Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ilaalcha Sirrii hin Taane Qabaachuu Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Ilaalcha Sirrii hin Taane Qabaachuu Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Ofii keetiif ilaalcha akkamii qabda?

  •   Nama ilaalcha gaarii qabu

     “Hamma dandaʼametti nama gammachuu qabuu fi dafee hin aarre taʼuuf nan yaala. Yeroo hundumaa akkuma gammachuun fuula koo irraa mulʼatutti maaliifan hin jiraadhu?”—Vaalarii.

  •   Nama ilaalcha gaarii hin qabne

     “Wanti gaariin yommuu raawwatamu hundumaatti kun dhugaa taʼuu hin dandaʼu jedheen yaada.”—Rebeekaa.

  •   Nama dhugaa jiru amanee fudhatu

     “Yeroo hunda Ilaalcha gaarii qabaachuun wanti tokko yoo hin milkoofne abdii kutachuutti nama geessa; ilaalcha gaarii hin taane qabaachuun immoo gaddatti nama geessa. Dhugaa jiru amanee fudhachuun koo wanta tokkoof ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera.”—Aanaa.

 Waaʼee kanaa kaasuun maaliif barbaachise?

 Kitaabni Qulqulluun, ‘Garaa gammachuu qabuuf guyyaan hundinuu cidha’ jedha. (Fakkeenya 15:15) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni yeroo hunda ilaalcha sirrii hin taane irraa fagaatanii fi ilaalcha sirrii taʼe qabaatanii jiraatan gammadoo dha. Yeroo baayʼees michoota hedduu ni qabaatu. Kana malees, namoota yeroo hunda fuula isaanii gurraachessan wajjin eenyutu yeroo dabarsuu barbaada?

 Taʼus, namni yeroo hunda ilaalcha sirrii qabu illee jireenya isaa keessatti rakkoowwan isa mudatu. Fakkeenyaaf:

  •   Yeroo hunda oduuwwan waaʼee waraanaa, waaʼee shororkeessummaa fi waaʼee yakkaa dubbatan ni dhageessa taʼa.

  •   Maatii kee keessatti rakkoowwan si mudachuu dandaʼu.

  •   Dogoggoraa fi dadhabina kee wajjin walʼaansoo gochuun akka si barbaachisu beekamaa dha.

  •   Michuun kee tokko miira kee miidheera taʼa.

 Rakkinoota kana akkasumatti bira darbuu mannaa ykn isaan irratti xiyyeeffachuu mannaa ilaalcha madaalamaa qabaachuuf yaalii godhi. Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kee ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu irraa fagaachuu fi wantoota jireenya kee keessatti dhugumaan si mudatan kanaan utuu hin miidhamin dhugaawwan jiran amantee fudhachuuf si gargaara.

Yeroo booda wanti gaariin akka dhufu amanuudhaan rakkoowwan jireenya keessatti si mudatan moʼuu ni dandeessa

 Maal gochuu dandeessa?

  •   Dogoggora keetiif ilaalcha madaalamaa qabaadhu.

     Kitaabni Qulqulluun, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru” jedha. (Lallaba 7:20) Kan balleessituu fi dogoggora kan raawwattu taʼuun kee nama gatii hin qabne utuu hin taʼin namuma taʼuu kee argisiisa.

     Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti? Dogoggora kee sirreessuuf yaalii godhi; taʼus nama mudaa qabdu taʼuu kee hin dagatin. Dargaggeessi Kaaleb jedhamu tokko, “Dogoggorawwan koo irratti yaadaa yeroo dheeraa dabarsuu hin barbaadu; kanaa mannaa, karaan fooyyaʼiinsa itti gochuu dandaʼu hubachuuf isaan irraa barachuufan yaalii godha” jedheera.

  •   Namoota kan biroo wajjin of hin madaalchisin.

