Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Galaatiyaa 6:9—“Kottaa Wanta Gaarii Taʼe Gochuutti hin Laafnu”

Galaatiyaa 6:9—“Kottaa Wanta Gaarii Taʼe Gochuutti hin Laafnu”

 “Yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.”—Galaatiyaa 6:9, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu!”—Galaatiyaa 6:9, Hiika Bara 1997.

Hiika Galaatiyaa 6:9

 Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni wanta akka ilaalcha Waaqayyootti gaarii taʼe hojjechuu isaanii akka itti fufan jajjabeesseera. Akkas yoo godhan immoo, Waaqayyo akka isaan kiisu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.

 “Kottaa . . . hin laafnu!” Himni kun “humna utuu hin dhabin” jedhamees ibsamuu dandaʼa. Jecha afaan jalqabaa ittiin barreeffameen yaada abdii kutachuu ykn hinaaffaa dhabuu jedhamees hiikamuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan ofii isaas itti dabaluudhaan yeroo tokko tokko miira abdii kutachuu isatti dhagaʼamuu wajjin qabsoo akka godhu ifatti dubbateera.—Roomaa 7:21-24.

 “Wanta gaarii” kan jedhame wantoota Kiristiyaanni tokko tajaajila Waaqayyoo keessatti raawwatu hunda kan of keessatti qabatedha. Kunis hojiiwwan namni tokko namoota hidhata amantii isaa fi namoota kan biroo gargaaruuf jecha raawwatu kan dabalatudha.—Galaatiyaa 6:10.

 “Yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu [ni haammanna].” Phaawulos akkuma qonnaan bulaan tokko midhaan isaa guddachuuf yeroo isa gaafatu, buʼaawwan wanta gaarii hojjechuun argamsiisu arguun yeroo akka gaafatu namoota dubbisan yaadachiisaa jira. Phaawulos waaʼee haamaa caqasuudhaan dhugaa buʼuuraa lakkoofsa 7 irratti, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedhamee wajjin wal qabsiisee ibseera. Karaa biraatiin, Kiristiyaanni tokko wanta ija Waaqayyoo duratti gaarii taʼe yoo raawwate jireenya bara baraa dabalatee badhaasa guddaa haammata.—Roomaa 2:6, 7; Galaatiyaa 6:8.

Yaada naannoo Galaatiyaa 6:9​tti argamu

 Phaawulos ergamaan xalayaa kana kan barreesse, Kiristiyaanota naannoo bara 50-52​tti Galaatiyaa keessa jiraachaa turaniif ture. Xalayaa kana kan isaaniif barreesse dhiibbaa namoota Kiristiyaana ofiin jedhan, garuu immoo dhugaa waaʼee Yesuus karaa dogoggoraatiin barsiisan irraa akka fagaatan eeguufidha. (Galaatiyaa 1:6, 7) Barsiisonni sobaa kun Kiristiyaanonni Seera bara duriitti Waaqayyoo karaa Musee saba Israaʼeliif kenneef ajajamuu qabu jedhanii falmu turan. (Galaatiyaa 2:15, 16) Phaawulos Seerichi kaayyoo isaa akka raawwatee fi tajaajiltoonni Waaqayyoo Seera kanaaf ajajamuun akka isaan hin barbaachisne ibseera.—Roomaa 10:4; Galaatiyaa 3:23-25.

 Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan “wanta gaarii hojjechuu” isaanii akka itti fufan yommuu jajjabeessu, Seera Museetiif ajajamuu akka qaban dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, wanta Yesuus warra kaaniif gaarii akka hojjetan barsiise dabalatee, ‘seera Kiristoos akka raawwatan’ isaan jajjabeessaa ture.—Galaatiyaa 6:2; Maatewos 7:12; Yohaannis 13:34.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Galaatiyaa gabaabsee ibsu kana ilaali.