Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?

Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?

 Hiriyoonni kee xumura torbee kanaatti bashannana tokko irratti akka argamtu si affeeraniiru. Atis warra kee heyyama gaafannaan, “hin taʼu” siin jedhan. Baayʼee si hin ajaaʼibne. Sababni, isaas yeroo darbes deebii akkasii siif kennaniiru.

Mata duree kana keessatti

 Warri koo yeroo hunda ‘hin taʼu’ kan naan jedhan maaliifi?

 Warri kee yeroo hunda ‘hin taʼu’ siin jedhu taanaan, akka ati hin bashannanne waan barbaadan sitti fakkaachuu dandaʼa.

 Shamarreen Meerii jedhamtu, jalqaba yeroo bilbilli isheedhaaf bitame miirri akkasii ishiitti dhagaʼamee ture. Akkana jetteetti: “Abbaan koo appilikeeshinii kamfaa buufachuu akkan hin qabne, akkasumas eenyufaa wajjinii fi hamman isaanii wajjin haasaʼuu akkan qabu na hordofa ture. Hiriyoonni koo garuu waanuma barbaadan gochuu dandaʼu turan!”

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Abbaan Meerii dhuguma akka isheen hin bashannanne barbaadaa? Maalfaatu isa yaaddessee taʼuu dandaʼa?

Dhorkaan saffisa konkolaataa irra kaaʼamu hamma taʼe bilisummaa kan nama dhowwatu taʼus, balaa guddaarraa si eega; qoqqobbiin warri kee sirra kaaʼanis akkasuma

 Kana yaali: Warra akka taatetti yaadi; shamarree waggoota kurnanii keessatti argamtuu fi bilbila argatte qabda. Maalfaatu si yaaddessuu dandaʼa? Intala kee kana eeguuf qoqqobbii akkamiifaa irra keessa? Intalli kee kun akka isheen bashannantu akka ati hin barbaanne yoo dubbatte maal isheedhaan jetta?

 “Abbaan koo yeroo hunda ‘iddoo koo of kaaʼiitii ilaali’ naan jedha ture. Kana gochuun koo faayidaa seerri inni baasu qabu qofa utuu hin taane, sababii inni seera sana itti baasus hubachuuf na gargaareera. Utuun ijoollee qabaadhee anis waanuma abbaan koo narraa eegun isaanirraa eega.”—Taaniyaa.

 Warri koo ‘tole’ akka naan jedhan amansiisuu kanan dandaʼu akkamitti??

 Kana hin godhin: hin mufatin, hin guungumin, ykn hin falmin.

 “Walitti iyyuun faayidaa kan hin qabne taʼuu isaarrayyuu miira kees taʼe kan warra keetii ni miidha. Isaaniin falmita taanaan, warri kee akka ati hin bilchaanne fi bilisummaan dabalataa akka siif hin malle isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.”—Riichaardi.

 Kanaa mannaa akkas godhi: Daftee hin mufatin. Kanaa mannaa, haala isaa iddoo warra kee taʼiitii ilaali. Dhuguma si hin amanani moo iddoo ati ooltu ykn namoota ati wajjin ooltutu isaan yaaddesse? Sababii isaanii beekuu akka dandeessuuf, maaliif dhimmicha irratti tasgabbiidhaan isaanii wajjin hin mariʼattu?

 “Seerri baʼu hundi yeroo baayʼee sababii gaarii qaba. Warri koo bashannana na dhowwuuf yaalaa hin jiran; kanaa mannaa bashannana gaarii rakkina natti hin fidne akkan argadhu barbaadu.”—Iivii.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni gowwaan miira isaa hundumaa gad baasa,Namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora.”—Fakkeenya 29:11.

 Kana hin godhin: Warra kee hin gowwoomsin.

 “Akkaataan bilbila kootti itti fayyadamu ilaalchisee seera abbaan koo baase jalaa malaan miliquufan yaalan ture. Halkan walakkaan hiriyoota kootiif ergaa erga ykn appilikeeshinii inni naaf hin heyyamnen buusa. Boodas narratti bare, sana booda na amanuu waan hin dandeenyeef qoqqobbii narra kaaʼes ni cimse. Qoqqobbii sirra kaaʼame jalaa miliquuf yaaluun gaarii miti.”—Meerii.

 Kanaa mannaa akkas godhi: Qoqqobbii warri kee sirra kaaʼan kabajiitii akka isaan si amanan gochuuf yaali.

 “Obsa qabaadhu. Warri kee seera isaan siif baasaniif ajajamaa akka jirtu arguun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa, ajajamaa akka jirtu yoo hubatan garuu, bilisummaa dabalataa siif kennuu dandaʼu.”—Meliindaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa.”—Qolosaayis 3:20.

 Kana hin godhin: Wanta ijoollee umurii kee irratti argaman kaaniif heyyamame akka siif heyyaman isaan gaafachuudhaan warra kee hin dhiphisin.

 “Irra deddeebitee warra kee irratti dhiibbaa gochuun wanti hundi akka siif milkaaʼu ykn wanta barbaadee akka argattu gochuu hin dandaʼu.”—Naataalii.

 Kanaa mannaa akkas godhi: Gilgaala “Seericharratti Yaadi” (AM) jedhutti fayyadamiitii warra kee wajjin dhimmicha irratti mariʼadhu.

 “Warri, murtoo gaarii gochuu dandaʼuu fi dhiisuu kee beekuu barbaadu. Kanaaf, miiraan oofamee warra kootti dubbachuu mannaa, ragaa isaaniif dhiheessuufan yaala. Akkas yommuun godhu yeroo baayʼee milkaaʼinan argadha.”—Jooseef.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Abbaa kee fi haadha tee kabaji.”—Efesoon 6:2.