CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME
Lallaba 3:11—“Inni Wanta Hundumaa Yeroo Isaatti Bareechee Tolcheera”
“Inni wanta hundumaa yeroo isaatti bareechee tolcheera. Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera; taʼus isaan hojii Waaqni dhugaan jalqabaa kaasee hamma xumuraatti hojjete matumaa hubachuu hin dandaʼan.”—Lallaba 3:11, Hiika Addunyaa Haaraa.
“Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee taʼu beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa’eera; haa taʼu iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda’u.”—Lallaba 3:11, Hiika Bara 1997.
Hiika Lallaba 3:11
“Inni wanta hundumaa yeroo isaatti bareechee tolcheera.” Jechi Afaan Ibrootaa asirratti “bareechee” jedhamee hiikame wanta bifumaan bareedaa taʼe qofa kan argisiisu miti. Akkasumas “akka gaariitti kan gurmaaʼe godhee,” “karaa ta‵uun” “sirriitti” jedhamee hiikameera. (Lallaba 3:11, miiljalee) Hojiiwwan Waaqayyo bareechee tolche wantoota inni uume qofa utuu hin taʼin wantoota inni kaayyoo isaa raawwachuuf godhe hunda kan dabalatudha.—Daaniʼel 2:21; 2 Pheexiros 3:8; Mulʼata 4:11.
“Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera.” Waaqayyo ilmaan namootaa bara baraaf akka jiraatan uume. (Faarfannaa 37:29) Kanaafuu Yihowaan garaa ilmaan namootaa keessa fedhii bara baraaf jiraachuu kaaʼeera. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan isaan irrattis taʼe maatii isaanii irratti duʼa fidan. (Uumama 3:17-19; Roomaa 5:12) Waaqayyo garuu bara baraaf jiraachuu dabalatee, ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ waadaa galeera. (Faarfannaa 145:16) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ilmaan namootaa jireenya bara baraa akka argataniif qophii akkamii akka godhe ibsa.—Roomaa 6:23.
“Hojii Waaqni dhugaan jalqabaa kaasee hamma xumuraatti hojjete matumaa hubachuu hin dandaʼan.” Ogummaan Waaqayyoo gad fagoo fi balʼaa taʼuu isaatiin kan kaʼe Kitaabni Qulqulluun, “Matumaa qoramuu hin dandaʼu” jechuudhaan dubbata. (Roomaa 11:33) Haa taʼu malee, Waaqayyo namoota isa gammachiisuu barbaadaniif kaayyoo isaa mulʼisuuf fedhii qaba.—Amos 3:7.
Yaada naannoo Lallaba 3:11tti argamu
Kitaabni Lallabaa Solomoon Mootii Israaʼel durii fi ogummaa Waaqayyo biraa argateen beekamuun barreeffame. Kitaabni Lallabaa jireenya keessatti wantoota gatii qabanii fi gatii hin qabne ilaalchisee gorsa hojiirra ooluu dandaʼu kan qabatedha. (Lallaba 1:2, 3; 2:1, 17; 7:1; 12:1, 13) Boqonnaa 3 irratti Solomoon wantoota jireenya keessatti raawwatamanii fi beekamoo taʼan ibseera. Kanneen keessaa sochiiwwan garagaraa muraasni caqasamaniiru. (Lallaba 3:1-8, 10) Waaqayyo sochiiwwan kanneen isaan irratti hirmaatan ilaalchisee ilmaan namootaatiif mirga filannaa isaaniif kenneera. (Keessa Deebii 30:19, 20; Iyaasuu 24:15) Solomoon ilmaan namootaa hojii harka isaaniitti gammaduu kan dandaʼan kaayyoo Waaqayyoo wajjin yoo waltaʼanii fi sagantaa yeroo jechuunis “yeroo isaaf murteeffame” yoo kabajan qofa akka taʼe ibseera. Solomoon wantoota kana “kennaa Waaqayyoo” jedhee waameera.—Lallaba 3:1, 12, 13.
Viidiyoo kitaaba Lallabaa gabaabsee ibsu kana ilaali.