     Kitaabni Qulqulluun, “Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu” jedha. (Galaatiyaa 5:26) Suuraawwan hiriyoonni kee affeerraa ati irratti hin waamamne irratti kaʼan miidiyaa hawaasaa irraa ilaaluun kee akka aartuu fi abdii akka kutattu si gochuu dandaʼa. Kun michoonni kee gaariin diinota kee fakkaatanii akka sitti mulʼatan gochuu dandaʼa.

     Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti? Bakka namoonni itti wal gaʼan hundumaatti affeeramuu akka hin dandeenye amanii fudhadhu. Kana malees, wantoonni miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman dhugaa jiru hundumaa ibsu jechuu miti. Dargaggeessi Aleeksis jedhamu, “Yeroo baayʼee namoonni wanta jireenya isaanii keessatti gammachiisaa taʼe qofa miidiyaa hawaasaa irratti baasu; wanta baayʼee nama hin gammachiisne baayʼinaan hin baasan” jedheera.

  •   Keessumaa maatii kee keessatti nagaa kan uumtu taʼi.

     Kitaabni Qulqulluun, “Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” jedha. (Roomaa 12:18) Gocha warra kaanii guutummaatti toʼachuu hin dandeessu, wanta gootu garuu toʼachuu ni dandeessa. Nama nagaa uumu taʼuuf filachuu ni dandeessa.

     Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti? Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdu irratti akkuma gootu rakkina dabalataa uumuu mannaa maatii kee keessatti nagaan akka uumamu gochuuf murtoo godhi. Shamarreen Meliindaa jedhamtu takka akkana jetteetti: “Namni mudaa hin qabne hin jiru, hundi keenya iyyuu ammas taʼe gara fuulduraatti wal miidhuu dandeenya. Nagaa qabeeyyii taʼuu fi dhiisuuf filachuun itti gaafatamummaa keenya dha.”

  •   Amala galateeffannaa horadhu.

     Kitaabni Qulqulluun, “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:15) Kan galateeffattu taʼuun kee wanta dogoggora fakkaatu hundumaa irratti utuu hin taʼin wanta gaarii jireenya kee keessatti si mudatu irratti xiyyeeffachuuf si gargaara.

     Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti? Rakkoowwan kee amanii fudhadhu; taʼus, wantoota gaggaarii jireenya kee keessatti argatte hin dagatin. Shamarreen Rebeekaa jedhamtu takka, “Guyyaa guyyaadhaan yaadannoo koo irratti wanta gaarii taʼe tokko nan barreessa. Rakkinni kan na mudatu taʼus walumaa galatti wantoota gaggaarii fi ani irratti xiinxalu hedduu akkan qabu of yaadachiisuun barbaada” jetteetti.

  •   Michoota akkamii akka filatte yaadi.

     Kitaabni Qulqulluun, “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Namoonni ati wajjin ooltu kan nama ceephaʼan, kan nama shakkanii fi gammachuu kan hin qabne yoo taʼan, amalli isaanii kun dhiibbaa si irratti godha.

     Ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti? Michoonni kee yeroo rakkinni guddaan isaan irra gaʼu, yeroo muraasaaf gadduu fi dhiphachuu dandaʼu. Yeroo kanatti isaan deeggari, taʼus, rakkoowwan isaan mudateen kan kaʼe garmalee hin dhiphatin. Shamarreen Miishel jedhamtu, “Michoota keenya taʼuu kan qaban namoota ilaalcha sirrii hin taane qaban qofa taʼuu hin qaban. Herrega keessatti, lakkoofsa negetiivii lama yommuu walitti idaatu lakkoofsa negetiivii guddaa taʼe argatta” jetteetti.

 Waaʼee kanaa caalaatti dubbisi

 Kan jiraannu yeroo Kitaabni Qulqulluun “yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe” jedhu keessa dha. (2 Ximotewos 3:1) Addunyaa rakkinaan guutame kana keessatti ilaalcha sirrii taʼe qabaachuun rakkisaa dha. “Rakkinni Kan Baayʼate Maaliifi?” kan jedhu dubbisi.