Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Filiphisiyus 4:13—“Jabina Gooftaan Anaaf Kennuun Waan Hundumaa Gochuu Nan Dandaʼa”

Filiphisiyus 4:13—“Jabina Gooftaan Anaaf Kennuun Waan Hundumaa Gochuu Nan Dandaʼa”

 “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—Filiphisiyus 4:13, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan dandaʼa.”—Filiphisiyus 4:13, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Filiphisiyus 4:13

 Yaada Phaawulos Ergamaan barreesse kun, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan fedha isaa raawwachuuf humna akka argatan kan mirkaneessudha.

 Hiikni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Phaawulosiif humna kan kennu Kiristoos akka taʼe dubbata. Haataʼu malee “Kiristoos” kan jedhu Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii harkaan barreeffame keessa hin jiru. Kanaafuu hiikni hammayyaa hedduun “Karaa isa humna naaf kennu” (Hiika Addunyaa Haaraa), “isa humna naaf kennu” (Niiwu Intarnaashinaal Varzyiniitti) fi “isa madda jabinaa naaf taʼe” (Niiwu Ameerikaan Baayibil). Kanaafuu Phaawulos yommuu akkas jedhu eenyuun sammuutti qabateeti?

 Yaadni naannoo isaa jiru Phaawulos Waaqayyoon jechuu isaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. (Filiphisiyus 4:6, 7, 10) Xalayaa kana irratti dursee warra Filiphisiiyusiin: “Waaqayyo . . . humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa” jedheera. (Filiphisiyus 2:13). Kana malees 2 Qorontos 4:7 irratti tajaajila isaa akka raawwatuuf humna kan isaaf kenne Waaqayyoo akka taʼe dubbateera. (2 Ximotewos 1:8 wajjin wal bira qabi ilaali) Kanaafuu Phaawulos “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin” yommuu jedhu Waaqayyoon argisiisuufi jenne fudhachuuf sababii gaʼaa qabna.

 Phaawulos, “Waan hundumaatiif” jabina akka argatu yommuu dubbatu maal jechuu isaa ture? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti haalawwan garaagaraa yommuu fedha Waaqayyo raawwatu isa mudatan jechuu isaa ture. Qabeenyi qabu muraasas taʼe hedduu Waaqayyoo akka isa kunuunsu isa amanateera. Kanaafuu Phaawulos haalli inni keessa jiru maal iyyuu yoo taʼe wanta qabutti gammadee jiraachuu barateera.— 2 Qorontos 11:23-27; Filiphisiyus 4:11.

 Yaadni Phaawulos barreesse tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis ni jajjabeessa. Waaqayyo humna qorumsa dandamachuu fi fedha isaa raawwachuuf isaan barbaachisu isaaniif ni kenna. Waaqayyo hafuura qulqulluu isaa ykn humna isaa isa hojii irra jiru akkasumas namoota amantiidhaan nutti firoomanii fi dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee humna isaaniif kennuu dandaʼa.—Luqaas 11:13; Hojii Ergamootaa 14:21, 22; Ibroota 4:12.

Yaada naannoo Filiphisiyus 4:13tti argamu

 Yaadni kun yaada xumuraa Phaawulos Kiristiyaanota warra Filiphisiiyusiif barreesse keessaa tokko dha. Xalayaa kana kan barreesse Dh.K.B bara 60-61⁠tti yommuu Roomaatti yeroo jalqabaatiif hidhamee turetti dha. Kiristiyaanonni Filiphisiiyus yeroo hammamiif akka taʼe caqasamuu baatus karaa foonii Phaawulosiin utuu hin gargaariin hafanii turan. Yeroo kanatti garuu wanta isa barbaachisu akka qabaatuuf kennaa isaaf ergaa turan.—Filiphisiyus 4:10, 14.

 Phaawulos arjummaa Kiristiyaanonni Filiphisiiyus isatti argisiisaniif garaadhaa isaan galateeffateera, akkasumas wanta isa barbaachisu akka qabu isaaniif mirkaneesseera. (Filiphisiyus 4:18) Kana malees carraa kana jireenya Kiristiyaanummaa ilaalchisee dhugaa barbaachisaa taʼee tokko isaanif hiruuf itti fayyadameera . Kiristiyaanonni hundi sooreeyyis taʼan hiyyeeyyii deggersa Yihowaatti yoo amanaman wanta qabanitti gammadanii jiraachuu ni dandaʼu .—Filiphisiyus 4:12.