Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman bulchiinsa Waaqayyoo isa hirʼina hin qabne keessatti jireenya gammachiisaafi amansiisaa taʼe argataniiru. Lammii Mootummaa kanaa taʼuu ni barbaaddaa?
Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
Beeksisni Chaarlis Teez Raasil Onkoloolessa 2, 1914tti beeksise dhugaa taʼuunsaa kan mirkaneeffame akkamitti?
BOQONNAA 1
“Mootummaan Kee Haa Dhufu”
Yesus wanta kamiyyuu caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiiseera. Mootummaan kun akkamittiifi yoom dhufa?
BOQONNAA 2
Mootummaan Waaqayyoo Samiirratti Dhalate
Duuka buutonni Kiristos Mootummichaaf akka qophaaʼan kan gargaare eenyudha? Wantoonni Mootummichi bulchiinsa dhugaa taʼuusaa argisiisan maalfaʼi?
BOQONNAA 3
Yihowaan Kaayyoosaa Ibse
Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa Mootummaa Masiihichaa kan dabalatu turee? Yesus waaʼee Mootummichaa caalaatti kan ibse akkamitti?
BOQONNAA 4
Yihowaan Maqaasaa Ol Ol Godha
Maqaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen Mootummichi maal raawwateera? Dhuunfaatti maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti gaʼee qabaachuu kan dandeessu akkamitti?
BOQONNAA 5
Mootichi Waaʼee Mootummichaa Ibse
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, waaʼee bulchitootasaa, waaʼee namoota isa jalatti bulaniifi amanamaa taʼuun maalfaa akka dabalatu hubadhu.
BOQONNAA 6
Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of Dhiheessan
Yesus guyyoota gara dhumaatti namoota hedduu fedhiidhaan lallaban akka qabaatu amanannaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Jireenyakee keessatti Mootummichaaf dursa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
BOQONNAA 7
Mala ittiin lallabnu—Mala Namootaaf Lallabuuf Gargaaru Hundatti Fayyadamuu
Mala haaraa sabni Waaqayyoo dhumni dhufuusaa dura namoota hedduudhaaf misiraachicha ittiin lallaban baradhu.
BOQONNAA 8
Meeshaalee Lallabaa—Namoota Addunyaa Maratti Argamaniif Barreeffamoota Qopheessuu
Hojiin hiikkaa keenya deggersa Yesus akka qabnu kan mirkaneessu akkamitti? Barreeffamoota keenya ilaalchisee wantoonni Mootummichi dhugumaan akka jiru siif mirkaneessan maalfaʼi?
BOQONNAA 9
Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’
Yesus midhaan hafuuraa haamuu isa guddaa ilaalchisee duuka buutotasaa barumsa barbaachisaa lama barsiise. Barumsawwan kun yeroo harʼaatti kan nu ilaallatan akkamitti?
BOQONNAA 10
Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni Qulleessa
Wanti Ayyaana Qilleefi fannoo wal fakkeessu maalidha?
BOQONNAA 11
Gama Amalaatiin Qulleessuu—Qulqullina Waaqayyoo Calaqqisiisuu
Manni eegdotaafi balbaloonni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge bara 1914 kaasee saba Waaqayyootiif hiika addaa qabu.
BOQONNAA 12
‘Waaqa Nagaa Kennu’ Tajaajiluuf Gurmaaʼuu
Macaafni qulqulluun sabrii dhabuu sabrii qabaachuu wajjin utuu hin taʼin, nagaa wajjin walbira qabee ibse. Maaliif ? Deebiin gaaffii kanaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran kan tuqu akkamitti?
BOQONNAA 13
Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan
Abbootiin seeraa yeroo harʼaa jiran tokko tokko ilaalcha Gamaaliʼel isa barsiisaa Seeraa beekamaa taʼee wajjin wal fakkaatu akka qaban argisiisaniiru.
BOQONNAA 14
Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu
Ariʼatamni akka ‘bishaaniitti’ Dhugaa Baatota Yihowaa, dhimma siyaasaa keessa hin seennerratti dhangalaʼe qaama hin beekamne tokkoon liqimfameera.
BOQONNAA 15
Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu
Sabni Waaqayyoo, mirgi Mootummaa Waaqayyootiif abboomamuuf qaban akka isaaniif eegamu gochuuf qabsaaʼaniiru.
BOQONNAA 16
Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu
Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
BOQONNAA 17
Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu
Manneen barnootaa tiʼookraasii tajaajiltoonni Mootummichaa itti gaafatamummaa isaaniif kenname akka raawwatan kan isaan qopheessan akkamitti?
BOQONNAA 18
Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?
Qarshiin hojii Mootummichaaf oolu eessaa argama? Hojiirra kan ooluhoo akkamitti?
BOQONNAA 19
Hojii Ijaarsaa Yihowaaf Ulfina Fidu
Bakki waaqeffannaa Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼus, Yihowaan hunda caalaa iddoo guddaa kan kennu wantoota kanaaf miti.
BOQONNAA 20
Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa
Hojiin gargaarsaa tajaajila qulqulluu Yihowaaf dhiheessinu keessaa isa tokko akka taʼe akkamitti beekna?
BOQONNAA 21
Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa
Ammumaa kaastee waraana Armaagedooniif qophaaʼuu ni dandeessa.
BOQONNAA 22
Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafarratti Akka Raawwatamu Godha
Abdiiwwan Yihowaan kenne dhugumaan akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?