CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME
Roomaa 12:2—“Yaada Garaa Keessanii Haareffachuudhaan Of Diddiiraa”
“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—Roomaa 12:2, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.
“Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin buʼinaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka taʼe gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.—Roomaa 10:13, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.
Hiika Roomaa 12:2
Namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan dhiibbaawwan gadhee taʼan irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin amalawwan isaaniis jijjiiruu qabu. Waaqayyo jijjiirama akkasii akka godhan isaan hin dirqisiisu; jijjiirama kan godhan waan isa jaallataniif, akkasumas qajeelfamoonni isaa gaarii akka taʼanii fi faayidaa akka qaban waan hubataniifi dha.—Isaayyaas 48:17.
“Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.” As irratti ibsi “sirni kun” jedhu hawaasa ilmaan namootaa ulaagaawwan, barsiifatawwanii fi amalawwan isaaniitiin qajeelfamawwan ykn yaada Waaqayyootiin hin geggeeffamne argisiisa. (1 Yohaannis 2:15-17) Sirni kun amala ykn namummaa namootaa jijjiiruuf dhiibbaa wal irraa hin cinne geessisa. Namni tokko karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachuu yoo barbaade dhiibbaa addunyaa dandamachuutu isa irra jira; kun taʼuu baannaan garuu namni kun barsiifatawwan isa miidhanii fi Waaqayyoon gaddisiisan guddifata.—Efesoon 2:1-3; 4:17-19.
“Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.” Namni tokko keessa namummaa isaa fi miira isaa irratti jijjiirama gochuu qaba. Caqasicha irratti jechi afaan Giriikii “jijjiiramaa” jedhamee hiikame abbaa coggaarree irraa gara billaachaatti jijjiiramuu kan argisiisu waan taʼeef jijjiiramni kun guddaa taʼuu isaa argisiisa. Namoonni Waaqayyoon tajaajilan “namummaa haaraa” uffachuu qabu.—Efesoon 4:23, 24; Qolosaayis 3:9, 10.
“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne [mirkaneeffadhaa].” Waaqayyo namoonni isa waaqeffatan wanta itti amanan ilaalchisee mirkanaaʼoo akka taʼan barbaada. Kana gochuun kan dandaʼamu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu, wanta inni jedhu hojii irra oolchuu fi faayidaa ulaagaawwan Waaqayyoo hordofuun qabu jireenya keenya irraa hubachuu dha. Haala kanaan karaan Waaqayyoo hunda irra akka caalu mirkaneessuun ni dandaʼama.—Faarfannaa 34:8.
Yaada naannoo Roomaa 12:2tti argamu
Roomaa boqonnaan 12 waaqeffannaa Waaqayyo duratti fudhatama qabu dhiheessuun maalfaa akka dabalatu ibsa. Waaqeffannaan Waaqayyoof dhiheessinu guutummaa jireenya keenyaa kan tuqu dha; kana malees duuchaadhaan ykn miira qofaan waaqeffachuu mannaa “dandeettii yaaduu” keenyatti fayyadamuu gaafata. (Roomaa 12:1, 3) Boqonnaa kun amalawwan gaggaarii argisiisuu, namoota kaanii wajjin walii galtee qabaachuu kan dandeenyuu fi miidhaan yeroo nu irra gaʼu deebii akkamii kennuu akka qabnu ilaalchisee gorsa gaarii nuu kenna.—Roomaa 12:9-21.