CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME
Maarqos 11:24—“Wanta Kadhattanii fi Gaafattan Hunda Akkuma Argattanitti Amanaa”
“Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, wanta kadhattanii fi gaafattan hunda akkuma argattanitti amanaa, dhugumaan ni argattu.”—Maarqos 11:24, Hiika Addunyaa Haaraa.
“Kanaaf isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaaʼaa amanaa, isiniif taʼuufis jira!”—Maarqos 11:24, Hiika Bara 1997.
Hiika Maarqos 11:24
Yesuus yaada kana dubbachuudhaan duuka buutonni isaa humna kadhannaan qabu irratti amantaa cimaa qabaachuun isaanii baayʼee barbaachisaa akka taʼe argisiiseera. Waaqayyo kadhannaa dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis kan kennu taʼuu isaa isaaniif mirkaneesseera. Namni fedhii Waaqayyoo wajjin haala walsimuun garaadhaa kadhatu deebii akka argatu mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa. Wanta kadhate akka argate itti dhagaʼama.
Yesuus amantiidhaan kadhachuun barbaachisaa akka taʼe ibseera. Namni kadhatu tokko ‘garaa isaatti utuu hin shakkin wanti inni dubbate akka raawwatamu yoo amane, akka raawwatamuuf” ibseera. (Maarqos 11:23) Maaliif? Sababiin isaas namni shakku “Yihowaa biraa waan tokko illee nan argadha jedhee eeguu hin qabu.” a—Yaaqoob 1:5-8.
Namni amantii qabu haala adda addaa keessatti ni kadhata. (Luqaas 11:9, 10; Roomaa 12:12) Akka kanaan wanta kadhachaa jiru dhugumaan akka barbaaduu fi Waaqayyo dhugumaan kadhannaa isaatiif deebii akka kennu kan amanu taʼuusaa argisiisa. Waaqayyo, kadhannaa isaatiif karaa inni hin eegneen deebii kennuu akka dandaʼuu fi yeroo inni hin eegnetti deebisuu akka dandaʼus ni hubata.—Efesoon 3:20; Ibroota 11:6.
Haa taʼu malee, yaanni Yesuus dubbate namni kam iyyuu wanta kadhatu hundaaf Waaqayyo biraa deebii ni argata jechuu miti. Yesuus duuka buutota isaa warra namoota amantii taʼanii fi karaa Yihowaa biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuuf hanga isaaniif dandaʼame gochaa jiranitti dubbachaa jira. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan kadhannaa akka fedhii isaatti dhihaatu qofa akka dhagaʼu dubbata. (1 Yohaannis 5:14) Waaqayyo kadhannaa namoota taʼe jedhanii ulaagaalee isaa tuffatanii fi yaada geddarachuu diduudhaan wanta gadhee hojjechuu itti fufanii hin dhagaʼu. (Isaayaas 1:15; Miikiyaas 3:4; Yohaannis 9:31) Waaʼee kadhannaawwan Waaqayyo dhagaʼu caalaatti barachuuf viidiyoo gabaabaa kana ilaali.
Yaada naannoo Maarqos 11:24tti argamu
Yesuus tajaajilasaa isa lafa irraa xumuruu yeroo gaʼetti, Waaqayyo irratti amantaa cimaa qabaachuun barbaachisaa akka taʼe ergamoota isaatti himeera. Hangam barbaachisaa akka taʼe fakkeenyatti fayyadamuudhaan ibseera. Gara Yerusaalem deemaa utuu jiruu muka harbuu baala lalisaa qabdu tokko arge. Haa taʼu malee, firii hin godhanne waan tureef, Yesuus harbuu sana ni abaare. (Maarqos 11:12-14) Bifni gowwoomsaan muka sanaa saba Israaʼel durii warra Waaqayyoon kan waaqeffatan fakkaatanis, amantii akka hin qabne argisiisan kan ibsudha. (Maatewos 21:43) Mukti harbuu sun utuu hin turin goguun ishii, wanta dhiheenyatti Israaʼel ishii amantii hin qabne irra gaʼu kan argisiisudha.—Maarqos 11:19-21.
Kana irraa haala adda taʼeen Yesuus duuka buutonni isaa amantii rakkina moʼuuf isaan barbaachisu guddifachuu fi wantoota dinqisiisaa raawwachuu akka dandaʼan amantaa qaba ture. (Maarqos 11:22, 23) Duuka buutota Yesuus irra dhiheenyatti qorumsi gaʼuuf waan jiruuf, gorsi inni kadhannaa ilaalchisee kenne kun baayʼee barbaachisaa ture. Duʼa Yesuus akkasumas tajaajila isaanii ilaalchisee mormii dabalaa deemu dandaʼuu qabu. (Luqaas 24:17-20; Hojii Ergamootaa 5:17, 18, 40) Yeroo harʼaas duuka buutonni Yesuus Waaqayyo fi humna kadhannaan qabu irratti amantii qaban yeroo ibsanitti rakkoowwan isaan mudatan moʼuu qabu.—Yaaqoob 2:26.
Waaʼee kitaaba Maarqos gabaabaadhumatti hubachuudhaaf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.
a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.