GAAFFII DARGAGGOOTAA
Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 2)
Dhibeen fayyaa gosa hedduu qaba.
Namoonni tokko tokko mallattoo alaan mulʼatu kan qaban siʼa taʼu, warri kaan garuu keessa isaanitti qofa isaanitti dhagaʼama.
Dhibeewwan fayyaa tokko tokko yeroo muraasaaf turu, warri kaan garuu yeroo dheeraadhaaf itti fufu.
Dhibee fayyaa tokko tokko irraa fayyuun ykn toʼachuun ni dandaʼama, warri kaan garuu caalaatti hammaachaa adeemuu, tarii immoo lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼu.
Gosti dhibee fayyaa as irratti ibsame hundi dargaggoota ni mudata. Mata duree kana keessatti dargaggoota dhibee fayyaa akkanaa qaban afur ilaalla. Atis dhibee fayyaa qabda taanaan yaada isaan kennan irraa jajjabina argachuu dandeessa.
GENAAʼEL
Wanti hunda caalaa anatti ulfaate humni koo daangaa akka qabu amanee fudhachuu ture. Wanta hedduu hojjechuun barbaada, taʼus guyyaa guyyaadhaan haala koo wajjin wal simee jiraachuu na barbaachisa.
Dhukkuba motor-neuromuscular disorder jedhamuu fi sammuun koo gara qaama kootti sirriitti ergaa akka hin dabarsine godhun qaba. Mataa kootii jalqabee hamma quba miilaa kootti kutaan qaamaa koo gara garaa yeroo tokko tokko ni hollata ykn ni hadooda. Wantoonni sasalphaan akka sochoʼuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu fi namoota hubachuu jiran illee natti ulfaatu. Keessumaa yeroo rakkinni koo caalaatti natti ulfaatu jaarsoliin gumii koo keessa jiran anaa wajjin kadhatu. Erga isaan anaa wajjin kadhatanii booda yeruma sana tasgabbii guddaan argadha.
Qorumsi ana mudatu maal iyyuu yoo taʼe, yeroo hunda Waaqni koo Yihowaan akka na gargaaru natti dhagaʼama. Dhukkubni koo guutummaatti isa tajaajiluu akka ana dhoowwu hin barbaadu. Namoonni abdii Kitaaba Qulqulluu Yihowaan yeroo dhihoo keessatti lafa kana jannata dhiphinni keessa hin jirre akka godhu kenne akka baratan gargaaruufan dursa kenna.—Mulʼata 21:1-4.
Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Atis akkuma Genaaʼel, karaawwan kamiin namootatti gara laafina argisiisuu dandeessa?—1 Qorontos 10:24.
ZAKAARII
Yommuu umuriin koo waggaa 16 taʼu, kaansarii sammuu saffisaan babalʼatu akkan qabu qorannaadhaan barame. Doktaroonni lubbuudhaan turuu kanan dandaʼu jiʼa saddeetiif qofa akka taʼe natti himan. Yeroo sanaa kaasee lubbuudhaan turuuf yeroo hunda qabsoo gochaan jira.
Bakka xannachi sun itti argamuun kan kaʼe, yeroo ammaa qaamni koo karaa mirgaa naafa taʼeera. Adeemuu waanan hin dandeenyeef, yeroo hunda namni tokko mana keessatti na waliin taʼee asii fi achi na sochoosa.
Dhukkubni koo itti caalaa waan adeemuuf yaada koo sirriitti ibsuun akka natti ulfaatu godheera. Nama siʼaayina guddaa qabu waanan tureef, bishaan irra sigigaachuu, kubbaa qircaataa fi kubbaa harkaa taphachuun nan jaalladhan ture. Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef, tajaajila Kiristiyaanaa irratti dammaqinaanan hirmaadha ture. Wanta baayʼee jaallatan hojjechuu dadhabuun miira akkamii akka namatti uumu namoonni baayʼeen waan hubatan natti hin fakkaatu.
Yaanni Isaayaas 57:15 irra jiru Yihowaan ‘warra garaan isaanii cabee’ wajjin akka taʼuu fi akka isaan kunuunsu waan dubbatuuf na jajjabeessa. Abdiin Yihowaan Isaayaas 35:6 irratti kennes lammata deebiʼee adeemuu fi fayyaa guutuu qabaadhee isa tajaajiluu akkan dandaʼu mirkanaaʼaa na taasisa.
Yeroo tokko tokko dhukkuba koo dandaʼuun baayʼee ulfaataa taʼus, Yihowaan na gargaaraa akka jiru shakkii hin qabu. Yeroon dhiphadhu ykn lubbuu kootiif sodaadhu hundatti qaaman kadhannaadhaan itti dubbadhu tokko qaba. Wanti jaalala Yihowaa irraa addaan na baasuu dandaʼu tokko illee hin jiru.—Roomaa 8:39.
