Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphaa Booda Maal Gochuun Qaba?—Kutaa 2: Amanamummaa Kee Eegii Jiraadhu

Cuuphaa Booda Maal Gochuun Qaba?—Kutaa 2: Amanamummaa Kee Eegii Jiraadhu

 Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “ Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan, wanta gaarii tokko iyyuu hin dhowwatu.” (Faarfannaa 84:11) ‘Amanamummaadhaan deddeebiʼuu’ jechuun maal jechuu dha? Kana jechuun waadaa yeroo Yihowaaf of murteessite galte eegdee jiraachaa akka jirtu argisiisuu jechuu dha. (Lallaba 5:4, 5) Erga cuuphamtee booda amanamummaadhaan deddeebiuu kan dandeessu akkamitti?

Mata duree kana keessatti

 Rakkina dandamachuu itti fufi

 Caqasa ijoo: “Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna.”—Hojii Ergamootaa 14:22.

 Hiika isaa: Kiristiyaanonni hundi jireenya isaanii keessatti rakkinni isaan mudata. Rakkinoota si mudachuu dandaʼan keessaa tokko gaʼisni ykn mormiin Kiristiyaana taʼuu keetiin si irra ga‵u. Kanneen akka rakkina qarshii ykn dhukkubaa jiran immoo ilmaan namaa hunda mudatu.

 Wanta eeguu qabdu: Yeroo tokko tokko jireenya kee keessatti karaa ati hin jaallanneen jijjiiramni si mudachuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanotas taʼe namoota Kiristiyaana hin taane irra wanti gaarii hin taane gaʼuu akka dandaʼu dubbata.—Lallaba 9:11.

 Wanta gochuu dandeessu: Rakkoowwan si mudatan waan beektuuf kana moʼuuf qophii gochuu ni dandeessa. (Yaaqoob 1:2, 3) Rakkoowwan si mudatan karaa caalaatti Yihowaatti dhihaachuudhaan amantii kee itti cimsattu godhii ilaali. Atis akkuma Phaawulos ergamaa yeroo booda miirri akkas jedhu sitti dhagaʼamuu dandaʼa: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—Filiphisiyus 4:13.

 SEENAA DHUGAA. “Akkuman cuuphameen obboloonni koo angafaa dhugaa ni dhiisan; warri koo ni dhukkubsatan; anis nan dhukkubsadhe. Kun waadaa yeroon Yihowaaf of murteesse galee fi waaqeffannaan isaa jireenya koo keessatti bakka guddaa akka qabu gale akkan dhiisuu fi salphaatti abdii kan na kutachiisu ture. Haa taʼu malee, of murteessuun koo rakkoowwan kana akkan dandaʼu na gargaareera.”—Kaaran.

 Gorsa gaarii: Waaʼee Yoseef hubadhu. Seenaa isaa Uumama boqonnaa 37 fi 39 hanga 41​tti dubbisuu dandeessa. Mee yaadi: Rakkina inni itti hin yaadne akkamiitu isa mudate? Inni maal godhe? Yihowaan Yoseefiin kan gargaare akkamitti?

 Yaada dabalataa ni barbaaddaa?

 Qorumsa dandamachuu itti fufi

 Caqasa ijoo: “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.”—Yaaqoob 1:14.

 Hiika isaa: Hundi keenya yeroo tokko tokko fedhii hin taanee fi wanta dogoggora taʼe raawwachuuf qoramuu dandeenya.

 Wanta eeguu qabdu: Erga cuuphamtee boodas taanaan ‘fedhiin foonii’ si mudachuu dandaʼa. (2 Pheexiros 2:18) Gaaʼela godhachuu kee dura illee saalqunnamtii raawwachuuf qoramuu dandeessu.

 Wanta gochuu dandeessu: Fedhiin kee wanta hin taane raawwachuutti akka si hin geessineef qorumsa keessa galuu kee dura ammuma murteessi. Yesuus, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru” jechuu isaa yaadadhu. (Maatewos 6:24) Gooftaa kamiif akka bultu filachuu dandeessa. Yihowaa filachuun kee gaarii dha. Fedhiin dogoggoraa qabdu hammam iyyuu cimaa taʼu, kanaan akka hin moʼamne filachuu dandeessa..—Galaatiyaa 5:16.

 Gorsa gaarii: Ciminaa fi dadhabina qabdu adda baasii bari. Michoota amalawwan gaarii qaban filadhu. Namoota, bakkawwanii fi haalawwan wanta gaarii hojjechuun caalaatti akka sitti ulfaatu godhan irraa fagaadhu.—Faarfannaa 26:4, 5.

 Yaada dabalataa ni barbaaddaa?

 Hinaaffaa kee jabeeffachuu itti fufi

 Caqasa ijoo: ‘Hamma dhumaatti dhimmii hojjedhu. Dhibaaʼoo akka hin taaneefi.’—Ibroota 6:11, 12.

 Hiika isaa: Namni hojii isaatiif xiyyeeffannaa hin kennine salphaadhumatti dhibaaʼaa taʼuu dandaʼa.

 Wanta eeguu qabdu: Erga cuuphamtee booda hinaaffaa guddaan sitti dhagaʼamee akka ture beekamaa dha. Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabda turte. Haa taʼu malee waan hundumaan Yihowaadhaaf yeroo hunda ajajamuun ulfaataa akka taʼe waan sitti dhagaʼameef abdii kutachaa fi hinaaffaan kee hirʼachaa deemee taʼuu dandaʼa.—Galaatiyaa 5:7.

 Wanta gochuu dandeessu: Garaan kee akka ati hin raawwanne gochuuf yaalu illee wanta sirrii taʼe hojjechuu kee itti fufi. (1 Qorontos 9:27) Caalaatti isa beekuu fi yeroo hedduu kadhannaadhaan isatti dubbachuudhaan Abbaa kee isa samiitti caalaatti dhihaadhu. Akkasumas namoota Yihowaa tajaajiluu jaallatanii wajjin caalaatti michoomuu kee itti fufi.

 Gorsa gaarii: Yihowaan akka si jaallatuu fi si gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe yaadadhu. Hinaaffaan qabdu yeroodhaaf badu illee Yihowaan akka sitti gaddu gootee hin yaadin. Kitaabni Qulqulluun, “Inni isa dadhabeef humna, warra cimina hin qabneefis jabina guutuu ni kenna” jedha. (Isaayaas 40:29) Yeroo booda Yihowaan carraaqqii hinaaffaa kee deebitee argachuuf guutu irratti si gargaara.

 Yaada dabalataa ni barbaaddaa?

 Yaada ijoo: Amanannaa kee eegdee kan jiraattu taanaan garaa Yihowaa gammachiista. (Fakkeenya 27:11) Yihowaa wajjin taʼuu waan filatteef inni ni gammada; haleellaa Seexanaa akka dandamattus wanta si barbaachisu hunda siif kenna.