Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Hiriyaa Kanan hin Qabne Maaliifi?

Hiriyaa Kanan hin Qabne Maaliifi?

Suuraa hiriyoonni kee affeerraa dhiheenya kana godhame tokko irratti kaʼan intarneetii irratti ilaala jirta. Hiriyoonni kee hundi affeerraa sana irratti argamanii, yeroo baayʼee gaarii taʼe waliin dabarsaniiru. Suuraawwan sana yommuu ilaaltu ni mufatte. Ati affeerraa sana irratti hin argamne!

‘Utuu na hin affeerin kan hafan maaliifi?’ jettee gaafatte.

Gaaffiin kee garuu utuma hin turin gara gaddaatti jijjiirama. Akka ganamte sitti dhagaʼame! Hiriyummaan kee akka habaqii qilleensi bittinneesse akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Yeroo kanatti miira kophummaatiin waan liqimfamtuuf, ‘Hiriyaa kanan hin qabne maaliifi?’ jettee of gaafatta.

 Kophummaa—gaaffiiwwan

 Dhugaa ykn Soba

  1.   Hiriyoota hedduu yoo qabaatte, matumaa kophummaan sitti hin dhagaʼamu.

  2.   Weebsaayitii hawaasaa yoo fayyadamte, matumaa kophummaan sitti hin dhagaʼamu.

  3.   Ergaa barreeffamaa hedduu kan ergitu yoo taʼe, matumaa kophummaan sitti hin dhagaʼamu.

  4.   Namoota kaaniif wanta gaarii yoo goote, matumaa kophummaan sitti hin dhagaʼamu.

 Deebiin himawwan arfan kanaa sobadha.

 Maaliifi?

 Dhugaa waaʼee hiriyummaa fi kophummaa jiru

  •   Hiriyoota hedduu kan qabdu taʼullee kophummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa.

     “Waaʼeen hiriyoota koo na yaaddessa, yeroo tokko tokko garuu waaʼeen koo kan isaan yaaddessu natti hin fakkaatu. Hiriyoonni kee akka si hin jaallanne ykn akka si hin barbaanne kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, hiriyoota hedduudhaan marfamtee kan jirtu taʼus garmalee kophaa akka taate sitti dhagaʼamuu dandaʼa.”—Aan.

  •   Weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun matumaa kophummaan akka sitti hin dhagaʼamne gochuu hin dandaʼu.

     “Hariiroon namoonni tokko tokko hiriyoota isaanii wajjin qaban, wanta namoonni ashaanguliitii sassaabuu jaallatan raawwatanii wajjin walfakkaata. Ashaanguliitii hedduu qabaachuun isaanii garuu ashaanguliitiiwwan isaanii akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuu akka hin dandeenye beekamaadha. Hiriyoota intarneetii irratti wal argituu wajjin hariiroo cimaa yoo qabaachuu baatte, wanta ashaanguliitiiwwan jireenya hin qabne kana irra wayyu sii gochuu hin dandaʼan.”—Iileeyin.

  •   Ergaa barreeffamaa hedduu kan ergitu taʼullee, kophummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa.

     “Yeroo kophummaan sitti dhagaʼamu tokko tokko, hiriyoonni kee ergaa yoo si erganiiru taʼe ilaaluuf siʼa sagal bilbila kee ilaalta. Kophummaan sitti dhagaʼamaa utuma jiruu namni ergaa si erge akka hin jirre yommuu beektu, kophummaan sitti dhagaʼamu ittuma caalaa!”—Seeriinaa.

  •   Namootaaf gaarii kan gootu taʼus, kophummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa.

     “Yeroo baayʼee hiriyoota kootti arjummaa argisiisuufan carraaqqii godha; isaan garuu akka koo akka hin goone nan hubadha. Arjummaa argisiisuun koo kan na gaabbisiisu taʼuu baatus, isaan deebisanii gaarummaa natti argisiisuu dhiisuun isaanii na mufachiisa.”—Riichaardi.

 Yaada ijoo: Kophummaan ilaalcha keenyaa wajjin kan walqabatedha. Shamarreen Jaaneet jedhamtu, “Kophummaan wanta keessaa dhufudha malee, wantoota alaa irratti kan hundaaʼe miti” jetteetti.

 Hiriyaa akka hin qabnee fi kophummaan yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa?

 Qabsoo kana moʼuu kan dandeessu akkamitti?

