Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

2 Ximotewos 1:7—“Waaqayyo . . . Hafuura Sodaa Nuuf hin Kennine”

2 Ximotewos 1:7—“Waaqayyo . . . Hafuura Sodaa Nuuf hin Kennine”

 “Sababiin isaas, Waaqayyo hafuura humnaa, hafuura jaalalaa fi hafuura sammuu fayyaa malee hafuura sodaa nuuf hin kennine.”—2 Ximotewos 1:7, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.”—2 Ximotewos 1:7, Hiika Bara 1997.

Hiika 2 Ximotewos 1:7

 Waaqayyo namni tokko wanta sirrii ta’e akka raawwatuuf ija jabina isaaf kennuu danda’a. Waaqayyo eenyu illee ‘sodaaf’ akka harka kennu hin barbaadu. Sodaan sirrii hin taane akkasii namni tokko wanta Waaqayyoon gammachiisu akka hin raawwanne isa godha.

 Amalawwan caqasa kana keessatti ibsamanii fi Waaqayyo biraa argaman akkasumas hafuura sodaa mo’uuf nu gargaaran sadii haa ilaallu.

 “Humna.” Kiristiyaanonni diinonni hamoonii fi haalawwan rakkisoo hedduun yeroo isaan mudatanitti ija jabinaan Waaqayyoon tajaajiluu danda’aniiru. Sodaachuudhaan duubatti hin deebine. (2 Qorontos 11:23-27) Kana gochuu kan danda’an akkamitti? Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.” (Filiphisiyus 4:13) Waaqayyo tajaajiltoonni isaa rakkina akkamii iyyuu akka mo’aniif ‘humna humna caalu’ isaaniif kennuu ni danda’a.—2 Qorontos 4:7.

 “Jaalala.” Jaalalli guddaan Kiristiyaanni wanta sirrii ta’e akka deggaru isa gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko namootaaf jaalala qabaachuun isaa mormiin ykn balaan yommuu isa irra ga’utti illee fedhii ofii isaa caalaa kan warra kaanii akka dursu isa kakaasa.—Yohaannis 13:34; 15:13.

 “Sammuu fayyaa.” Kitaaba Qulqulluu keessatti yaadni sammuu fayyaa jedhu dandeettii Kiristiyaanni tokko Kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’ee murtoo ogummaa irratti hunda’e gochuuf qabu argisiisa. Namni sammuu fayyaa qabu tokko rakkoowwan yommuu isa mudatanitti illee tasgabbaa’ee sirriitti yaaduu kan danda’a. Hariiroo inni Waaqayyoo wajjin qabu ilaalcha warra kaanii caalaa bakka guddaa akka qabu waan beekuuf, murtoo Waaqayyoon gammachiisuu gochuu danda’a.

Yaada naannoo 2 Ximotewos 1:7

 Kitaaba Ximotewos Lammaffaa kan barreesse Phaawulos ergamaa dha. Kan barreesses Ximotewos michuu isaa jaallatamaa fi isa wajjin hojjetuufi ture. Phaawulos xalayaa kana irratti, Ximotewos inni dargaggeessa ture tajaajila isaatti jabaatee akka itti fufu baay’ee isa jajjabeesseera. (2 Ximotewos 1:1, 2) Tarii Ximotewos hamma tokko ija laafessa waan ta’eef, kun sochii gumii Kiristiyaanaa keessatti gochuu danda’u irraa duubatti akka jedhu isa gochuu danda’a. (1 Ximotewos 4:12) Haa ta’u malee, Ximotewos kennaa, jechuunis itti gaafatamummaan tajaajilaa addaa gumii Kiristiyaanaa keessatti akka isaaf kenname Phaawulos isa yaadachiiseera. Ximotewos itti gaafatamummaa ilaaltuu ol aanaa ta’uudhaan argate yommuu raawwatu, misiraachicha yommuu lallabuu fi sababa amantii isaatiin yommuu rakkinni isa irra ga’utti aangoo isaatti fayyadamuu akka hin sodaanne isa jajjabeesseera.—2 Ximotewos 1:6-8.

 Ergaan kun jalqaba irratti Ximotewosiif kan barreeffame ta’us namoonni yeroo har’aatti Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan hundi rakkinni akkamii isaan mudatu illee Waaqayyo gargaarsa barbaachisu akka isaaniif godhu kan mirkaneessu dha.