Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warri Koo Yoo Wal Hiikan Haala Isaa Akkamittan Dandamachuu Dandaʼa?

Warri Koo Yoo Wal Hiikan Haala Isaa Akkamittan Dandamachuu Dandaʼa?

 Haalawwan baayʼee rakkisoo dargaggoota mudatan keessaa tokko yeroo warri isaanii wal hiikanidha. Gadda yeroo kanatti sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Mata duree kana keessatti

 Wantoota gochuu hin qabne sadi

 1. Balleessaa kee akka taʼe gootee hin yaadin

 “Yeroo tokko haatikoo rakkinni hundi kan jalqabe yeroon ani dhaladhee kaasee akka taʼe yommuu natti himtu, anis gaaʼelli warra koo milkaaʼina kan dhabe sababii kootiin akka taʼen yaaduu jalqabe.”—Daayaanaa.

 Wanta yaadachuu qabdu: Warri kee kan wal hiikan dogoggora keetiin miti. Kan wal hiikan rakkina gidduu isaanitti uumameen kan kaʼedha. Gidduu isaanitti rakkina kan uume si miti; rakkina isaaniitiif furmaata kennuus hin dandeessu. Rakkina gidduu isaaniitti uumameef furmaata kennuu kan qabu lamaan isaaniiti.

 “Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.”—Galaatiyaa 6:5.

 2. Haaloo hin qabatin

 “Abbaan koo haadha kootiif utuu hin amanamin waan hafeef baayʼee isatti aareera. Kanaafuu deebiʼee isa amanuun baayʼee natti ulfaata.”—Riiyaanaa.

 Wanta yaadachuu qabdu: Wanta warra kee gidduutti uumameen kan kaʼee tarii aartee ykn abdii kutattee taʼuu dandaʼa; akkas gochuufis sababii quubsaa qabda. Haa taʼu malee, haaloo qabattee turuun kee sirrii miti. Karaa qaamaas taʼe karaa miiraa si miidhuu dandaʼa. Haaloo qabachuun summii fudhatanii namni inni kaan akka dhukkubsatu eeguu wajjin wal fakkaata kan jedhamu kanaafi. a

 “Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi.”—Faarfannaa 37:8.

 3. Gaaʼela gammachiisaa qabaachuu dandaʼuu kee hin shakiin

 “Anis akkuma abbaa koon godha jedhee baayʼeen sodaadha. Gaaʼela godhadhee ijoollee yoon qabaadhe, akkuma warra koo wal hiikuun na mudata jedheen sodaadha.”—Jeesikaa

 Wanta yaadachuu qabdu: Gaaʼelli warra keetii utuu hin milkaaʼin hafuun isaa, kan kees utuu hin milkaaʼin hafa jechuu miti. Muuxannoo warra kee irraa wanta si fayyadu barachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, amala nama hiriyaa gaaʼelaa godhachuu barbaaddu sun akka qabaatuu barbaaddu ilaalchisee caalaatti of eeggannoo gochuuf si gargaara. Kana malees, gaaʼelli warra kee inni utuu hin milkaaʼina hafe amala abbaa manaa gaarii ykn haadha manaa gaarii taʼuuf si dandeessisu akka horattu si kakaasuu dandaʼa.

 “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru.”—Galaatiyaa 6:4.

Warri keessan wal hiikuu isaanii irraanfachuun akkuma nama lafeen isaa cabee ture bayyaannatee wajjin wal fakkaata. Wanti baayʼee nama gaddisiisu yeroo booda hirʼachaa dhufuu qaba

 Wanta gochuu dandeessu sadii

 1. Wanta sitti dhagaʼamu dubbadhu. Namoonni miira gadhee isaanitti dhagaʼamu hin dubbanne, gochawwan isaan miidhan, jechuunis kanneen akka dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuuf qoramu. Wantoota kana gochuu mannaa wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

 Warra keetti dubbadhu. Warra kee keessaa abbaan tokkoo ykn lamaan isaanii dhimma isaanii keessa akka galtu gochuuf yaalaa jiru yoo taʼe, dhimmi kun hangam si miidhaa akka jiru gaarummaadhaan garuu cimsi isaanitti himi. Kallattiidhaan isaan haasofsiisuun yoo sitti ulfaate, tokkoo isaaniitiif ykn lamaan isaaniitiif xalayaa isaaniif barreessi.

 Michuu amanuu dandeessu tokkotti himadhu. Nama si dhaggeeffatu tokko argachuun kee qoftillee boqonnaa guddaa siif argamsiisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluu, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

 Uumaa keetti himadhu. Waaqni kee Yihowaan inni ‘kadhannaa namaa dhagaʼu’ yeroo hundumaa si dhaggeeffata. (Faarfannaa 65:2) Kitaabni Qulqulluun, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedha.—1 Pheexiros 5:7.

  •   Karaa tasgabbii qabuu fi toʼatamuu dandaʼuun dubbachuu kan dandeessu abbaa kee moo haadha keettidha?

  •   (Hiriyaan ykn gaʼeessi) amanuu dandeessuu fi haala kana akka dandamattu si gargaaru eenyudha?

  •   Waaʼee dhimma isa kamii kadhachuu dandeessa?

 2. Jijjiirama sanaa wajjin wal baruuf yaalii godhi

 Warri kee wal hiikuun isaanii, mana haaraa, mana barumsaa haaraa ykn galii haaraa, akkasumas michoota haaraa wajjin wal baruu gaafata taʼa. Kun abdii kan nama kutachiisuu fi kan nama dhiphisu taʼuu akka dandaʼu beekamaadha; jireenyi kee guutummaatti akka jijjiirame sitti dhagaʼama taʼa. Jijjiiramni sun akka sitti salphatu gochuu kan dandaʼu maalidha? Haalawwan haaraa sanaa wajjin akkamitti wal baruu akka dandeessu irratti xiyyeeffadhu.

  •   Warri kee wal hiikuu isaaniitiin jijjiiramni guddaan gochuun si barbaachise maalidha?

  •   Jijjiirama sanaa wajjin wal baruuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessa?

 “Ani haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera.”—Filiphisiyus 4:11.

 3. Cimina qabdu hubadhu

 Warri kee wal hiikuun isaanii baayʼee si dhiphisu kan dandaʼu taʼus, cimina qabdu dinqisiifachuu si barsiisa. Amala haaraa horachuu akka dandeessullee si gargaaruu ni dandaʼa. Jeremii inni warri isaa yeroonii umurii waggaa 13 turetti wal hiikan akkana jedheera: “Warri koo wal hiikuun isaanii caalaatti nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akkan taʼu na dirqisiiseera. Ani ilma hangafaa waanan taʼeef, haadha koo fi obboleessa koo quxusuu gargaaruun qaba ture.”

Warri kee wal hiikuun isaanii mana keessatti caalaatti nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taatu gochuu dandaʼa

  •   Haala warra kee mudateen kan kaʼe cimina akkamii akka qabdu hubatte?

  •   Amala isa kam fooyyeffachuu barbaadda?

 “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, . . . wanta hundumaa sirreessuuf . . . fayyadu.”—2 Ximotewos 3:16.

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Aarii Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.