Ekeraan Namoota Duʼanii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Dandaʼuu? Dhugumaanoo Jiruu?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota duʼanii dhugumaan maal barsiisa? Si gargaaruu ykn si miidhuu ni dandaʼuu?

Introduction

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman namoonni duʼan gara addunyaa hafuuraatti ceʼuudhaan jireenya namoota lafa irra jiranii hubachuu fi dhiibbaa irratti gochuu dandaʼu jedhanii amanu. Kun dhugaadhaa?

Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti

Dubbiin Waaqayyo nama jalqabaatti jechuunis Addaamitti dubbate haala namoonni duʼan keessatti argaman hubachuuf nu gargaara.

Uumamawwan Hafuuraa Miliyoonaan Lakkaaʼaman

Daaniʼel raajichi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin qaamawwan hafuuraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman abjuudhaan argeera.

Fincila Samii Irratti Kaʼe

Maleekonni muraasni hamoo taʼuun isaanii ilmaan namootaa irratti badiisa guddaa geessise.

Hafuuronni Hamoon Nama Ajjeesu!

Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu fi muuxannoowwan bara kanaa isaan gara jabeeyyii fi balaa kan geessisan taʼuu isaanii argisiisu.

Hafuuronni Hamoon Warri Duʼan Lubbuudhaan Jiru Jedhanii Sobaan Dubbatu

Hafuuronni hamoon ilmaan namootaa hedduu dogoggorsuudhaan milkaaʼaniiru; taʼus Kitaabni Qulqulluun gowwoomsaa isaanii ni saaxila.

Hafuuronni Hamoon Waaqayyo Irratti Kaʼuu Jajjabeessu

Akkana gochuudhaafis haxxummaadhaan miira namootaatti fayyadama.

Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin

Filannoo sirrii akka goote wanti argisiisu maali dha?

Abdii Dinqisiisaa Fuulduratti Dhufu

Seexannii fi hafuuronni hamoon yeroo dhihoo booda ilmaan namootaa hin dogoggorsan. Sana booda Yihowaan ilmaan namootaatiif eebba hedduu ni fida.

Lafa Jannata Taate

Yihowaan wanta hamaa Seexanni raawwate hundumaa erga balleessee booda haala akkamiitu uumama?