Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Seerawwan Warri Koo Baasan Ilaalchisee Isaan Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Seerawwan Warri Koo Baasan Ilaalchisee Isaan Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 “Umuriin koo yommuu waggaa 15 turetti seera warri koo baasan irratti guutummaattan walii gala ture; amma garuu umuriin koo waggaa 19 waan taʼeef, bilisummaa dabalataa argachuu akkan qabu natti dhagaʼama.”—Siilviyaa.

 Ati hoo akkuma Siilviyaa sitti dhagaʼamaa? Taanaan, mata dureen kun waaʼee dhimma kanaa warra kee wajjin akka mariʼattu si gargaara.

 Wanta beekuu qabdu

 Seerawwan warri kee baasan irratti isaanii wajjin mariʼachuu kee dura yaada armaan gadii qalbeeffadhu:

  •  Jireenyi seeraan hin geggeeffamne balaadhaaf nama saaxila. Mee waaʼee daandii guddaa sochiin itti baayʼatu tokkoo yaadi. Mallattoon daandii, ibsaan tiraafiikii fi daangaan saffisaa utuu hin jiru taʼee haalli akkamii uumamuu dandaʼa? Akkuma seerawwan daandii, seerawwan mana keessatti baʼanis karaa seera qabeessa taʼeen jiraachuuf nu gargaaru.

  •  Seerawwan warri kee baasan akka isaan siif yaadan argisiisu. Warri kee seera akkamii iyyuu utuu baasuu dhiisanii, kun wanta si irra gaʼuuf dhimma akka hin qabne kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Utuu akkana taʼee, silaa warri kee warra akkamii jedhamu turan?

 KANA BEEKTAA? Warris seera ajajamaniif qabu! Kana ni shakkita taanaan Uumama 2:24; Keessa Deebii 6:6, 7; Efesoon 6:4 fi 1 Ximotewos 5:8 dubbisi.

 Haa taʼu malee, seerri warri kee baasan sirrii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame hoo?

 Maal gochuu dandeessa?

 Isaanii haasofsiisuu kee dura mee dhimma kana irratti yaadi. Seera warra keetiitiif ajajamuu ilaalchisee maqaan ati qabdu maal fakkaata? Maqaa gaarii hin qabdu taanaan yeroon bilisummaa dabalataa itti gaafattu amma taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, dura mata duree “Amanannaa Warra Kootii Akkamittan Argadha?” jedhu ilaali.

 Gama kanaan maqaa gaarii qabda taanaan, wanta warra keetti himuu barbaaddu qophaaʼi. Tarii dursitee yaada kee galmeessitee qabachuun kee gaaffiin isaan gaafachuuf yaadde sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa qoruuf si gargaara. Achiis, warri kee yeroo fi bakka hundi keessan utuu hin dhiphatin itti mariʼachuu dandeessan akka murteessan gaafadhu. Sana booda yommuu isaanii wajjin haasofsiistu yaada armaan gadii yaadadhu:

 Isaan kabaji. Kitaabni Qulqulluun, ‘Dubbiin jabaan dheekkamsa in kaasa’ jedha. (Fakkeenya 15:1) Kanaafuu, dhimma kana irratti yaadi: Warra kee yoo falmite ykn sirrii akka hin taane yoo isaanitti dubbatte, yeruma sana mariin keessan kan nama hin gammachiisne taʼa.

 “Caalaatti warra koo yommuun kabaju, isaanis caalaatti na kabaju. Wal kabajuun yeroo jiraatutti walii galtee irra gaʼuun caalaatti salphaa dha.”—Biyaankaa, 19.

 Dhaggeeffadhu. Kitaabni Qulqulluun, “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa” akka taanu nutti hima. (Yaaqoob 1:19) Warra kee wajjin mariʼachaa akka jirtu malee isaaniif haasaa dhiheessaa akka jirtu gootee hin yaadin.

 “Yommuu guddachaa deemnu warra keenya caalaa akka beeknu nutti dhagaʼamuu dandaʼa; haa taʼu malee, kun matumaa dhugaa miti. Gorsa isaanii fi yaada isaanii dhagaʼuun baayʼee barbaachisaa dha.”—Deevan, 20.

 Bakka isaanii of kaaʼii yaadi. Dhimma sana bakka isaanii taatee ilaaluuf yaalii godhi. Kana ilaalchisee gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Faayidaa warra kaaniis [bakka kanatti, faayidaa warra keetii jechuu dandeenya] yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedhu hordofi.—Filiphisiyus 2:4.

Malli caalaatti buʼa qabeessa taʼe isa kam sitti fakkaata?

 “Warri koo akka na morman malee akka na deggeran godhee hin yaadun ture. Amma garuu akkuma ani gaʼeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuuf barachaa jiru, isaanis akkamitti warra gaarii akka taʼan barachaa akka turan nan hubadhe. Wanti isaan godhan hundi naaf yaaduu irraa kan kaʼe ture.”—Jooshuwaa, 21.

 Yaada furmaataa dhiheessi. Fakkeenyaaf, warri kee seera akkana jedhu tokko baasaniiru haa jennu: Gara affeerraa irratti argamuu barbaaddu tokkoo dhaquuf saʼaatii tokkoof konkolaataa akka ooftu hin barbaadan. Yaaddoon isaanii inni guddaan maal akka taʼe hubadhu; wanti isaan yaaddesse konkolaataa oofuu kee moo affeerraa sana irratti argamuu kee ti?

  •   Yaaddoon isaanii konkolaataa oofuu kee yoo taʼe, nama konkolaataa oofuu dandaʼu kan biraa wajjin taʼuun kee murtoo isaanii akka jijjiiran gochuu dandaʼaa laata?

  •   Yaaddoon isaanii affeerraa irratti argamuu kee yoo taʼe, eenyufaa akka irratti argamanii fi toʼannaan akkamii akka irratti godhamu ilaalchisee ragaa akkamii isaaniif dhiheessuu dandeessa?

 Karaa akka isaan kabajju argisiisuun dubbachuu fi wanta warri kee jedhan obsaan dhaggeeffachuu akka qabdu hin dagatin. Dubbii kee fi amala keetiin “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.” (Efesoon 6:2, 3) Yaada isaanii ni jijjiiruu? Tarii jijjiiruu ykn jijjiiruu dhiisuu dandaʼu. Murtoo akkamii iyyuu yoo godhan wantoota kanaa gadii gochuu qabda:

 Murtoo warra keetii kabajaan fudhadhu. Kun tarkaanfii barbaachisaa taʼee fi yeroo baayʼee dagatamu dha. Wanta barbaaddu dhabuu keetiin kan kaʼe warra kee wajjin falmuu yoo jalqabde, kana gochuun kee mariin keessan itti aanu ulfaataa akka sitti taʼu godha malee waan fayyadu hin qabu. Karaa kan biraa immoo tole jettee yaada kee yoo jijjiirte, seerawwan amma jiran tokko tokko siif salphisuun isaanii hin oolu.