 “Kophummaan kan namatti dhagaʼamu ofitti amanannaa waan hin qabaanneef taʼuu dandaʼa. Namoonni si jaallachuu akka hin dandeenye gootee kan yaaddu yoo taʼe, namoota kaanii wajjin hiriyummaa uumuun baayʼee sitti ulfaachuu dandaʼa.”—Jaaneet.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Galaatiyaa 5:14) Namoota kaanii wajjin michummaa gaarii uumuuf, hamma tokko ofii keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuu nu barbaachisa; kana jechuun garuu garmalee of jaallanna jechuu miti.—Galaatiyaa 6:3, 4.

 “Kophummaan akkuma cirracha yeroo irra dhaabbattu si fudhatee dhidhimaa deemudha. Kophummaa kee qofa irratti yaaduudhaan kan gadditu yoo taʼe, miira kana keessaa baʼuun caalaatti baayʼee sitti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo hundumaa waaʼee rakkina kee kan yaaddu yoo taʼe, warri kaan sitti dhihaachuu hin barbaadan; kun immoo caalaatti kophummaan akka sitti dhagaʼamu godha.”—Eeriin.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.” (1 Qorontos 13:4, 5) Garmalee ofii keenya irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, warra kaaniif garaa laafuu keenya dhiisaa deemna; namoota akkasii yoo taanemmoo, namoonni nu irraa fagaachaa deemuun isaanii waan hin oolledha. (2 Qorontos 12:15) Dhugaan isaa kanadha: Gammachuun ykn milkaaʼinni kee wanta namoonni kaan sii godhan irratti kan hundaaʼe yoo taʼe, siif milkaaʼuu dhiisuu isaatiin gadduun kee akka hin oolle hubadhu! “Namni naaf bilbiluu barbaadu tokkollee hin jiru” ykn “Namni affeerraa isaa irratti na waamuu barbaadu tokkollee hin jiru” jettee kan yaaddu yoo taʼe, gammachuun kee harka namoota kaanii irra jira jechuudha. Akkas gochuun kee namoonni kaan dhiibbaa guddaa akka sirraan geessisan heyyamaa jirta jechuu mitiiree?

 “Namoonni kophummaan isaanitti dhagaʼamu xiyyeeffannaa barbaadu; fedhii guddaa xiyyeeffannaa argachuuf qabaniin kan kaʼe, namni kamiyyuu xiyyeeffannaa yoo isaaniif kenne ni gammadu taʼa. Nama akka barbaadaman akka isaanitti dhagaʼamu godhu kamii wajjiniyyuu hiriyummaa uumuu barbaadu. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka barbaadamtu akka sitti dhagaʼamu gochuu kan barbaadan, sitti fayyadamuu waan barbaadaniif taʼuu dandaʼa. Kun immoo caalaatti kophummaan akka sitti dhagaʼamu taasisa.”—Biriiyaan.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.” (Fakkeenya 13:20) Namni baayʼee beeleʼe tokko waanuma argate kamiyyuu nyaachuu dandaʼa. Haaluma walfakkaatuun, namoonni hiriyoota hin qabne fedhii cimaa hiriyoota argachuuf qabaniin kan kaʼe namoota gaarii hin taanee wajjin hiriyummaa uumuu dandaʼu. Hiriyaa gaarii argachuu akka hin dandeenyee fi nama kamii wajjiniyyuu hiriyummaa uumuun rakkina akka hin qabne waan yaadaniif, salphaatti harka namoota isaanitti fayyadamuu barbaadan keessa buʼuu dandaʼu.

 Xumura: Hammi isaa wal haa caalu male namni hundi yerootti kophummaan isatti dhagaʼamu qaba. Kophummaan miira keenya miidhuu kan dandaʼu taʼus, kophummaan akkuma miirota keenya kaaniiti. Miirri keenya ilaalcha wanta tokkoof qabnu irratti kan hundaaʼedha, ilaalcha keenyammoo toʼachuu ni dandeenya.

 Namoota kaan irraa wanta humna isaaniitii ol taʼee hin eeginaa. Jaaneet ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Hiriyaa gaarii hamma dhumaatti sii wajjin taʼu kan siif taʼu nama hunda miti; taʼus hiriyoota garaadhaa siif yaadan argachuun kee hin oolu. Kun gaʼaadha. Kophummaan akka sitti hin dhagaʼamne si gargaara.”

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree “ Sodaa Waaʼee Hiriyummaa Sitti Dhagaʼamu Moʼuu” jedhu dubbisi. Kana malees, mata duree “Kophummaa Dandamachuu” jedhuu fi PDFtiin qophaaʼe buufadhu.