Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Michooma moo Jaalala?—Kutaa 2: Ergaa Akkamiin Dabarsaa Jira?

Michooma moo Jaalala?—Kutaa 2: Ergaa Akkamiin Dabarsaa Jira?

 Hiriyaan kee sii wajjin haasaʼuu yommuu barbaadu isa haasofsiista. Dhiheenyaa asitti immoo michuu kee tokkoo wajjin baayʼee haasoftu. Rakkinni isaa garuu michuun kee kun saala faallaa dha. Michooma irra darbe kaayyoo biraa akka hin qabne yaadda taʼa; isattis akkasuma akka dhagaʼamu tilmaamta. Maarree kun si yaaddessuu qabaa?

 Wanta uumamuu dandaʼu

 Saala faallaa michoota godhachuun dogoggora miti. Haa taʼu malee hunda caalaa nama tokkotti baayʼee kan dhihaattu yoo taʼe hoo? Akkas taanaan namni sun walitti dhufeenyi keessan michooma irra akka darbu akka barbaaddu itti dhagaʼamuu dandaʼa.

 Atoo ergaa akkasii dabarsuu barbaaddaa? Taʼe jettee taʼuu baatus ergaa akkasii dabarsuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe mee haa ilaallu.

  •   Nama tokkoof xiyyeeffannaa guddaa kennita.

     “Miira nama kaanii toʼachuu hin dandeessan. Haa taʼu malee nama tokkoo wajjin walitti dhufeenyi keessan michooma qofa akka taʼe dubbachaa abbichaa wajjin yeroo hunda kan waliif bilbiltan taanaan bobaʼaa ibiddatti dhangalaasuu wajjin tokko dha.”Siyeeraa.

  •   Namni tokko xiyyeeffannaa siif kennuun isaa akka si gammachiise argisiifta.

     “Ergaa erguu kan jalqabe ana miti. Haa taʼu malee, intalli tokko ammaa amma ergaa yeroo naaf ergitu yeroo hunda nan deebisaafan ture. Booda garuu akka michuu qofatti akkan ishii ilaalu itti himuun baayʼee natti ulfaate.”Riichaardi.

  •   Xiyyeeffannaa nama tokkoo argachuuf yaalta.

     “Namoonni tokko tokko kolomsuu akka taphaatti ilaalu. Walitti dhufeenya jaalala irratti hundaaʼe qabaachuuf yaada utuu hin qabaatin miira namaatti taphatu. Haalli akkasii yommuu uumamu yeroo baayʼee argeera. Yoomiyyuu taanaan miirri isa kaanii miidhamuun isaa hin oolu.”Tamaaraa.

 Yaada ijoo: Yeroo baayʼee nama tokkoo wajjin haasaʼuu fi xiyyeeffannaa addaa waliif kennuun mallattoo jaalalaa dabarsa.

 Si yaaddessuu kan qabu maaliifi?

  •   Akkas gochuun nama isa kaan miidha.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa.” (Fakkeenya 13:12) Dhiirri tokko miira jaalalaa akka siif qabu yeroo hunda kan argisiisu yoo taʼe abdii akkamii qabaachuu dandeessa?

     “Namni qurxummii kiyyeessu qurxummii qabe sana kiyyoo irratti hin dhiisu. Kiyyicha gadhiisisee fudhata ykn bishaanitti gadhiisa. Michooma ilaalchisees haalli isaa wal fakkaata. Nama tokkoo wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf fedha utuu hin qabaatin ‘qalbii isaa fudhachuun’ abbicha baayʼee miidha.”Jasiikaa.

  •   Maqaa gaarii akka ati hin qabaanne godha.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.” (Filiphisiyus 2:4) Nama waaʼee mataa isaa qofa yaaduuf ilaalcha akkamii qabda? Namni akkasii warra kaan biratti maqaa akkamii qaba?

     “Dhiirri dubartoota kolomsu natti hin tolu. Gochi isaa kun erga fuudhee boodas taanaan amanamaa akka hin taane mallattoo argisiisu taʼuu dandaʼa. Miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuuf jecha warra kaan kolomsuun ofittummaa dha.”Juuliyaa.

 Yaada ijoo: Namoonni miira jaalalaa utuu hin qabaatin warra kaanitti miira jaalalaa argisiisan warra kaanis taʼe ofii isaanii miidhu.

 Wanta gochuu dandeessu

  •   Kitaabni Qulqulluun, “Dargaggoota akka obbolootaatti, .  . . dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti” akka qabnu gorsa. (1 Ximotewos 5:1, 2) Ulaagaa kanaan kan geggeeffamtu taanaan walitti dhufeenyi saala faallaa wajjin qabdu hin mancaʼu.

     “Gaaʼela godhadheera utuun taʼee nama gaaʼela qabu gara biraa hin kolomsu. Kanaafuu amma gaaʼela utuun hin dhaabbatiin walitti dhufeenya saala faallaa wajjin qabu ilaalchisee of eeggannoo gochuun koo na fayyada.”Liyaa.

  •  Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu” jedha. (Fakkeenya 10:19) Qajeelfamni kun dubbii qofa utuu hin taʼin ergaa waliif barreessuu wajjinis ni hojjeta. Nama tokkoo wajjin hammam akka waliif barreessitan akkasumas waaʼee qabiyyee ergichaa irratti yaaduu qabda.

     “Walitti dhufeenya jaalalaa utuu hin qabaatin intala tokkoo wajjin yeroo hunda waliif barreessuun barbaachisaa miti.”Biraayan.

  •   Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha” jedha. (Yaaqoob 3:17) Nama tokko kan hammatte jaalala yaaddee taʼuu dhiisuu dandaʼa. Karaa gara biraan garuu nama sana akka jaallatte godhamee fudhatamuu ni dandaʼa.

     “Dhiiraa wajjin of irraa buʼee kanan taphadhu taʼus garmalee walitti dhihaachuu irraa nan fagaadha.”—Maariyaa.

 Yaada ijoo: Walitti dhiheenyi saala faallaa wajjin qabdu maal akka taʼe of eeggannoodhaan irratti yaadi. Shamarreen Janiifar jedhamtuu fi umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkas jetteetti: “Michuu gaarii argachuun baayʼee ulfaataa dha. Kanaafuu, ergaa nama burjaajessu erguudhaan michuu keessan dhabuu hin barbaaddan.”

 Gorsa gaarii

  •   Gorsa namoonni kaan kennaniif xiyyeeffannaa kenni. Namni tokko, “Abaluu wajjin wal qorachaa jirtu mitii?” jedhee yoo si gaafate kun abbichaa wajjin baayʼee akka walitti dhihaattan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

  •   Saala faallaa michoota kee taʼan hundatti haaluma wal fakkaatuun dhihaadhu. Wal caalchisuudhaan isa tokkoof qofa xiyyeeffannaa addaa hin kennin.

  •   Ergaa waliif ergitan ilaalchisees of eeggannoo godhi. Siʼa meeqa akka ergitu, ergaa akkamii akka ergitu akkasumas saʼaatii akkamiitti akka ergitu irratti yaadi. Intalli Aliisaa jedhamtu, “Nama saala faallaa taʼee wajjin halkan walakkaa ergaa waliif erguun sirrii miti” jechuudhaan dubbatteetti.