Zakaariin erga gaafannoon kun godhameefii jiʼa lama booda umurii isaa waggaa 18tti duʼaan boqoteera. Amantiin inni abdii Waaqayyo lafa jannata taatu keessatti duʼaa kaʼuu ilaalchisee kenne irratti qabu hamma dhumaatti cimaa ture.
Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Akkuma Zakaarii kadhannaan jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
ANAAYIIS
Yommuu umuriin koo guyyaa muraasa qofa turetti dhiigni sammuu koo keessatti waan dhangalaʼeef, miidhaan guutummaa qaama kootii irratti dhiibbaa geessisu na irra gaʼe, keessumaa immoo miilli koo ni naafate.
Yeroo ammaa fageenya xinnoo adeemuuf, meeshaa qabatanii ittiin deemanittan fayyadama, fagaadhee deemuuf garuu yeroo baayʼee wiilchariittan fayyadama. Kana malees akka tasaa waan na kotteessuuf, hojiiwwan akka barreessuu of eeggannoo gaafatan hojjechuun natti ulfaata.
Dhiphina haala fayyaa kootiin na irra gaʼu malees, yaaliin naaf godhamu ulfaataa dha. Hamman yaadadhutti yaaliin qaama sukkuumuudhaan kennamu torbanitti yeroo baayʼee utuu naaf hin godhamin hafee hin beeku. Yommuu umuriin koo waggaa shan turetti yaaliin baqaqsanii hodhuu cimaa taʼe kan naaf godhame siʼa taʼu sana booda al sadii naaf godhameera. Yeroon bayyanadhutti jiʼa sadiif mana irraa fagaadhee waanan tureef, keessumaa yaaliiwwaan naaf godhaman keessaa warri dhumaa lamaan baayʼee ulfaataa turan.
Maatiin koo gargaarsa guddaa naaf gochaa tureera. Isaan waliin kolfuu fi taphachuun koo yeroon baayʼee dhiphadhutti na gargaareera. Ani ofii kootiin kana gochuu waanan hin dandeenyeef, haati tiyyaa fi obboleewwan koo akkan of kunuunsu na gargaaraniiru. Kophee koomee dheeraa qabu godhachuu dadhabuun koo na gaddisiisa. Taʼus, yeroon daaʼima turetti, kophee akkanaa harka kootti kaaʼadhee ittiin daaʼimee waanan tureef, hundi keenya yommuu waaʼee kanaa yaadannu ni kolfina!
Dhukkubni koo wantan gochuu dandaʼu irratti utuu hin taʼin, wantan gochuu hin dandeenye irratti akkan xiyyeeffadhu akka na godhu hin heyyamu. Qooqa adda addaa nan baradha. Cabbii irra sigigaachuu yoon dadhabe illee, bishaan daakuu waanan dandaʼuuf, kun baayʼee na gammachiisa. Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef, amantii koo namoota kaanitti himuuf tajaajila baʼuu nan jaalladha. Namoonni yeroon ani isaan dubbisu xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffatu.
Warri koo haalli koo yeroo muraasaaf qofa akka turu ijoollummaadhaa kaasanii na barsiisaniiru. Yeroo sanaa kaasee Yihowaa fi abdii inni dhiphina koo dabalatee dhiphina hunda balleessuuf kenne irratti amantiin qabu guddifachaan jira. Kun immoo fuulduratti adeemuuf jabina naaf kenneera.—Mulʼata 21:3, 4.
Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Akkuma Anaayiis dhibeen fayyaa kee jireenya kee akka hin “toʼanne” gochuu kan dandeessu karaa kamiini?
JULIYAANAA
Dhibee cimaa autoimmune disorder jedhamuu fi onnee, sombaa fi dhiiga irratti miidhaa geessisun qaba. Dhibeen kun amma kalee koo irratti miidhaa geessiseera.
Yommuu umuriin koo waggaa kudhan turetti dhibee luupas jedhamu akkan qabu qorannoodhaan kan beekame siʼa taʼu, dhibeen kunis na dhukkubsa, na dadhabsiisa, akkasumas miira koo jijijjiira. Yeroo tokko tokko gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama.
Yeroo umuriin koo waggaa 13 turetti Dhugaa Baatuun Yihowaa takka mana keenya dhufte. Ishiinis Isaayaas 41:10 irra yaada Yihowaan, “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin. . . . Irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba” jechuudhaan dubbate naa dubbiste. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kanan jalqabe yeroo kanatti ture. Amma waggaa saddeet booda garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa kanan jiru siʼa taʼu, dhibeen koo jireenya koo akka hin toʼanne gochuufis murteesseera. Ilaalcha gaarii akkan qabaadhuuf Yihowaan ‘humna humna caalu’ akka naaf kenne natti dhagaʼama.—2 Qorontos 4:7.
Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Isaayaas 41:10 akkuma Juliyaanaa gargaare ilaalcha gaarii akka qabaattu akkamitti si gargaaruu dandaʼa?