʼe akkamitti?
BOQONNAA 122
Kadhannaa Xumuraa Yesuus Kutaa Fooqii Irraa Keessatti Dhiheesse
Wanta namootaaf fayyina argamsiisuu caalaa barbaachisaa taʼe akka raawwate ifa taasise.
BOQONNAA 123
Baayʼee Gaddee Utuu Jiruu Kadhate
Yesuus, “xoofoo kana ana irraa fageessi” jedhee kan kadhate maaliifi? Gaʼee furii taʼee duʼuudhaan qabu irraa baqachuu barbaadee tii?
BOQONNAA 124
Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame
Halkan walakkaa taʼus Yihudaan Yesuusiin argachuu dandaʼeera.
BOQONNAA 125
Yesuus Haannaasitti, Achii Immoo Qayyaafaatti Geeffame
Dhaddachi Yesuusiin ilaalchisee taaʼame seera kan cabse dha.
BOQONNAA 126
Mana Qayyaafaatti Ganame
Pheexiros inni Waaqayyoof bulee fi nama amantii taʼe Yesuusiin ganuu kan dandaʼe akkamitti?
BOQONNAA 127
Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate
Geggeessitoonni amantii kaayyoon isaanii inni dhugaan ni saaxilame.
BOQONNAA 128
Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne
Philaaxos murtiidhaaf Yesuusiin gara Heroodisitti kan erge maaliifi? Philaaxos Yesuusitti murteessuuf aangoo hin qabuu?
BOQONNAA 129
Philaaxos, “Namichi Kunoo Ti!” Jedhe
Philaaxos illee amala dinqisiisaa Yesuus argisiise ajaaʼibsiifateera.
BOQONNAA 130
Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname
Yesuus dubartoonni booʼan isaaf utuu hin taʼin ofii isaanii fi ijoollee isaaniitiif akka booʼan kan isaanitti hime maaliifi?
BOQONNAA 131
Mootiin Balleessaa Hin Qabne Muka Irratti Dhiphate
Yesuus yakkamaa isaa wajjin ajjeefameef waadaa dinqisiisaa taʼe gale.
BOQONNAA 132
“Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”
Guyyaadhaan dukkanaaʼuun isaa, kirkirri lafaa fi golgaan mana qulqullummaa bakka lamatti tarsaʼuun isaa wanta tokko mirkaneessa.
BOQONNAA 133
Yesuus Ni Awwaalame
Aduun lixuu ishii dura ariitiidhaan Yesuusiin kan awwaalan maaliifi?
BOQONNAA 134
Bakka Awwaalaa Duwwaa—Yesuus Duʼaa Kaʼe!
Yesuus duʼaa erga kaafamee booda jalqaba ergamoota isaatti utuu hin taʼin, dubartii barattuu isaa taatetti mulʼate.
BOQONNAA 135
Yesuus Inni Duʼaa Kaafame Namoota Hedduutti Mulʼate
Yesuus duʼaa akka kaʼe barattoota isaatiif kan mirkaneesse akkamitti?
BOQONNAA 136
Qarqara Galaana Galiilaatti
Pheexiros karaawwan Yesuusiin akka jaallatu itti argisiisuu dandaʼu ilaalchisee siʼa sadii qajeelfamni isaaf kenname.
BOQONNAA 137
Phenxeqosxee Dura Namoonni Hedduun Isa Argan
Yesuus erga duʼaa kaafamee fi gara samii deemuu isaa dura barattoonni isaa maal akka argatanii fi akkamitti itti fayyadamuu akka qaban isaanitti hime.
BOQONNAA 138
Kiristoos Mirga Waaqayyoo Taaʼe
Yesuus diinota isaa irratti yeroo itti tarkaanfii fudhatu yommuu eegutti maal godha?
BOQONNAA 139
Yesuus Jannata Deebisee Fiduudhaan Hojii Isaaf Kenname Xumura
Mootummicha deebisee Waaqa isaa fi Abbaa isaatti hamma kennutti wanta raawwatu hedduu qaba.
Fakkeenya Yesuus Hordofuuf Amalawwan Armaan Gadii Argisiisi
Yesuus guutummaa jireenya isaa keessatti amalawwan saddeet argisiiseera.
Baafata Caqasaa
Wangeelota keessaa bakka caqasoonni kitaaba kana keessatti itti ibsaman argachuuf baafata kanatti fayyadami.
Baafata Fakkeenyotaa
Bakka fakkeenyonni kun itti ibsaman kitaaba kana keessaa barbaadi.
Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman Tokko Tokko
Wantoota jireenya Yesuus keessatti raawwataman, raajiiwwan inni Masiihicha taʼuu isaa mirkaneessanii fi boqonnaawwan yaadawwan kun itti ibsaman ilaali.
Iddoowwan Yesuus Jiraatee Fi Itti Barsiise
Kaartaan kun bakka Yesuus tajaajila isaa itti raawwate argisiisa