GAAFFII DARGAGGOOTAA
Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Phaawulos ergamaan, “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jedhee barreesseera. (Roomaa 7:21) Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan matadureen kun fedhii dogoggoraa raawwachuu akka hin qoramne si gargaaruu dandaʼa.
Wanta beekuu qabdu
Yeroo baayʼee fedhiin dogoggoraa fi dhiibbaan hiriyaa walitti dhufeenya qaba. Kitaabni Qulqulluun, “hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Dhiibbaan miidiyaa ykn dhiibbaan warra kaanii, garaakee keessatti fedhii uumuudhaan dogoggora akka raawwattu, darbees, ‘waan hamaa raawwachuuf namoota hedduu duukaa akka buutu’ si taasisuu dandaʼa.—Baʼuu 23:2.
“Warri kaan akka si jaallatanii fi akka ofitti si dhiheessaniif fedhiin qabdu, fudhatama argachuuf jettee wanta warri kaan godhan kamiyyuu akka gootu si taasisuu dandaʼa.”—Jeremii.
Kanarratti yaadi: Wanti warri kaan waaʼee kee yaadan kan hedduu kan si dhiphisu yoo taʼe, fedhii dogoggoraa cimaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?—Fakkeenya 29:25.
Yaada ijoo: Dhiibbaan hiriyaa ulaagaa kee laaffisuuf akka si qoru hin heyyamin.
Wanta Gochuu Dandeessu
Wanta itti amantu beeki. Wanta itti amantu hin beektu taanaan, akka ashaangulliitii namoonni kaan toʼatanii taʼuu dandeessa. Kanaaf gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa” jedhu hordofuun baayʼee gaariidha. (1 Tasalonqee 5:21) Wanta itti amantu caalaatti hubachaa yommuu deemtu, amantii kee cimsitee hordofuu fi qorumsa gama kanaan sirra gaʼu dandamachuu dandeessa.
Kanarratti yaadi: Ulaagaaleen naamusaa Waaqayyoo akka si fayyadan kan amantu maaliifi?
“Wantan itti amanu cimsee yeroon hordofuu fi qorumsaaf harka kennuu yommuun dhiisu warri kaan caalaatti akka na kabajan hubadheera.—Kiimbarlii.
Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Daaniʼel. Daaniʼel yeroo dargaggeessa turetti, seera Waaqayyoo akka hin cabsine “garaa isaatti murteessee” ture.—Daaniʼel 1:8.
Hirʼina kee beeki. Kitaabni Qulqulluun waaʼee “hawwii dargaggummaa” ni dubbata. Hawwiin akkasii keessumaa umurii dargaggummaatti baayʼee cima. (2 Ximotewos 2:22) Kun fedhii saalqunnamtii qofa utuu hin taʼin, fedhii warra kaan biratti fudhatama argachuu fi utuu yeroonsaa hin gaʼin murtoo mataa ofii gochuu barbaaduu dabalata.
Kanarratti yaadi: Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama” jedha. (Yaaqoob 1:14) Siin caalaatti hawwii isa kamtu si qora?
“Fedhiiwwan caalaatti si moʼuu dandaʼan warra kam akka taʼan, haqaan amanii fudhadhu. Fedhiiwwan kana akkamitti akka mootu qorannaa godhi, akkasumas qabxiiwwan itti fayyadamuu dandeessu barreeffadhu. Akka kanaan kana booda qorumsi kun yeroo si mudatu akkamitti akka dandamattu beekuu dandeessa.”—Silviyaa.
Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Daawit. Yeroo tokko tokko dhiibbaa warra kaaniitiif moʼameera; fedhii ofiisaatiif yeroo itti moʼames qaba. Haataʼu malee, Daawit dogoggora isaarraa baratee wanta gaarii hojjechuuf yaaleera. “Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi, hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi” jedhee Yihowaa kadhateera.—Faarfannaa 51:10.
Fedhii kee toʼadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Hamaadhaan hin moʼamin” jedha. (Roomaa 12:21) Kana jechuun qorumsi akka si moʼu gochuu hin qabdu jechuudha. Wanta sirrii gochuuf filachuu ni dandeessa.
Kanarratti yaadi: Wanta dogoggora raawwachuuf yeroo kakaatu fedhii kee toʼachuu fi wanta sirrii raawwachuu kan dandeessu akkamitti?
“Wanta na hawwatuu fi sirrii hin taane gochuuf yeroon kakaʼu sana booda maaltu akka natti dhagaʼamuu dandaʼun yaada. Miirri gaariin natti dhagaʼamuu dandaʼaa? Tarii yeroo muraasaaf natti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo muraasa boodahoo miirri gaariin natti dhagaʼamuu dandaʼaa? Lakki, kanaa mannaa natti hammaachaa deema. Maarree, waan akkasii raawwachuun faayidaa qabaa? Lakki!”—Soofiyaa.
Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu: Phaawulos. Fedhii dogoggoraa akka qabu kan amane taʼus, fedhiisaa toʼateera. “Qaama koo haleeleen akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha” jedhee barreesseera.—1 Qorontos 9:27.
Yaada ijoo: Qorumsi yommuu si mudatu wanta gochuu qabdu kan murteessu sidha.
Wantoonni nama hawwatan yeroo muraasa qofa akka turan yaadadhu. Shamarreen waggaa 20 Meeliisaa jedhamtu, “Wantoonni yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti na hawwatan amma homaa natti hin fakkaatan” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Wantoota na qoraa turan kanarratti yaaduunkoo, wantoonni amma na hawwatanis akka darbanii fi guyyaa tokko duubatti deebiʼee yommuun yaadu miirri gaariin akka natti dhagaʼamu hubachuuf na gargaareera” jetteetti.